Namichi Firaansiitti haleellaa raawwate guyyoota muraasa dura kan Tuniiziyaarraa dhaqe

Madda suuraa, EPA
Lammiin Tuniiziyaa mana kadhannaa Firaansi keessatti namoota sadii ajjeese dhiyoo kan gara Awurooppaa seene ta'unsaa himame.
Shakkamaan ganna 21 kun ji’a darbe odola Laampeduusaa wayita baqattummaan qaqqabetti waraqaa eenyummaa Fannoo Diimaa Xaaliyaaniin kennameef qabatee akka ture himame.
Wayita ammaa kanatti rasaasaan rukutamee haala hammaataa keessa jiraachuutu himama.
Namoota sadan mana kadhannaa Nootre-Daam baasiliikaa, Niis keessatti argamutti ajjeefaman keessaa tokko ‘‘mormatu irraa cite’’.
Pirezidanti Imaanu’eel Maakroon ‘‘Haleellaa Shororkeessummaa Islaamaati’’ jedhan.
Akka Maakroon jedhanitti, loltoonni bakkeewwan ummanni itti wal-ga’u eeguuf ramadaman 3,000 irraa gara 7,000’tti ol guddata. Qorattoonni farra shororkii qorannoo taasisaa kan jiran yoo ta’u, akeekkachiisni nageenyaa biyyattii gara sadarkaa olaanaatti guddateera.
Haleellaan Kamisa kaleessaa kunis kan dhiyeenya kana barsiisaa tokko lubbuu dhabsiise waliin hidhata qaba yoo jedhamu.
Barsiisichis sababii suuraa kaartuunii Nabii Mohaammad barattootatti agarsiisuuf ajjeefame jedhameera. Ajjechaan barsiisichaan booda Firaansi keessatti mudama umeera.
Isaani boodas yaann Maakroon kennan walqabtees biyyoonni akka Tarkiifi kanneen ummata musliimaa hedduu qaban biroos yaada Maakrooniifi yaalii finxaaleyyii Islaamaa haleeluuf taasisan mormaa turan.
Namichi maqaan Biraahim Awuusaawuuyi jedhamuun adda baafame kun Qur’aanaafi seenxii cm 30 dheeratu qabatee akka tureefi osoo poolisiin hin dha’amin dura ‘‘Allaahu Akbar’’ (Rabbi Guddaadha) jechaa akka ture himame. Seenxiin lama halellaa kanaaf faayidaarra hin oolles boorsaa isaa keessaa argamuu poolisiin ibse.
Shakkamaan kun haala hammaata keessa jiraachuus dabalanii himaniiru.
Maakroon erga Niis daawwatanii booda yaada kennaiin: ‘‘Ammas irra deebiin haleelamne taanaan, duudhaalee keenya kan akka bilisummaa, carraa dachee keenyarratti bilisaan yaaduufi afuura shororkii kamiifuu jilbeenfachuu hafuu keenyaafi’’ jedhani.
‘‘Har’as ifattan irra deebi’ee dubbadha: maaliifiyyuu harka hin kenninu.’’
Haleellaa kanaan kan miidhaman eenyu isaan?
Sadan isaaniiyyuu mana kadhanichaa keessatti tajaajilli guyyuu osoo hin eegalin ture kan miidhaman.
Lama manuma kadhannichaa keessatti du’ani: maanguddoon dubartii ganna 60 ‘‘mormi irraa yoo citu’’ namni ganna 55 tokko ammo qoonqoon qalameera.
Namichi lubbuun darbe kun hojjataa mana kadhannichaa yoo ta’u, haadha warraafi ijoollee lama akka qabu barameera.
Dubartiin ganna 44 kan biraanis erga seenxiidhaan yeroo hedduu waraanamteen booda bakkichaa miliqxus boodarra lubbuun darbeera.
Haleellaawwan dhihootti Firaansitti raawwatan
Onkololeessa 2020: Barsiisaan Saamu’eel Paatii jedhamu mana barumsaa Paariis tokko fuulduratti murmi irraa kutame
Fulbaan 2020: Waajjira Chaarlii Heebdoo bakka loltoonni Islaamaa 2015’tti haleellaa hamaa itti raawwatan dhihootti namoonni lama waraanamanii miidhaan cimaa irra ga’e
Onkololeessa 2019: Poolisiin finxaalessi Maayikil Haarpan jedhamu waajjira muummee poolisii Paariis keessatti poolisoota sadiifi hojjataa siiviilii tokko waraanee erga ajjeesee booda ajjeefame
Adoolessa 2016: Namoonni lama mana kadhannaa Roon keessatti argamu lixuun luba tokko ajjeesuun nama kan biraa tokko miidhaa irraan ga’ani
Adoolessa 2016: Namni hidhate tokko Niis keessatti bakka namoonni ayyaana Guyyaa Baastiil kabajuuf walitti qabaman keessatti konkolaataa guddaa oofaa itti seenuun namoota 86 ajjeese, boodarras IS anatu haleellaa kana raawwate jedhe
Sadaasa 2015: Hidhattoonniifi kan boombiin ajjeesanii of-ajjeesan naannoo istaadiyemii koonsartiin itti qophaa’u Baatklaanitti haleellaa qindaa’aa raawwataniin namoota 130 ajjeesuun hedduu madeessani
Amajjii 2015: Hidhattoonni Islaamaa lama waajjiraalee Chaarlii Heebdoo cabsuun seenanii namoota 12 ajjeesan












