Maallaqa saantimaa ykn callaa hambisuun addunyaatti rakkoo uumaa?

Saantima sibiilaa

Madda suuraa, Alamy

Mootummoonni hedduu maallaqaa isaanii keessaa saantima balleessuuf karoorfachaa jiru – kaan ammo balleessaniiru. Kun garuu murtee salphaa miti.

Hojjeetaa supparmaarkeetii Awustraaliyaa kan ta’e dargaggoon ganna 21 Jaak Sitirling maamiltoota saantimaan kaffaluuf boorsaa isaanii yeroo xuxxuqaan ni aara.

“Namootni kaffaltiif jecha yeroo saantima hedduu fidaanii na duratti nagan na dhiba” jedha.

“Yeroo bakka kaffaltiirra hojjattuu hirirrii namoota akka hin bayyanneef ariitiin hojjachuun barbaachisaadha,” jedha.

Maamiltoonni suutaa jedhanii saantima lakkaa’an ammo hojii lafarra nu jalaa harkisu jedha.

Hojjeettonni supper maarkeetii maamiltoota kaardii ykn maallaqaan dafanii kaffalanii deeman filatu.

Qorannoon Waldaa Suqooota Biyyaalessa kan Ameerikaan hojjeetame akka ibsutti yeroo kaffaltii baramee irratti santima lakkaa’uun sakandii 2.5 dabala.

Kun qofaatti yeroo ilaalamuu hedduu hin fakkaatu garuu guyyaa tokkottii miliyoonaan yoo baayyisne miidhaa guddaa qaba.

Biyyooti hedduu keessatti karoorri oomisha saantimaa dhaabuu ni ka’a.

Dhiyeenya UK keessatti dhaabbati omishaa saantima mootummaa Royal Mint waggoota kudhan dhufaniif saantima abbaa paawundii 2 akka oomishuu dhaabu himeera.

Kaanaadaan saantima abba tokkoo bara 2012tti omishuu kan dhaabde yoo ta’u, Awustiraaliyaan saantima abba tokko fi lamaa bara 1992 keessa omishuu dhaabde.

Biyyoota dhiyeenya saantima isa xiqqaa isaanii oomishuu dhaaban keessaa tokko The Bahaamas yoo taatuu, omishnii saantimicha Amajjii 2020 keessa dhaabbate.

Dhuma bara kanaa booda namootni saantima sana fayyadamuu hin danda’ani jedhu aanga'ooti biyyattii.

“Namootni biyyaa guddatanii fi dureeyyii keessa jiraatan fayyadama saantimaa suuta suuta dhiisaa dhufaniiru jedheen yaada" jetti oggeettiin diinagdee fi bulchiinsa Obaamaa jalatti goorsituu mootummaa kan turte Liisaa Kuuk.

Saantima sibiilaa/callaa

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Harka qalleeyyii daandirra jiraataniif saantimni akka madda jireenya isaaniti

Erga bara 2012 Kanaadaan saantimaa ishee isa xiqqaa oomishuu dhiistee as, biyyootiin guddatan hedduun saantimoota gatii xiqqaa isaanii hambisuu ni barbaadu jedheen yaada.

Ta’us garuu saantima balleesuun akkasumaan akka oomisha dhaabuu salphaa miti.

Namoota tokko tokkoof saantima baachuun ykn laakka’uun akka ba’aatti kan itti mul’atu ta’us namoota kaaniif garuu jireenyi isaanii saantima irratti hundaa’a.

Yaaddoo dhaabbilee gargaarsa

Kanneen saantimni baduun miidhaman keessaa tokko dhabbilee gargaarsaa yeroo baay'ee saantima namootni kaaffaltii irraa deebiin argatan kennaniif irratti kan hundaa’anidha.

Maallaqni hedduun kan gumaachamuu karaa qodaa ykn sanduuqa suuqii keessa kaa'amu kan namootni wayita deebii fudhatan akka gumaachaan ka’aamu fi kan karaa irratti sassaabamudha.

Akka gabaasa Dhaabbata 'Charity Aid'tti bara 2019 keessa guumaachoota dhaabbilee gargaarsaa UK keennaman keessaa walakkaa ol kan calla/saantimaan kennamanidha.

Yaaddoo namoota daandirraa jiraatanii

Harka qalleeyyii daandirra jiraataniif saantimni akka madda jireenya isaaniti.

“Gama lamaaninuu ta’ee argeera. Shakkii malee namootaaf saantimaa kennuu fi saantima gaafachuutu isaaniif salphaata, sababiin isaa akka waan danuu bu’aa hin qabneetti waan ilaalamuufi,” jedha Fiiniksi Bilaak.

Waggaa tokkoo oliif daandiirra jiraachaa kan ture Bilaak jireenya isaa fi hiriyyaa isaa YouTube fi TikTok irratti ni qooda.

Saantimni badaa waan bu’aa hin qabne fakkaatus gummaachaa irratti garuu hedduu hin ta’u jechuu miti. “Waan akka nyaataaf yoo ta’u, namoota daandiirra jiraataniif baayyee barbaachisaadha.”

Saantima sibiilaa/callaa wayita harka qalleeyyii kennamu

Madda suuraa, Alamy

Yoo gabaa irraa saantimni bade, namootni harka qalleeyyi daandiirra jiraatan namoota irraa gargaarsa gaafachuun itti cima.

“Nama hin beekne tokko gargaarsa gaafachuun cimaa ta’ee utuu jiru, gargaarsa gaafattu hanga dandeessutti xiqqeessitee gaafachuun isaa gargaarsa gaafatuuf gaaridha,” jedha Bilaak.

“Kanaratti dhibbaa akka qabaatu ifadha, namootni saantima kennuuf yemmuu korojoo isaaanii keessa barbaadanitti yoo dhaban tarii maallaqa waraqaa kennuu ykn dhiisuu danda’u,” jetti piroofessarri ikoonomiksii Yunivarsitii Barninghaam Kimberlii Sacharfi.

Ta’us garuu, tarii hundi isaa hamaa ta’uu dhiisuu danda’a jetti. Kun namootni yoo saantima hin qaban ta’e maallaqaa waraqaan caalaa akka gumaachan goochuu danda’a ta’a jettee abdatti.

Sababa weerara kanaan ammoo suuqii fi gabaan adda addaa maallaqa akka saantimaa waan fudhachuu hin barbaanneef namoota harka qalleeyyi kanneen daandiirra jiraatanii kaardii baankii hin qabneef dhibbaa guddaa irratti uumeera.

Yeroo addunyaan gara dinaagdee saantimaafi maallaqaa waraqaa hin qabneetti ce’u namootni baankii hin fayyadamne boodatti hafu.