Dhalli namaa maaliif dullooma? Maaliif du’a?

Jaartii ispoortii dalagaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Sheekkoo warra Giriik keessatti lubbuu qabeessi bishaan keessa jiraatuufi abbaa mata-baayyee tahe hydra jedhamutu jira. Mataa tokko yoo irraa murte cittuunsaa du’ee baduurra gara hydra haaraa fi guutuu tahetti guddata jedhu.

Gosti qurxummii kan akka jeelii-fiish jedhamanis lubbuu qabeeyyii umuriiin isaanii yeroo dabalaa deemu osoo hin du’iin turuudhaan ykn (biologically immortal ) jedhamuun beekamu.

Amalli du’arra hafuu ykn akka hydra mutuu kun saayintistoonni uumama keessattis ragaan du’uu dhiisuu agarsiisu yoo jiraate akka ciichanii soqan isaan taasisa.

Bittaafi gurgurtaa

Jaarraa 20ffaa keessatti dullumni bittaafi gurgurtaa, wal-horuufi seelii keenya eeggachuu gidduutti adeemsifamudha jedhameeti amanama ture.

Dhalachuun booda qaamni lubbuu qabeeyyii guddachuufi fayyaa keenya eeguudha hojiinsaa-kunis seelii keenya eeguuf. Yeroo ijoollummaa xiyyeeffannoon hundi lubbuun jiraachuu, jabaachuufi fayyaa tahuu irrattidha. 

Umurii saalfattoorra yeroo geenyu dubbiin geeddaramee xiyyeeffannoon wal-horuu irratti taha.

Sababiinsaas lubbuu qabeeyyii baayyeef qabeenyi uumamaa daangeeffamaa gatii taheef wal-horuudhaaf dursa kennuun gatii fayyaalessa tahanii turuu isaanii kan kaffalchiisu dha.

Fakkeenyaaf sanyii qurxummii Saalman jedhamu yoo ilaaltan erga dhala godhataniin booda battalumatti du’u.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sanyiin qurxummii kuni waan qabu hunda baaseti galaana keessa daakee kallattii yaa’ii galaanaa ykn dambaliin hin jirre irra dhala godhata, gosti qurxummii kuni deebi’ee iddoo dhufe dhaquuf hin uumamne wal-horuuf lubbuusaa gabbara.

Haa tahu malee, dhimma wantoonni maaliif du’u jedhurratti hubannoon yeroo ammaa jiru garu addadha. Yeroo lubbuu qabeeyyiin gulantaa saal-quunnamtiif ykn hormaataaf gahanitti humni naannootti of madqasuutiin of jiraachisuufi wal-horuu (natural selection) dadhabaa dhufa.

Kunis boqonnaa jalqabaa dullumaa taha, dhumarrattis duuti inni hin hafne dhufa jechuu dha.

Garuu kun kan tahu dhaloota haaraaf karaa banuuf miti jedhu Yunivarsiitii East Anglia, UK’tti piroofeesara Baayolojii jijjiirama tirannaa (evolutinary biology) kan tahan Aleeksii Maaklaakoov.

Jireenya lafarratti dabarsinu keessatti qacceen sanyii keenyaa jijjiirama garaagaraa fida. Gariin akka feeteen kan uumamudha.

Kaan immoo bu’aa soorata keenyaa, akkasumas naannoo keenyaa, fakkeenyaaf carallaa biiftuurraa argannu tahuu mala.

Warreen kunneen yeroo baayyee homaa faayidaa hin qaban, miidhaa yerootti qabaatan ni jiraata, jijjirama kunneen keessaa baayyee muraasatu faayidaa qabeessadha.

Of jiraachisuuf, of madaqsuu

Akka yaadi adeemsi of madaqsuun of jiraachisuufi wal-horuuf (natural selection) jedhutti wal-hormaataan booda fayyaalessa tahanii jiraachuuf tattaafiin goonu badaa nu fayyaduu dhiisuu mala.

Sababiinsaas sirni of madaqsuun, of jiraachisuun kuni dhaloota haaraa jiru kanaaf kennuuf jedhee, akka isa umrii wal-hormaataan duraa hojiin hojjetu hin jiraatu jetti Gaabri’ellaa Kaawuntoordiis, piroofeesariin evolutionary biology Yunivarsiitii Oksfard irraa.

Garuu akka qurxummii saamanii sana battalatti du’uu dhiisuu malla jetti.

Jijjiiramni DNA irratti mul’atu nurratti dhiibbaa guddaa qabaachuu dhiisuu mala, qaamni keenya miidhaa DNA keenyarra gahu hirphaa waan deemuuf jechuu dha. Tahus dandeettiin keenya kuni umriifi of madaqsuu dadhabuu wajjin hir’isaa adeema jetti.

Haala kanaan dullumniifi du’uun karaa lamaan dhufa. Jijjirama qaccee sanyii gaarii hin taane sababa dandeettii of madaqsuu dadhabaa tahe qabaachuu fi jijjiirama DNA wal-hormaataaf gaarii tahe garuu umrii dheeraaf rakkoo tahe qabaachuudha.

'‘Waan ijoollummaa keenyatti uumame hundi waan umrii wal-hormaataan booda dhalate hunda ni caala. Sababiinsaa dhimmi guddaan dandeettii wal-horuu qabaachuu sanadha,’’ jedhu Keeyitliin Maakhaa baayolojistiin Yunivarsiitii Oriigan. 

Lubbuu qabeeyyiin baayyee dullumaaf kan saaxilaman haa tahaniyyuu malee, lubbuu qabeeyyiin adda tahan kan waggaa 1000f jiraatan jiru. Fakkeenyi tokko muka Paandoo jedhuma kan bosona Utaah, Ameerikaa keessatti argamudha.

Gosti lubbuu qabeeyyii hamma urmriin isaanii dabale dandeettiin wal-horuufi lubbuun jiraachuu isaanii dabalu haa jiraataniyyuu malee kuni garuu ragaa umrii wal-hormaataan booda dullumni jalqaba kan jedhu faallessuuf fakkeenya gahaa mitii jetti Aleeksiin.

Haatahu malee, dhimmi shoora qabu tokko jira. Dubartoonni saal-quunnamtii haala dhaabbataa taheen raawwatan, laguu isaanii arguu kan dhaaban turaniiti jedha, qorannoon Megaan Arnootiif Ruut Meesiin Yunivasriitii Kooleejii Landanitti adeemsifame.

Aannisaan hanqaaquu gadameessa keessaa gad-lakkisuuf(ovulation) hojiirra oole kutaa qaamaa kanneen biroofis fayyadeera taha. Kuni garuu ulfi yoo hin uumamne taheefi.

Erga wal-horuun umrii jiraannu irratti dhiibbaa hanga kanaa yoo qabaate, maaliif ilmoon namaa ijoollee erga godhataniin booda waggaa dheeraa jiraatu?

Yaad-rimeen ‘akkoo’ akka himutti wal-horuun dhimma gatii baasisuufi balaa qabu ijaa taheef firoonni durii jiraachuun barbaachisaa dha.

''Maatiin of biraa akkoo qaban dandeettii wal-horuu fooyya’aa qabaatu, sababiinsaa haati ijoollee dabalataa godhachuu irratti akka xiyyeeffattu godha. Akkoon immoo warreen dhalatan guddisuurratti hojjetu,’’ jedhu Kontuurdiis.

 Haatahu malee ijoolleen ijoollee, akkoo irraa qaccee sanyii harka 25 qofa qooddatu.

'‘Gama biraan yeroo durii lakkofsi dubartootaa gahaa tahe kan umrii shantamatti wal-horuu danda’an lubbuun hin hafne taha, kanaaf of adeemsa wal-horuuf of madaqsuun ganna 50tti baayyee gad-aanaa tahee jechuu dha. 

Dubbii isa ijootti yeroo deebinu dhimmi guddaan dulloomuu-wal-hormaataan booda adeemsi of jiraachisuuf, of madaqsuun dadhabuusaati.

Dulluma keessa waan nurra gahu ykn akkaataan itti jijjiiramnu kan namatti hin tolle tahuu mala.Garuu sirni jijjiirama tirannaa kanarraa nu baraaru garuu hin jiru.