Pirezidaantiin duraanii Firaansi Saarkooziin hidhaa waggaa sadiin adabaman

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin duraanii Firaansi Nikolaas Saarkooziin yakka malaammaltummaatiin himatamaa erga turanii booda hidhaa waggaa sadiin adabaman.
Maanguddoon waggaa 66, Saarkooziin yakki walxaxaan paartiin isaanii ittiin himatamaa ture akka dhokatuuf jecha abbaa seeraa dhimmi ilaallatuuf aangoo kennuun himataman.
Saarkooziin nama Gilbert Azibert jedhaman Monaakootti muudanii yakkasaanii yaabanii gadi qaban jedhamuun himatamaa turan.
Gilbert Azibert fi abukaatoon duraanii Saarkoozii , Thierry Herzog, adabbiima kan pirezidaantichaan walfakkaatu argatan.
Saarkooziin adabbii itti murtaa'e manumaasaaniitti xumuru jedhame.
Abbaan seeraa biyyattii akka jedhanitti Saarkooziin manasaaniitti hidhamanii meeshaalee elektirooniksiitiin hordofamu, Pirezidaantiin duraanii kun ol-iyyatu jedhamanii eegamu.
Saarkooziin akka yakka hojjechaa ture ni beeka, gocha isaanii fi waahillan isaanii hawaasa biratti maqaan haqaa akka badu godheera jedhan abbaan seeraa.
Yakki isaanii kun yakka aangoo harkaa qaban fayyadamuun waan fedhan raawwachuu fi hojii seeraa fi haqaa sarbuu jedhamuun ramadameera.
Bara 2007 hanga 2012'tti pirezidaantiin Firaansi kan turan Nikolaas Saarkooziin, bara 2012 filannoo irra deebiin filatamuuf wayita duula gaggeessaa turan maallaqa garmalee qisaasessaniiru jedhamuun himatamaniiru.
Filannochaanis hin milkaa'in hafan.
Himati yakkaa hedduun irratti banamus Saarkooziin garuu ammallee deggertootaa fi uummattoota biyyattii hedduu biratti ni jaal'atamu.













