Humni Addaa Sudaan (RSF) bulchaa Lixa Daarfuur ajjeesuun himatame

Madda suuraa, AFP
Aanga’oonni Sudaan biyya garee janaraalota lamaatiin waraanni keessatti gaggeeffamaa jiru Sudaanitti, bulchaan godina Lixa Daarfuur humnoota addaa (RSF)n ajjeeffamuu beeksisan.
Bulchaan amma ajjeefaman, Kaamiis Abaakaar, humnoota addaa fi milishoota isaaniin wal ta’an irratti yakka duguuggaa sanyiitiin himannaa irratti dhiyeessee ture.
Namni kun osoo hin ajjeefamin sa’aatiiwwaniin dura ture humnootiin kunneen Marsariitii irratti yakka duguuggaa sanyii raawwataniiru jechuun himannaa kan irratti dhiyeessee ture.
Bulchaan iddoo Al-Janiinaa jedhamutti ajjeeffaman kun, haleellaan haala addaatiin magaalattii keessatti babal'ataa jiraachuu akeekkachiisanii ture.
Kana malees hawaasni addunyaa jidduu akka galuufilleen waamicha dhiyeessanii ture.
Humni addaa kunis himannaa duguggaa sanyii irratti dhiyaate kanaaf deebiin hanga ammaatti kenne hin jiru.
Achuma biyyattii keessatti Niyaalaa fi Zaaliingee keessatti walitti bu’iinsii walfakkaataan umamee akka tures gabaafameera.
Waraana Sudaan keessatti baatiiwwan dura umameen hanga ammaatti lammiileen dhibbaan lakkaa’aman kan ajjeefaman yoo ta’u, kanneen miiliyoonaa ol ta’an ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqaafamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniiyoo Gutareez, haleellaan saba bu’uureffachuun namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru kun akka baayyee isaan yaaddesse dubbataniiru.
Kana malees miidhaan saala bu’urreeffatee fi dirqiidhaan gudeeduun cimee itti fufuun akka isaan gaddisiise barreessaa Olaanaan kun ibsaniiru.
Bulchiinsi Daarfuur bara 2000 irraa kaasee hidhatoonni milishoota Arabaa kanneen Araba hin taanee waraanuudhaaf bobba’uusaanii hordofee, naannichatti lolli irra deddeebiin gaggeeffamaa jira.
Ajjeechaa jaarraa 21ffaa keessatti raawwataman keessaa tokkoo kan ta’e haleellaa Daarfuriin lammiilee kuma hedduun lakkaa’aman ajjeeffamanii kanneen miiliyoonotaan lakkaa’aman ammo qe’esaanii irraa buqqaafamaniiru.
Dursaan Waraana Sudaan Janaraal Abdal Fattaah Al Burhaan fi dursaan humna addaa (RSF) Janaraal Mahaammad Haamdaan Daagaaloo ykn Heemaatii jedhameen kan beekamu jidduutti waraanni kan eegale Ebla 15, 2023 ture.
Waraana jireenyi miiliyoonotaa yaaddoo keessa ittiin gale kana mariidhaan dhaabsisuuf yaaliin qaamolee sadaffaadhaan yeroo garaa garaatti taasifamulleen, guyyoonni dhukaasa dhaabuuf itti waliigalan mataansaa osoo hin kabajamiin hafeera.












