Poolisii: Qarshii baankii miiliyoona 80 saamuun kan shakkaman to'annoo jala oolan

Madda suuraa, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
Maallaqa baankii qarshii miiliyoona 80'tti tilmaamamu karaatti saamuun kan shakkaman to'annoo jala ooluu isaanii poolisiin beeksise.
''Maallaqni samame jedhamu kan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaati. Mudde 19, 2011 ganama keessaa sa'aatii 3:00'tti Aanaa Mi'eessoo bakka addaa Keellaa Asaboot jedhamutti saamame,'' jedheera poolisiin dhimmicha qorataa jiru.
Itti-gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Godina Hararagee Lixaa Komaandar Gaaddisaa Nugusee BBC'tti akka himanitti qaamni saame qoratamaa jiraachuu himu.
''Dargaggeeyyii naannoo sana jiraatan keessaayis meeshaa waraanaa shigguxii fa'i qabanidha jedhani gareen eeggumsa maalaqa sanaaf taasisu deeme nutti himeera,'' jechuun eenyummaa kanneen shakkaman himaniiru.
Maallaqni Damee Ciroorraa bahe gara Damee Bishooftuu deemaa kan ture yoo tahu ''baankiin kan nutti himes waraqaa kaasharichi maallaqa qabatee geessuudhaaf deemuus mallatteessee kan baasu miiliyoona 80 jedha,'' jedhan.
''Hanga bira geenyutti maallaqni kuni guutummaatti saamame,'' kan jedhan Komaandar Gaaddisaan poolisoonni afur Ciroo irraa ramadamanii faana deemanis ''waligalteedhaan dhimmichi hiikkata kan jedhuun gara tarkaanfii biraattii hin seenne,'' jedhaniiru.
Namoonni shakkiidhaan maallaqa waliin qabaman jiru kan jedhu poolisiin, shakkamtoonni ''konkolaachistoota yeroos maallaqa qabatanii deeman keessaa buusani ofii isaanii qabatanii gara magaalaa erga seenanii booda waajjira mootummaa keessa qoqqoddachuu,'' isaanii himaniiru.
Poolisiin akka jedhetti haala amma jiruun dhimmicha mariin furuufi bakka shakkiin jirummoo sakatta'un qoranno gaggeessaa jiru.
Shakkamtoonni eeruudhaan qabaman malee kanneen harkaafi harkatti qabaman hin jiran jedha poolisiin. Maallaqa saamame keessaa muraasa mariidhaaniifi sakatta'insaan deebisaa jiraachuus ibseera.
Bankii Gamtaa Oromiyaatti Abbaa Adeemsa Qorannofi Korporeet Komunikeeshinii Ballaxaa Waaqbeekaa waabeffachuun gaazexaan Addis Fortune jedhamu akka gabaasetti namoonni badii kanaan shakkaman 100 ta'u.
Kanaan duras, torban muraasa dura bakkuma walfakkaatutti qarshiin miiliyoona 80 kan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa ta'e osoo Dirree Dhawaa irraa gara Finfinnee deemu Mi'eessootti qabame harka poolisii jira.
Baatii dhuma Adooleessaa 2010'tti immoo baankiin kuni dameelee lama magaalaa Jigjigaa keessaa hokkara dhalateen qarshii miiliyoona 40'tti tilmaamamu saamamee ture.














