Pireezidantiin duraanii Firaansi Saarkooziin 'shira yakkaan' himataman

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin duraanii Firaansi Nikolaas Saarkooziin duula na filadhaa filannoo pirezidaantummaa bara 2007 irratti maallaqa Liibiyaatti fayyadamaniiru jedhamuun himataman.
Nikolaas Saarkooziirratti himati wayita banamu kun isa afraffaadha.
Qorannoo yeroo dheeraaf irratti gaggeeffamaa tureen, qondaalli duraanii kun ''miseensa garee shiraan yakka raawwatanii'' jedhamuun himatamaniiru.
Himati irratti dhiyaate kunis isaan adabsiisuu danda'a.
Qondaalli kun guyyaa afuriif erga qoratamanii booda, himata irratti baname hunda haalaniiru.
Waggaa darbes haaluma kanaan gaafatamanii turan.
Qondaala duraanii kanarratti himati biroon hedduunillee irratti banamanii jiru.
Dhimma maallaqa Liibiyaa fayyadamuutiin wal-qabatee bara 2018 malaammaltummaadhaan himatamanii turan.
Himati isaanirratti dhiyaate duula na filadhaaf maallaqa seeraan alaa fayyadamuu fi maallaqa uummataa qisaasessuufaa of keessatti qabata.
Amajjii darbe gargaaraan Saarkoozii, Teerii Goobert, akkasuma qoratamanii turan.
Nikolaas Sarkooziin bara 2007 hanga 2012'tti pirezidaantii Firaansi kan turan yoo ta'u, isaanii fi gareen isaan waliin turan bulchaa Liibiyaa duraanii Koloneel Mu'ammar Gadaafii irraa maallaqa yuuroo miiliyoonaan lakkaa'amu fudhchuun duula filannoof itti fayyadamaniiru jechuun abbaan alangaa shakkeera.
''Fayyaalessummaan kiyya murtee sobaa, waa'ee maallaqa an fayyadamee ragaa tokko malee narratti murtaa'een sarbameera'' jechuun Feesbuukiisaaniirratti barreessan Saarkooziin.
Gama kaaniin abbaa seeraa, Gilbert Azibert, matta'aa nyaachisuudhaanis himatamaniiru.
Abbaan seeraa kun qorannoo paartii Nikolaas Saarkoozii irratti gaggeeffame ilaalchisuun odeeffannoo waan isaaniif kenneef, carraa hojii mishaa ta'e kennuufiin Monaakootti ramadanii turan.
Akka gabaasa AFP'tti manni murtii dhimmsaanii ilaaluuf gaafa Sadaasa 23 hanga Muddee 10'tti beellama qabateera.













