Baahir Daaritti barsiisaan Birrii miliyoona tokko dogoggoraan bankiirraa kennameef deebise

Qarshii Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Yunvarsiitii Baahirdaaritti dura ta'aa Muummee Kemistirii kan ta'an Obbo Alamuu Tasfaayee baankii Abisiiniyaa Baahirdaaritti argamurraa qarshii miliyoona tokko dogoggoraan isaaniif kenname baankichaaf deebisan.

Obbo Tasfaayeen ALI gaafa Ebla 29, 2011 lakkoofsa herrega isaanii Baankii Abisiiniyaa damee Xaanaa keessaa wayita baafachuuf deemanitti ture kun kan ta'e.

Bataskaana Tewaahidoo Oortodoksii Itoophiyaatti qindeessaa sagantaa Waldaa Qulqullootaatti kan Obbo Tasfaayeen keessatti hirmaatan manneen barnootaa Abinnet ijaaruufi Gadaamota gurmeessuuf jedhamee qarshii miliyooona tokkoofi kuma dhibba lamaafi sadii maqaa isaaniitiin galii ta'ee ture.

Hoji Gaggeedssaan Baankii Abisiiniyaa damee Xaanaa Obbo Biraarraa BBC'tti akka himanitti osoo hojjetoonni baankichaa akkuma yeroo kaanii hojii isaanii idilee hojjechaa jiranii ture Obbo Alamuun Qarshii maqaa isaaniin galii ta'e kana baafachuuf gara damee sanaa kan deeman.

Dameen baankii kanaa naannoo gabaatti waan argamuuf hojiin akka itti heddumaatus ni dubbatu Obbo Biraaraan.

Hangi Qarshiin maamilli isaanii Obbo Alamuun baafachuuf gaafatan guddaa waan tureef hojjetaan fuula duraan kaffalu 3000 qofti akka kennamuuf taasisee isa hafe miliyoona 1.2 ammoo gara diinqaatti seenee akka fudhatu taasifame jedhan.

"Erga gara keessaatti seenanii booda Qarshicha waliin lakkoofnee akka fudhatu taasifneerra. Maamila kanaaf Qarshiin miliyoona tokko dabalataan kenameef gara qarshicha galii itti taasisanii geessan."

Obbo Biraaraan akka jedhanitti Obbo Alamuutiif Qarshiin miliyoona tokko dabalataan kennamuufifi baankicha keessaa Qarshiin hir'achuu hin barre ture. Hanga Obbo Alamuun Qarshii dogogoraan isaaniif kaffalame kana jooniyaadhaan deebisanii fidanitti namni shakke tokkollee hin jiru.

Wanta uumame "waan baayyee ajaa'ibaadha" jechuun ibsaniiru.

"Maamilli keenya kun yeroo qarshii kana deebisuuf dhufetti qarshii darbaa fudhatee deeme deebisuuf akka ta'e hin barre ture. Yaada isaanii jijjiiranii qarshii isaanii deebisanii galchuuf kan dhufe jedheen yaade."

Obbo Alamuun kan fidan garuu qarshii kan isaanii galii gochuudhaaf osoo hin taane, qarshii miliyoona tokko dogoggoraan fudhatan deebisuuf ture.

Obbo Alamuun Qarshii fuudhanii deeman sana nama isa waliin ture waliin hojii isaanii ittiin gaggeeffachuuf gara Baankii Daldalaa Itoophiyaatti galii gochuuf yeroo deeman qarshiin Abisiiniyaatii baasan sun miliyoona lamaa ol ta'uu kan baran.

Hojjetaan Baankii Daldala Itoophiyaa akkuma ilaaleen osoo hin lakkaa'iin dura miliyoona 2.2dha mitii jedhee isaan gaafate.

"Yeroo akkas jedhee nu gaafatu hangi maallaqa kanaa miliyoona 1.2 jennee deebisneef. Yeroo qarshii sana irra deebinee lakkoofnu miliyoona 2.2 ta'ee argame," jechuudhaan haala ture ibse Obbo Alamuun.

"Kan keenya kan ta'e Qarshii miliyoona 1.2 kan keenya achumatti galii goonee booda isa hafe gara Baankii Abisiiniyaa damee Xaanaatti geessuudhaaf deebine."

Hoj-gaggeessaan baankichaas herrega guyyaa saatiin itti shallaganii cufan waan hin geenyeef waan hir'ate hin barre ture.

Obbo Biraaraan akka jedhanitti Obbo Alamuun yeroo qarshiivdogogoraan naaf kennitaniittu waan ta'eef deebisuudhaaf yeroo jedhutti yeroo duraa qoosaa itti fakkaate. Booda wanti sun yeroo dhugaa ta'u garuu ajaa'ibas naasuus itti ta'uu dubbate.

Osoo Obbo Alamuun qarshii sana hin deebisne ta'ee maaltu ta'a gaaffii jedhuuf Obbo Biraaraan tarkaanfii naamusaa fudhachiisuu mala jedhe.

"Dogogorri uumame dhiibbaa hojiin baayyachuun ykn osoo hin beekiin akka ta'e baruudhaaf waan hin danda'amneef akka ta'e jedhamee raawwatameetti fudhatamuu danda'a."

Maamilichi dogoggorii hojjetan waan hin jirreef Baankichi kaffaltaa erga isaaniif raawwatee booda gara dhimma isaanii waan deemaniif seerri isaan gaafachiisu hin jiru jedhe.

"Nameenyaa Obbo Alamuu jechaan ibsuudhaaf rakkisaadha; sammuun olidha; Rabbi waan dafqa isaaniitiin argatan akkasumas gaa'ela isaanii akka isaaniif eebbisuuf hawwii keenya," jedhe Obbo Biraraan.

"Kun hojii dhaloota kanaaf fakkeenya gaarii ta'udha. Hojii umurii isaanii guutuu ittiin boonuu qabanidha. Anis umuriikoo guutuun isa yaadadha. Nama hojii qajeelummaatiiin yaadataman godheen fudhadha," jechuudhaan galateeffatan.

Obbo Alamuunis hojiin isaan hojjetan eenyuyyu kan gochuu danda'udha jedhanii hojjetoota baankichaa rakkina irraa oolchuu isaaniitti gammadhuu himan.