'Prime editing': Mudoon qaccee sanyii harki 89 sirrachuu danda'u

Jijiirraa qaccee sanyii

Madda suuraa, Getty Images

Saayinitistootni Ameerikaa mudoon qaccee sanyii dhibeewwan garaagaraaf sababa ta'u harki 89 teeknoolojii haaraa 'prime editing' jedhamuun sirrachuu danda'aa jedhan.

Teeknoolojii haaraan kun koodiiwwan qaccee sanyii irra deebi'ee tooraan naquu waan danda'uuf ''genetic word processor'' jedhamuunillee beekameera.

Teeknoolojiin kun caaseffama qaccee sanyii kanneen dhibeewwan akka aniimiyaa fidan dabalatee laaboraatorii keessatti sirreessuu danda'a.

Gareen Inistitiiyuutii Brood, teeknoolojiin kun ''hojiirra oolchuuf mijataa fi ifa dha, haata'u malee qorannoon kun reefu jalqabbiirra jira'' jedha.

Qaccee sanyii gulaaluun hin danda'amne turee?

'Prime editing' damee qaccee sanyii gulaaluun teeknoolojii haaraa saffisaa ajaa'ibaan dhalateedha.

Qacceen sanyii keenya qajeeltoo (instructional manual) guddinaafi hojmaata qaama keenyaati. Salphaatti seeliiwwan keenya hunda jechuudha.

Qaccee sanyii gulaaluun, qo'annooowwan saayinsaawaa hammayyeessuutti jira. Teeknoolojiin qaccee sanyii gulaalu kun dawaa dhukkubootaaf argachuu gara sadarkaa olaanaa tokkootti ol guddisa jedhameeetis abdatama. Haata'u malee daa'imman qaacceen sanyii isaanii gulaalameef erga dhalatanii booda ittisa HIV waliin walqabatee gaaffiiwwan safuufi naamusaa(moral and ethical) gurguddoo kaasisa jedhameera.

Teeknolojii qaccee sanyii gulaalu kana keesatti wantoota ajaa'ibsiisoo jiran keessa tokko teeknoolojii 'Crispr-Cas9' yoo ta'u, qaccee sanyii namaa sirriitti ilaalee bakka sirrii ta'e adda baasuun akka maqasiitti iddoo lamatti mura.

Dandeettiin teeknoolojii waggaa sagala dura kalaqame kanaa, qaccee sanyii gulaalaaluuf bu'uura gaarii ta'eera.

Bu'uurrii cimaan kun kaahamus, adeemsi gulaallii yeroo mara milkaahaa ta'uu dhaba, bakki itti kutames dogoggoramuu mala. Sababoonni lmaan kun ammoo teeknolojii kana waldhaansa fayyaaf itti fayyadamuuf rakkisaa taasisaniiru.

Teeknoolojiin 'prime editing' garuu hanqinoota kana furee hojicha ni milkeessa abdii jedhu horeera.

Prime editing akkamiin hojjeta?

Qorannoon 'the journal Nature' tokko 'prime editing' fayyadamuun kutaalee qaccee sanyii keessaa baasuufi itti galchuun milkaaheera.

Qo'attoota keessaa tokko kan ta'an Dr. Daaviid Liyuu '' warreen qaccee sanyii gulaalan kana akka word processors'tti ilaaluu dandeessa, taartiiba qaccee sanyii isa sirrii argachuun bakka buusuu danda'uu'' jedhan.

'Prime editing' akka Ctrl-F tuquun kutaa jijjiiruun barbaadame barbaaduu, achiis Ctrl-C fi Ctrl-V cuqaasuun ammoo qaccee sanyii barbaadamu fudhatanii bakka jijjiiramuu qaburra kaahuu akka jechuuti.

Teeknoolojiin kun tartiiba koodii qaccee sanyii laaboraatooriitti hojjetame kan qabu yoo ta'u, gaheewwan gurguddoo lama, bakka gulaalamuu feesisu adda baasuun jijjiirama gochuuf barbaadame raawwachuuf gargaara.

Hojiin kun Inzaayimii kutaa qaccee sanyii qophaayee jiru gara isa jijjiiramuu maluutti geessuun hojjetama.

Teeknolojiin 'prime editing' qo'attoota MIT Inistitiyuutii Broodii fi Harvaardiin kalaqame.

Koodiin qaccee sanyii dhala namaa bu'uuraalee afur adenine, cytosine, guanine and thymine kan jedhaman kan qabu yoo ta'u isaan kun qubee jalqabaa isaaniin (ACGT)adda bahanii beekamu. Koodii qaccee sanyii dahla namaa bu'uralee qaccee sanyii kanaa walumatti biiliyoona sadii ta'an irraa ijaarama.

Adeemsa gulaallii kan keessatti dogoggoorri jijjiirraa bu'uuralee afran kanaa dhibee seeliif sababa ta'a.

DNA

Madda suuraa, Getty Images

Prime editing dogoggoroota laaboraatorii keessattii uumamaniin dhibeewwan mudatan kan sirreessu yoo ta'u. Qacccee sanyii namaa gulaaluun dhukkuboota daddaddarbuu qaccee sanyiin dhufanis ittisuu danda'a.

Caaseffamni qaccee sanyii 75,000 ta'an kan dhala namaa dhibeef saaxilan jiraachuu kan dubbatan Dr. Liyuu, 'prime editing' dandeettii harka 89 caaseeffamoota kana yaaluu qabaa jedhan.

Harki 11 kan hafe caaseffama qaccee sanyii koppii goodhaman yookan ammoo cirumaa kan badan yoo ta'e kan dhalatuu dha.

'Prime editing' saayinsii 'molecular life-sciences' jedhamu keessatti qaccee sanyii gara fedhanitti jiijjiiruuf fedha jiru keessatti jalqabbii gaariidha jedhan Dr. Liyuun.