Musliimoonni biyyoota addunyaa mormii farra Faransaay adeemsisan

Madda suuraa, EPA
Muslimoonni biyyoota addunyaa kumaatamaan lakkaa’aman Faransaay Islaamaaf jibba qabdi jechuun mormii adeemsisaa jiru.
Mormiiwwan farra Faransaay tahan biyyoota Paakistaan, Baanglaadeeshfi Libaanon keessatti Jimaata kaleessaa gaggeefamaa oolaniiru.
Mormitoonni namuu oomisha Faransaay bituu akka lagatuu fi Pirezidant Maakrooniin akka balaaleffatu gaafataa turan.
Pirezidantichi haasaa tibbana taasisanin biyyootni ummata Musliimaa harka caalu qaban mufii ibsachaa jiru.
Maakroon amantiin Isalaamaa ‘rakkoo keessa jira’ jechuun dabalataan barruun biyyattii Chaarli Hebdoo fakkii Nabiyyuu Muhaammad maxxansuun rakkoo hin qabu jedhaniiru.
Nami finxaalessaa Islaamaa ta'un shakkame barsiisaa fakkii Nabiyyuu Mohaammad kutaa keessatti agarsiise erga ajjeeseen booda dha pireezidantichi kana kan dubbatan.
Maakroon,’’barsiisaan kan ajjeefame warri Islaamaa egeree keenya waan barbaadaniifi, nuti immoo fakkiin barsiisuu hin dhiisnu,’’ jedhan.
Musliimonni waan Maakroon jedhan arraba dha yoo jedhan, fakkii Nabiyyuu Mohaammad kaasuun hawaasa Musliimaa keessatti akka safuu cabsuutti ilaalama.

Madda suuraa, EPA
Mormiin Firaansiin balaalefatu biyyoota Musliimonni baay’atan keessatti guyyootaaf adeemsifamaa jira.
Jimaata erga haleellaan finxaaleyyii Islaamaa jedhamanii shakkamaniin raawwateen booda muddamni dabalus mormiin itti fufeera.
Paakistaan keessatti hiriirtota kumaan lakkaa’aman kan Embaasii Faransaay Islaamaabaad jiruttii mormii dhageessisaa jiranitti poolisiin gaasii imimmaanessu biifaa ture.
Mormitoonni danqaraa poolisiin kaa’e cabsanii darbuuf yaalaa turan jedhu namoonni ijaan argan.
Mormitoonni Dahaakaa magaalaa guddoo Baangilaadesh immoo fakkii fi bobboca Maakroon guggubaa 'jibba Islaamummaa' qabu jechuun balaallefachaati turan.
Warreen mormii kana gaggeessan keessaa tokko Musliimni amantiinsaa akka itti qoosamu hin barbaadu jedhe.
’’Ameerikaa haataatuu Firaans yookiin Raashiyaa aangoo qabeessi addunyaa kamiyyuu Nabii keenya jaalatamaatti yoo qoosan hin obsinu,’’ jedheera.
Yeruusaalemittis salaata Jumaan booda Masjiida al-Aqsaatti namoonni fakkiin Nabiyyuu Muhaammad agarsiifamuu balaallefataniiru.
‘’Uummatni hogganaan isaa Muhaammad tahe hin mo’amu,’’ jechuun kan sagalee dhageessisaa turanis jiru.












