Koroonaavaayiras: Emaanu'eel Maakiron Firaansitti uggura sochii 2ffaa labsan

Pirezedaantii Firaansi Maakiroon

Madda suuraa, EPA

Pirezidaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakiroon uggura 2ffaa yoo xiqqaate hanga xumura ji'a Sadaasaatti turu labsaniiru.

Maakiroon akka jedhanitti tarkaanfii haaraa fudhatame kana jalatti, namni kamiyyuu hojii murteessaa fi yaala fayyaaf qofa akka manaa bahu eeyyamama jedhan.

Hojiin biizinesii baay'ee murteessoo hin taane kan akka mana nyaataa fi mana dhugaatii cufamanii turu. Manneen barnootaa fi warshaaleen akkuma banamanitti hojii itti fufu.

Erga ji'a Eeblaa as lakkoofsi namoota Covid-19'n du'anii guddaan galmaa'aa jira. Gaafa Kibxataa qofa namootni 33,000 tahan vaayirasii kanaan qabamaniiru.

Akkasuma Jarmanis akka kan Firaansi ulfaataa tahuu baatus, uggura salphaa tahe labsuuf jetti. Manneen nyaataa, gidduugala ispoortii fi tiyaatiraa cufamanii akka turan murteessiteetti.

Weerarri vaayirasichaa biyyoota Awurooppaa baay'ee keessatti dabalaa kan dhufe yo tahu, UK keessatti guyyaa Roobii namootni 310 tahan du'aniiru.

Namootni 24,701 tahan ammoo vaayirasichaan qabamaniiru.

Ingilaanditti qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni haaraan 100,000 tahan guyyaatti vaayirasichaan qabamu. Waanti jijjiiramuu qabu tokko jiraachuu qaba jechuunis gorsu.

Uggurri yeroo sochii halkanii biyyoota baay'ee keessatti hojiirra kan ooleeru yoo tahu, Firaansi uummata miliyoona 46 tahuufis akkasuma dhorkameera.

Gabaan biyyoota akka UK, Jarman fi Ameerikaa keessatti gadi bu'eera.

''Weerara lammaffaa hamaa keessa galleerra'' jedhan pirezidaantiin Komishinii poolisii Gamtaa Awurooppaa Ursula Von der Leyen. ''Ayyaanni Qillee bara kanaa adda taha,'' jedhan.

Dhorkaan amma darbe kun hanga Mudde tokkootti kan turu tahee, torban lama lamaan kan madaalamu taha jedhan Maakiroon.

Ayyaana Qilleef maatiin akka walitti makaman abdiin qaba jedhan Maakiroon.

Chaansilerri Jarman Angeelaa Merkelis biyyi isaanii ''amma tarkaanfii fudhachuun'' akka biyyaalessaati weeraricha qolachuu akka qabdu waamicha taasisaniiru.

Jarman biyyoota kaan caalaa lakkoofsa namoota vaayirasichaan faalamanii xiqqaa qabdi.

.Jarmanitti:

  • Manneen barnootaa fi oolmaan daa'immanii banamanii turu
  • Walitti dhufeenyi hawaasaa abbootii warraa lama miseensa nama 10 qaban qofaaf eeyyamama
  • Turizimii, manneen nyaataafi dhugaatii cufamanii turu
  • Manneen tumaa [taatoo] fi maasaajii cufamanii turu
  • Kaampaanii xixiqqaan labsii ugguraa kanaan miidhaman %75 galii bara 2019 argataa turanii kaffalamaaaf.
Koroonaavaayiras
Sarara diimaa