Koronaavaayiras: Covid-19 ilaalchisee oduuwwan sobaa Afrikaa keessa tatamsa'aa jiran

Barattoonni Maadagaaskaar wanta qoricha Covid-19 jedhame yeroo dhuganitti

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo tatamsa'inni koronaavaayirasiin biyyoota Afrikaa gara garaa keessatti dabalaa jiru kana keessa oduuwwan sobaa nama burjaajessan miidiyaalee hawaasaarratti tatamsa'aa jiru.

Odeeffannoowwan sobaa Covid-19 ilaalchisuun tatamsa'aa jiran keessaa BBCn kan qulqulleeffate keessaa muraasni isaan kanadha.

1. Afrikaan qoricha koronaavaayirasii akka hin arganneef shira xaxame

Pirezedaantii Maadagaaskaar

Pirezedaantiin Maadagaaskaar Andirii Raajoliinaa biyyi isaanii qoricha koronaavaayirasii wallaanuuf gargaaru Ariitiifi baala biroorraa hojjetame argatteetti jedhanii beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Ariitiin baala biqiltuu kanaan dura qorichi busaallee irraa hojjetamudha. Erga Pirezedaantichi kana jedhanii booda shirri garaa garaa ta'uu mala jedhaman dhadhaga'amaa jiru.

Isaan keessaa tokko Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) pirezedaantii Maadagaaskaariif matta'aaf maallaqa guddaa kennuufiif akka dhiyeesse miidiyaalee hawaasummaa gara garaarratti qoqqoodamaa jira.

Pirezedaantichaaf ammoo matta'aan kun kan kennamuuf qorichi omishan sun akka karaa icciitii ta'een summiin faalamuuf kan waliigalan ta'edha.

Pirezedaantiin Maadagaaskaar kanaan dura TV Afaan Firaans tokko irratti dhiyaatanii waa'ee qoricha biyyi isaanii argadhe jette kanaa ibsaa turan.

Qorichi argame kun osoo biyyoota Awurooppaa keessatti argame ta'e shakkiin irratti hin ka'e jechuun yaalii biyyoonni Afrikaa qoricha argachuuf taasisan addunyaan xiqqeessaa jira jechuun komatanii turan Pirezedaantichi.

Qorichi Maadagaaskaar kun erga dhaga'ameen booda biyyoonni Afrikaa akka Naajeeriyaa, Taanzaaniyaafi Koongoo biyya isaaniitti galfachuuf ajajanii turan.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhimma qoricha kanaarratti pirezedaantii Maadagaaskaar waliin kan dubbate yoo ta'u, qorattoonni Ameerikaafi Jarman ammoo qorichicha akka qorachaa turan himamee ture.

Namoonni odeeffannoo hin mirkanaa'iin kana miidiyaalee hawaasummaarratti daddabarsaa jiran ammoo akka sababaatti kan kaasan, Afrikaanonni of danda'anii qoricha koronaavaayirasii argachuu akka hin dandeenyeefi yoomiyyu taanaan akka of hin dandeenyeetti dhiyeessuudhaaf fedhii WHOn qabudha jedhu.

Odeeffannoon kun jalqaba kan bahe Ebla keessa miidiyaalee hawaasummaa Angoolaafi Koongoo keessa maanneefatanirraatti yoo ta'u afaan Firaansiin. Itti aansuudhaan ammoo baatii Caamsaa keessa gaazexaawwan Taanzaaniyaa lamarratti odeeffannoon kun barreeffameera.

Gaazexaawwan kanneen lamaan keessaa gabaasni tokkorratti dhiyaate Pirezedaantiin Maadagaaskaar gaaffiifi deebii Firaans "4 waliin taasisaniin WHO irraa gaaffiin maallaqa siif kenninuu jedhu akka dhiyaateef dubbataniiru kan jedhudha.

Gabaasni kun ammoo fayydamtoota miidiyaalee hawaasummaa Afrikaa keessa jiran hedduutiin afaan gara garaatti hiikkameera. Haata'u malee, Pirezedaantiin Maadagaaskaar Firaansi 24 irratti dhiyaatanii gaaffiifi deebii taasisanillee WHO irraa matta'aan naaf dhiyaateera hin jenne.

WHOn BBCf akka mirkaneessetti oduun kun dharadha. Mootummaan Maadagaaskarilleen oduu kana soba jedheera.

"Qorichi Covid-19 fayyisu argamuu hordofee odeeffannoowwan sobaa pirezedaanti Andirii Raajoliinaa waliin walqabatan tatams'aa jiru," jechuun dubbatu dubbi himaan mootummaa Loovaa Raanooraamooroo.

Qorichi baala biqiltuurraa qophaa'u kan ammallee Maadagaaskaar keessatti itti fufee omishamaa kan jiru yoo ta'u, biyyoonni Afrikaa hedduunis biyya ofiitti galfataa jiru. Haata'u malee, vaayirasicha fayyisuu isaatiif wanti hanga ammaatti mirkanaa'e hin jiru.

WHOn qorannoon qorichawwan biyya keessatti argamanirratti taasifaman jajjabeeffamuu qabu jechuun garuu qorichoota hin qoratamiin fayyadamuun miidhaa jiraachuu malus akeekkachiiseera.

2• Ministirri fayyaa Taanzaaniyaa koronaavaayirasiin hin qabamne

Marsariitiin Taanzaaniyaa tokko minisirri fayyaa biyyattii Uumuu Miwaalimmuu erga qorannoo taasifatanii booda koronaavaayirasiin irratti argameera jechuun gabaaseera. Oduu kana ammoo gaazexaawwan biyyattii keessa jiran fuula tiwiitera isaaniirratti baayyee qoqqoodan.

Ministira fayyaa Taanzaaniyaa

Haata'u malee, odeeffannoon kun dhugaa miti.

Odeeffannoon sobaa kun fuula tiwiiter ministirittiirraa arganne jchuun suura kaasanii qooan.

Odeeffannoo afaan Siwaahiliitiin qoqqoodame jedhame kanaan, " Akka carraa ta'ee koronaavaayirasiin ana irratti argameera. Ta'us garuu hanga wantonni jiran fayyaa'anitti fagaadhees ta'u biyyakoo tajaajiluuf murteesseera," kan jedhu ture.

Haata'u malee, odeeffannoon kun fuula tiwiitera ministirittiirratti hin argamne. Ministeerri fayyaasa ta'e ministirittiin odeeffannoo dharaati jedhaniiru.

3• Sudaan Kibbaatti baajii qomaa koronaavaayirasii ittisu

Aanga'oota Sudaan Kibbaa

Pirezedaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir dabalatee aanga'oonni gurguddoo biyyattii baajii qomaa koronaavaayirasii ittisuu danda'u godhachuun isaanii ibsamus soba jedhameera.

Suurri wiirtuu odeeffannoo pirezedaantichaatii bahe jedhame akka garsiiseera jedhmaetti aanga'oonni kunneen maaskiiwwan marsariitiiwwan gara garaa irraa bitachuun danda'amu akka "Heyiir Doktar" fi "Vaayiras shiit awut" hasxaa qabu jedhaman godhachuun argamaniiru.

Hasxaawwan kunneen ammoo vaayirasiis ta'e baakteeriyaa namarraa ittisuun isaanii wanti mirkanaa'e hin jiru. BBCn dhimma kanarratti dubbi himaa mootummaa gaaffii kan dhiyeesseef yoo ta'u, maqaa mootummaa Jaappaaniin namni tokko akka isaaniif kenne dubbataniiru.

Baajiin qomaa walfakkaatan biyyoota gara garaa keessatti gurguramaa kan jiran yoo ta'u miseensonni paarlaamaan Raashiyaas tibba kana godhatanii argamaniiru.

Kemikaalota baajii qomatti godhataman kanarraa kan bahan keessaa tokko Kilooriindaayioksaayid yo ta'u kun ammoo dhaabbata Ameerikaa qoricha to'atuun qorichoota dhalana miidhan keessaa tokko ta'uun eerama.

4. Pirezedaantiin Taanzaaniyaa maaskii fulaa godhachuu hin dhorkine

Tibba kana pirezedaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuuliin bakka wwan ummanni baayyatutti maaskii afaaniifi funyaanii godhachuu dhorkaniiru kan jedhu odeeffannoon sobaa miidiyaalee hawaasummaarratti gadhiifamaniiru.

Odeeffannoo sobaa fuula tiwiiter sobaa irratti bahe

Odeeffannoon sobaa fuula tiwiitera sobaa akka waan pirezedaantichi dubbataniitti bahe sun akkas jedha. "Bakkawwan ummanni itti heddumaatanitti maaskii godhachuun sodaa waan uumuuf kun ammoo turistoonni biyya keenya daawwachuuf dhufan akka odeeffannoo sobaa qabaatan taasisa."

Odeeffannoo tiwiitera irratti bahe kun pirezedaantichaan barreeffame jedhamus garuu soba ta'ee argameera.

Dubbi himaan pirezedaantichaas odeeffannoo qabatamaa hin taane akkas kanarraa ummanni akka of eeggachuu qabu dhaamaniiru. Mootummaan Taanzaaniyaa ummanni akka maaskii godhatuufi walirraa fageenya barbaachisu akka eeggatu ni jajjabeessas jedhaniiru dubbi himaan kun.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa