Dulluma keessa daa'ima godhachuun dhalarratti dhiibbaa akkamii qaba?

Jireenyi ammayyaa dhiirota dhala malee hambisaa jira

Yeroo hedduu dhiironni umriidhaan dubartii fuudhan caalu, yeroo tokko tokkoo waggaa muraasaan yeroo kaan ammoo waggaa hedduun.

Dhiheenya kana taatoon fiilmii 'Al Pachiinoo' jedhamu umuriisaa waggaa 83tti hiriyaasaa umurii kan waggaa 29 Nuur Alfalaa irraa daa'ima argateera.

Waahilli isaa kan biraan Roobart Daniiroo jedhamus ji'a darbe umriisaa waggaa 79tti daa'ima godhate.

Kanneen erga umriin jaaranii daa'imman godhatan taatoowwan kunneen qofa miti.

Taatoowwan, weellistoonni fi pireezidantonni US hedduun erga umriinsaanii deemee daa'imman godhatanii beeku.

Kanarraa ka'uun giddu galeessaan umriin abbootii akkaan dabaluun yeroo dhihoo as mul'ataa jira.

Bara 1972 fi 2015 gidduu waggaa 3.5n dabaleera. Amma umriin abbootii US keessatti giddugaleessaan waggaa 30.9 ta'eera.

Abbootiin dhibbeentaa sagal ta'an wayita umriinsaanii waggaa 40 ta'utti daa'ima godhatu.

Akka ragaa galmee wantoota dinqisiisoo addunyaa (Guiness World Records)tti namni umrii guddaa daa'ima godhate, waggaa 92tti.

Umurii kanaa oliin kan daa'ima godhate jiraachuunis ni odeeffama, garuu hin mirkanoofne.

Dulluma keessa daa'ima godhachuun garuu rakkoos qaba.

Muddee 2022 qorannoon Yuuniversitii Utaa fi dhaabbilee qorannoo kaaniin qoratamee mata duree ''"advanced paternal age" jedhuun maxxanfame, dhiibbaa dullumaan ijoollee godhachuun ulfaa fi fayyaa daa'immanii irratti qabu agarsiiseera.

Ragaaleen qorannoon deeggaraman akka mul'isanitti sanyiin dhiiraa namoota umuriin isaanii waggaa 40 fi 50 keessa seenanii qulqullinaan gadi bu'aadha.

Qabiyyee, baayyinaa, sochii fi daa'ima uumuurratti akkaan gadi bu'a.

Jijjiiramoonni kunneen ammoo, umriin abbootii yeroo ammaa, rakkoo hormaataa fi ulfa booda daa'imman garaatti miidhamuu hordofsiisuu akka danda'u qorannoon kun ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daa'imman erga dhalatanii boodas rakkoo uumu qaba. Erga bara 1950 as dhiironni dullumaan dhalchan, daa'imman rakkoo fayyaa waliin dhalatu.

Qorannoon Yuniversitii Utaa, umriin yeroo ammaa maatiin daa'ima godhachuuf filatan qaccee sanyii isaanii rakkoo fayyaaf saaxilaa jiraachuu mirkaneesse.

Qorattoonni Yuniversitii Istaanfoord daa'imman abbaa dulloomerraa dhalatan ulfaatinni isaanii hanga barbaadamuu gadi akka ta'uu fi fayyummaansaanii burjaaja'ee akka dhalatu ibsan.

Daa'imman abbaa umriin jaare irraa dhalatan ijoollummaatti dhibee kaansariif saaxilamuu akka danda'anii fi carraan dhibee onneen qabamuu isaanii olaanaa ta'uu qorannoon akeekeera.

Dhiironni akkuma umuriin isaanii dabalaa deemuun jijjiirama fi miidhaa qaccee sanyii (DNA) seelii isparmii keessatti uumuun rakkoon kun dhaloota itti aanutti darbuu danda'a jedhu qorattoonni.

Qorannoon akkanaa kun akka waliigalaatti dhimma walhormaata dhala namaarratti akkaataa doktaroonni fi saayintistoonni itti yaadan ni jijjiira.

Rakkoo daa'ima godhachuu (ulfaa'uu) umrii dubartootaatti maxxansuun waan baratameedha.

Garuu akkaataa bu'aa qorannoo amma ba'een rakkoon walhormaataa inumaa kan dubartootaa caalaa umrii dhiirotaan walqabata.

Odeessa kana keessatti namoonni maqaansaaii ka'e taatonni Pachiinoo fi Daniiroo jedhaman akkasumas kanneen umriisaanii waggaa 70oota, 80ootaa fi 90oota keessa ta'anii daa'imman godhatan bifa addaan ilaalamuu mala.

Garuu waliigalatti umriin dhiirotaa daa'ima godhachuu keessatti akkaan murteessaadha.

US keessatti erga bara 1970ootaa as lakkoofsi dhiirota umrii waggaa 30 gadiin abbaa ta'anii dhibbeentaa 27 hir'ateera.

Lakkoofsi abbootii umriinsaanii waggaa 45-49 gidduu ta'ee ammoo dhibbeentaa 52 hir'ateera.