Firaansitti lubni Ortodooksii rasaasaan dhahaman

Poolisii Firaans

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisii Firaans

Firaans magaalaa Liyoon keessatti lubni Ortodooksii Giriikii tokko rasaasa itti dhukaafameen madaa'anii lubbuu isaaniif sadarkaa yaaddessaa ta'e keessatti akka argaman aanga'oonni biyyattii beeksisan.

Namni miidhaa kana qaqqabsiise akkuma haleellaa raawwateen bakka sanaa miliqullee poolisiin ragaa namoota ijaan arganiirraa argaterratti hundaa'uun shakkamaa tokko to'annaa jala oolcheera.

Namni haleellaa kana raawwate maaliif akka kana gochuuf kaka'e hanga ammaatti ifa ta'uu baatus, poolisiin garuu dhimmicha yaalii ajjeechaa jechuudhaan qorannoo jalqabeera.

Gochi poolisiin yaalii ajjeechaadha jedhe kun kan uumame Firaansi magaalaa Niis keessatti namoonni sadii Waldaa Kiristaanaa keessatti miidhaa billaan waraanamuun irra gaheen lubbuun isaanii darbuu hordofeeti.

Haleellaa kana Pirezedaantiin Firaans Immaanu'eel Maakiroon, "haleellaa shorokeessuu Isilaamummaati" jechuun isaanii ni yaadatama.

Pirezedaantichi miseensota poolisii kumaan lakkaa'aman manneen barnootaafi dhaabbileen amantaa akka eeganiif bobbaasaniiru.

Magaalaa Liyon keessattti lubichi irratti haleellaan kan raawwatames yeroo abbaan amantaa kun tajaajila isaanii xumuranii karra bataskaanaa cufaa jiraniitti ture jedheera poolisiin.

Kantiibaan magaalattii Giriigoorii Daawusan gama isaaniitiin namni haleellaa kana raawwate maaliif akka lubicharraan miidhaa qaqqabsiisuuf akka barbaade ifa miti; eenyummaa nama to'annoo jala oolfames adda baasuudhaaf qorannoon taasifamaa jira jedhaniiru.

Qeesiin rasaasa lamaan rukkutaman kun Nikoolaas Kaakaavelakiis jedhamu. Sababa miidhaa irra gaheenis lubbuun Qeesichaa sadarkaa yaaddessa ta'erra jiraachuun isaas ibsameera.