Koronaavaayirasii: Poolisoonni Firaansi sakatta'iinsa vaayirasiif jecha mana qondaaltotaa weeraran

Madda suuraa, Reuters
Poolisoonni Firaansi mana jireenyaa qondaaltota mootummaa olaanoo fi Ministira Fayyaa biyyattii weeraruuun sakatta'iinsa gaggeessan.
Poolisoonni biyyattii kunneen, akkaataa qondaaltonni mootummaa kunneen tatamsa'ina koronaavaayirasii ittiin to'achaa jiran sakatta'uuf akka mana isaanii weeraran himan.
Ministirri Fayyaa Oliivar Veeran fi Daarektarri Ejensii Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa Jeromee Salamoon kanneen manni isaanii fi qabeenyi isaanii sakatta'ame keessaati.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame, murtee tibba darbe manni murtii biyyattii, akkaataa aanga'oonni biyyattii tatamsa'ina koronaavaayirasii to'achaa jiranirratti sakatta'iinsi yaa gaggeeffamu jechuun murteesse bu'uura godhachuudhaan.
Mootummaan biyyattii meeshaalee of-eeggannoo koronaavaayirasiif barbaachisan dhiyeessuu dhabuu fi yeroodhaan deebii kennuu irratti hanqina qabuun komatamaa ture.
Akka miidiyaan Firaansi gabaasanitti Ministirri Muummee biyyattii Jean Kasteksillee sakatta'amaa jiru.
Ministirri Muumee duraanii fi Ministirri Fayyaa duraaniis sakatta'amaa jiru.
Manni murtii komii uummatii fi doktaroonni mootummaarraa qaban bu'uura godhachuun ture, Adoolessa darbe akka sakatta'iinsi gaggeeffamu kan murteesse.
Kanneen namoonni sababa koronaavaayirasiin jalaa du'anii fi doktaroonni biyyattii mootummaan deebii hatattamaa kennuurratti rinciceera jechuun komataa turan.
Manni Murtii addaa biyyattiis balleessaa Ministirri Fayyaa fi qondaaltonni mootummaa biyyattii raawwataniiru jedhame kana gadi fageenyaan sakatta'ee bira ga'uuf murtii kana dabarseera.

Madda suuraa, Reuters
Sakatta'iinsi poolisootaa kun kan raawwatame erga Pirezidaantiin biyyattii Imaanu'eel Maakroon uggura sochii uummataa Paaris dabalatee magaalota sagal keessatti labsanii as ture.
Uggurri sochii uummataa Sambata darbe eegale kun torban afuriif kan turu yoo ta'u haalli ilaalamee kan dheereffamu ta'a jedhan pirezidaanti Maakroon.
Firaansi biyyoota vaayirasichi deebi'ee keessatti akkaan tatamsa'aa jiru keessaati.
Guyyaa kaleessaa qofa namoota 22,951tu vaayirasichaan qabaman.
Tarkaanfiin haaraan kun guyyaatti namoonni 3,000 ol akka hin qabamneef ni gargaara jedhan pirezidaantichi.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















