Magaalaa namni tokkollee keessatti hin beelofne kana beektuu?

Magaala Amritsaar

Madda suuraa, Getty Images

Amritisaar, magaalaa kaaba Indiyaa jiraattota miiliyoona lama qabdudha. Magaalaan kun wantoota hedduu kan akka, nyaata addaa, manneen amantaa Siik fi magaalaa seenaa durii qabdu ta’uun beekamtudha.

Ta’us, waan hunda caalaa kan magaalattiin itti beekamtu, miira gaarummaa hundeeffama magaalatti waliin hidhata qabudha.

Magaalaan bulchiinsa Puunjaab keessatti argamtu Amritisaar jaarraa 16ffaa keessa hogganaa amantaa Siikiin hundeeffamte.

Amantiin kun aadaa seva jedhamu qabaachuu isaan beekama. Seva jechuun tajaajila tola ooltummaa namni tokko bu’aa ykn faayidaa deebiin argatu malee hojjetudha.

Hordoftoonni Siik addunyaarra jiran hundi sirna seva kana manneen amantaa isaanii gurudwaras jedhaman keessatti ni gaggeessu. Yeroo hedduu tajaajila xixxiqqaa akka lafa qulqulleessu, nyaata dhiyeessuu fi mana amantaa kana qixeessuu ta’uu mala.

Hordoftoonni kaan ammo aadaa kana kan hojiirra oolchan jireenya dhuunfaa isaanii keessatti hojii tola ooltummaa gumaachanidha.

Ebla 2021 keessa, yeroo Covid-19 maatilee Indiyaa keessa jiran hunda jeeqetti hawaasni Siik siliindaroota oksijinii fi meeshaalee meedikaalaa biroo namoota gargaarsi isaaniif barbaachisaniif geessuun tajaajilaa turani.

Seva jechuun tajaajila ofittummaa hin qabnedha, amantaa Siik keessatti ammo qajeelfama qofa hin taane shaakala guyya guyyaan gaggeeffamudha,” jechuun Jarsiin Mayaal Kannaa kitaaba ishee Seva: Sikh Wisdom for Living Well by Doing Good jedhamu keessatti ibsiteetti.

“Maqaan seva inni biraan jaalala,” jedha dargaggeessi ganna 23 Abhinandan Choodhaarii, kan umurii ganna saddeetii eegalee maatii isaa waliin seva hojiirra oolchaa ture.

“Barsiisni beekamu namnuu ofittummaa kana hin qabne ta’u qaba kan jedhudha, kun ammo yoo seva harka bitaan hojjette, harkikee mirgaallee waan hojjette kana baruu hin qabu jechuudha.”

Addunyaa ofittummaa fi kappitaaliziimiin guute keessatti, kun mala jireenya bareedaadha.

Namoota galma 'Golden Temple' jedhamu keessatti sooratan

Madda suuraa, Raphael Reichel

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota galma 'Golden Temple' jedhamu keessatti sooratan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tola ooltummaa ykn gaarummaan hawaasa Siik addunyaa guutuutti waan mul’atudha. Yeroo weerara Covid-19’tti, tola ooltonni Siik Ingilaand keessa jiraatan, guyyaatti nyaata kumaatamaan lakkaa’aman hojjettoota fayyaa NHS’f geessaa turani.

Magaalota Ameerikaa adda addaa keessatti ammo hawaasni kun nyaata hedduu bisheessanii dhiyeessaniiru.

Yeroo balaa kamiittuu fakkeenyaaf Kanaadaan yeroo hobomboleettin rukutamte ykn bubbeen Niiw Zilaand jeeqeetti, hawaasni Siik waliin ta’uun namoota gargaarsi isaan barbaachisuu gargaaruuf duulaniiru.

Amritisaar, magaalaa wiirtuu amantii Siik taate keessatti garuu, tajaajilli seva sadarkaa biraatti kan ol guddatedha.

Magaalaa Amritisaar keessatti namni tokkoollee garaa qullaa beela’e akka hin bullee, dhugaa Indiyaa guututti beekamudha.

Mana amantaa Golden Temple, kan amantii Siik keessatti bakka ijoo ta’e keessatti, yeroo hunda nama nyaata barbaade kamiifuu nyaati qophaa’ee jira.

Mana amantaa kana keessatti gollii nyaataa hawaasaaf banaa ta’e, langar jedhamu, addunyaa keessatti gola nyaata isa guddaafi guyya guyyaan namoota 100,000 tajaajiludha.

Eenyuyyuu, gaaffiifi loogii tokko malee gola kana seenee nyaachuu danda’a.

Namoota bakki jireenyaa fi nyaati isaan barbaachisuuf guyyaa guutuu nyaatni jira, hanga barbaadanittis mana amantaa kana keessa turuu ni danda’u.

Galma 'Golden Temple' keessa nama nyaata barbaadu kamiifuu nyaanni bilchaate waan jiruf ni kennama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Galma 'Golden Temple' keessa nama nyaata barbaadu kamiifuu nyaanni bilchaate waan jiruf ni kennama

Ogeessi nyaata bilcheessuu (chef) Niw Yoork keessa jiraatu Bikaas Kannaa, kan yeroo weerara Covid-19’tti Indiyaa keessatti nyaata miiliyoona hedduu namaaf hire akkas jedha: “ Amritisaar keessattin dhaladhee guddadhe. Asitti gola nyaata hawaasaaf banaa ta’ee fi namni hunduu seene nyaatu qabna.

''Magaalaan guutuu gola kanatti nyaata… miirri hagaabuukoo kan dhufe Niiw Yoork, bakkan itti jireenya gad deebii keessa turerradha.”

Akka guradwara hunda, Golden Temple keessattis sirni tajaajila nyaataa kun qindoominaan kan gaggeeffamu tola ooltota hedduunidha.

Namootni kun nyaata baramaa garuu minyaa’aa missira, chaappaatii (gosa daabboo), ittoo shumburaa fi itittuu gabatee sibilaa irratti guyya guyyaan dhiyeessu.

Galma guddaa mana amantaa kana keessatti namootni 200 ta’an takkaatti lafa ta'anii nyaata isaanii nyaatu.

Dhiirotaa fi dubartoota, maanguddootaa fi daa’imman, dureessaa fi hiyyeessa, hundi walumaan taa’u.

Namootni tokko tokko nyaata dabalachuu danda’u, kaan ammoo nyaata isaani fixanii ba’u.

Gara daqiiqa 15 keessatti, tola ooltonni kun galmicha qulqulleessanii namoota nyaata barbaadaniif marsaa lamaaf qophii eegaluu. Kun marsaa nyaachuu fi tajaajiluu hin xumuramnedha.

Mana amantaa irraa eegalee hanga namoota daandirraa jiranitti, hiriyyummaan, gaarummaa fi tola ooltummaan amala Amritisaar keessatti baramaa ta’edha.

“Amritisaar keesatti yeroo guddattu, miirri hawaasaa bal’aa keessa jiraachuu jira,” jedha namni magaalicha keessatti dhalatee guddate Rahaat Sharmaa.

''Golden Temple bakka hundi keesa seva gaggeessine keessa taphachaan guddadhe. Namni hundi wal kunuunsa.

''Namni amantaa Siik ta’e kan Hindu, kan magaalatti keessatti amantii gurguddoo lamaan ta’an, ilaalchi siyaasaa wal faallessu jiraatus, walii wajjiin jaalalaan jiraatu.”

Haa ta’u malee, gaarummaa fi amala gaarii Amritisaar fi amala amantaa Siik boce duuba seenaan dukkanaa’aa ta’e jira.

Yeroo bulchiinsa kolonii Biriitish keessa magaalaan kun yeroo hedduu bakka hiriirri mormii fi mariin itti gaggeeffamu turte.

Bara 1919’tti, jeneraalli Biritiish tokko namoota nagaan mariirra turan irratti dhukaasi akka banamuuf ajaja kenne.

Taatee ajjeechaa Jaliyaanwaalaa Baag jedhamu kanaan, namoota 1,500 ta’anitu ajjeefame.

Dabalataaniis bara 1947’tti yemmu Biritiish tasa Indiyaa gadhiistee baatetti, hokkorri guddaan foxxoquu Indiyaan wal qabatee uumame, magaalaa daangaa haaraa sararame cina jirtu Amritisaar guddaa miidheera.

Bara 1984’tti, Amritisaar ammas balaa hamaaf saaxilamte.

Sochiin waraanaa ajaja Ministira Muummee Indiraa Gaandiin bobba’e, namoota sochii foxxoquu gaggeessan adda baasuu jedhuun, humni waraanaa Golden Temple humnaan akka seenan taasiseera.

Taatee kana booda eegdoti Ministira Muummee Gaandii, kan hordooftoota amantaa Siik ta’an ji’a muraasa booda akka ishee ajjeesaniif sababa ta’eera.

Guyyootii itti aanan keessattis hordooftonni Siik naga qabeessa ta’aniifi kumaataman lakka’aaman magaalota Indiyaa hedduu keessatti ajjeefamaniiru.

Hawaasni Siik seenaa taatee kana hin dagatani. Wareegamtoonni Siik yaddannoo aadaa fi kadhata amantaa hawaasa kanaa keessatti bakka guddaa qabu.

“Seenaan kun irra daddeebiin kan himamu jibba kakaasuuf ykn haaloo ba’uuf miti. Faallaa isaadha. Seenaan eegdota ta’uu hawaasa keenya kan itti cimfamudha,'' jechuun Kannaan barreessiteetti.

Kanaafidha hawaasni waliin miidhaan guddaa irra ga’eeru, hawaasa gaarummaa fi simataa ta’uun isaa caalatti kan ajaa’ibsiifamu.

Amritisaar keessatti, haalli jiru hanga fe’e dukkanaa’aa fi abdii kutaachisaa fakkaatelle, miirri gaarummaa, jaalalaa fi tola ooltummaa yeroo hunda waan irra aanee mul’atudha.