'Yeroo namni kiisii namaa keessatti kajeelutti amanamaa ta'ee argamuun na boonse'-dargaggoo maallaqa lafaa argee abbaaf deebise

Dargaggoo Badiruu Huseen

Godina Iluu Abbaa Booritti dargaggoon maallaqa lafa bu'e argatee abbaaf deebise, ''Yeroo namni kiisii namaa keessatti kajeelu kanatti amanamaa ta'ee argamuun naboonse,'' jechuun BBCtti hime.

Aanaa Diiduutti hojii daldalaa irratti bobba'anii kan jiran Obbo Araddaa Takkaa, meeshaalee daldalaaf isaan barbaachsu bituuf birrii 11,000 qabatanii doqdoqqeedhaan gara magaalaa osoo imalanii maallaqicha karaatti kan jalaa bu'ee bade.

Isaanis birriin isaanii kun osoo doqdoqqeedhaan imalanii akka bade waan baraniif, akka deebi'anii hin arganne yaadanii gaddanii mana isaaniitti deebi'an.

Guyyaa tokkoon booda dargaggoo Badiruu Yaasin leenjiidhaaf bakka jiraatu ganda baadiyyaa irraa gara magaalaa osoo imaluu birrii 11,000 kan maramee daandii cinaa ciisutti bahe.

"Jalqaba yoon argu nan rifadhe. Akka waan firri kiyya du'e wayiitti naasuu keessan seene.

Yeroon birricha argu tarii namatu lafa kaa'ee ittiin na madaalufii laata jedhees yaadeera. Garuu birrichi kan ala bule waan ta'eef akka namni hin keenyen bare," jedha.

Birriin inni lafaa argate kun bokkaan itti roobee waan tureef walitti qaqqabatee lakkaa'uufis kan hin mijanne waan ta'eef, akkuma lafaa kaasetti gara waajjira poolisiittin qajeele.

"Birricha deemetin waajjira Poolisiitti galchee galmeessise. Sanbooda walgahii sanarra namni hedduun waan tureef, birrii lafaa argeen waajjiratti galmeesiseen jira namni isin jalaa bade dhaqaa fudhadhaa jedheetin hime. Kanumaan abbaan argamee dhaqee fudhate," jedha.

Yeroo inni 'birrii kuma 11 lafaa argadhee waajjira poolisiitti galcheera' jedhee himu kanattis namootni isa bira jiran akkamitti birrii lafaa argatte waajjira poolisii geessita jedhanii akka raajeffatan hima.

Inni garuu gocha isaa kanatti hedduu akka gammadeefi namootni biroos irraa barachuu akka qaban hima.

"Yeroo kanatti birrumtuu hin jiru waan ta'eef lafaa argatanii galchuun ni ulfaata taha. Inni kaan isuma kiisii namaayyuu akkamitti jalaa fudhadhu jedhee hawwa.

Animmoo yeroo kanatti amanamaa ta'ee argamuutti nan gammada. Sabni kiyyas akka itti gammaduufi irraa baratu nan yaada," jedha.

Namoonni qabeenya isaanii akka hin banne dursanii eeggachuu akka qabanii fi waan dafqa ofiitiin hin arganne kan ofii gochuuf hawwuu akka hin qabnes dhaame.

Birriin jalaa bade kan deebi'eef obbo Araddaa Takkaas hedduu akka gammadan dubbatan.

"Birriin kiyya bade argamuutti baayyeen gammade. Bara kana dargageessi birrii lafaa argatee namaa deebisu jira jedhee yaadee hin beeku.

Kuni amanamummaa guddaadha baayyeen gammade. Namni kaanis mucaa kanarraa amanamummaa baruu qaba," jechuun BBC'tti himan.