Yunvarsiitii buleessa addunyaa keenya geeddare -Nalandaa

Yunivarsiitii Nalandaa

Madda suuraa, Tahir Ansari/Alamy

Yunvarsiitiin Nalandaa otoo Yunvarsitiin beekamaa Oksifoord hin bu’uureffamiin waggaa 500 durse hundeeffame.

Yunvarsitiin biyya Indiyaatti hundeeffame kun kitaabota miliyoona sagal kan qabu yoo ta’u, barattoota 10,000 ta’anitu kutaalee addunyaa garaa garaarraa Yunvarsiitii kanatti barata ture.

Yunvarsiitiin kun dhagaa ijaarsaa diddiimaa qabu yoo ta'u, giddugaleessa barnootaa dheeraa lakkoofsise isa ijoodha.

Yunvarsiitiin Nalandaa dhaloota Kiristoos booda bara 427 hundeeffame.

Yunvarsiitiin kun addunyaarratti yunvarsiitii si’a jalqabaatiif barattoonni keessa jiraachaa, itti baratan akka ta’eetti fudhatama.

Barattoonni 10,000 biyyoota Baha fi Giddugaleessa Eeshiyaarraa Indiyaa dhaqan dhaabbata bara giddugaleessaa gurmeeffame kanatti barataa turan.

Barattoonni bakka kanatti kan walitti qabamaniif barnoota fayyaa(medicine), loojikii, herreega barataa turan.

Hundaa olitti ammoo qaleelfamni amantii Budizimii beektota amantiichaatiin bakka kanatti barsiifama tute.

Hayyuun amantichaa Daalahi Lamaa yeroo tokko akkas jedhanii turan:’’Nalandaan madda beektota Budizimii hundaati,’’ jedhan turan.

Yunvarsiitiin kun erga hundeeffame jaarraa torbaffaa keessallee kan akka Nalandaa fakkaatu dachee keenyarra hin turre.

Yunvarsiiitiin beekamaan kun umriidhaan Yunvarsiitii Oksifoord fi yunvarsiitoota Awurooppaa biroo waggoota 500 oliin dursa.

Akkaataan falaasama fi amantiin yunvarsiitichatti itti barsiifamu erga yunvarsiitichi hojii dhaabee boodallee aadaa biyyoota Eeshiyaa qare.

Sirni wal’aansa fayyaa durii Indiyaa tooftaa umamaa bu’uureffate Ayurveda jedhamu Yunvarsiitii kana keessatti barsiifamaa ture.

Barnoonni fayyaa kun Nalandaa eegalamee kutaalee Indiyaa kaanitti babal’ate. Aartiin sibilaarratti hojjatamu yunvarsiitiin Nalandaarraa gara gara Tibeetii fi Malayan, Kibba Eeshiyaatti babal’ate.

Dursitoota amantii Buudizimii

Madda suuraa, imageBROKER/Alamy

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gumaachi Nalandaan barnoota herreegaa fi astironoomiirratti qabu hunda caala kan eeramu.

Ariyabhataan abbaa herreegaa Indiyaa jedhamee nama beekamu. Aryabhataan jaarraa 6ffaa keessa yunvarsiitii Nalandaa seeneera jedhamee himama.

Pirofesarrii Kaalkaataa jirataan Anuradha Mitira jedhamu’’ Ariyabhataan, nama yeroo jalqabaatiif zeeroo dijiitii lakkoofsaatti dabale jennee amanna, yaad-rimee jijjirama fidee fi aljebraa fi kaalkulasiitti akka guddatu gargaare’’ jedha.

Hayyuun Herreegaa kun akka jedhutti, Ariyabhataan akkaatti iskuuwer fi kiyuub ruutii jalaa lakkoofsa baas jalqabe jedha.

Hojii kanatu herreegaa fi astiroonomi Kibba Indiyaa fi biyyoota Arabaatti akka guddatu gargaare.

Yunvarsiitiin Nalandaa beektoota isaa ijoo fi pirofesaroota isaa gara Chaayinaa, Kooriyaa,Indonizhiyaa fi Sirilaankaatti erguun barnootafi falaasama amantii Budizimii barsiisaa ture.

Dur sagantaan aadaa wal barsiisuu gaggeeffamaa ture amanitin Budizimii biyyoota Eeshiyaa keessati akka tamsa’u gargaare.

Hambaan arkiyoolojii Yunvarsiitiin Nalandaa yeroo ammatti hambaa UNESCO ta’ee galmaa’e.

Bara 1190 keessa yunvarsiitichi loltoota qondaala waraana lammummaa Turkii fi Afgaanistaan qabu Jeneraala Baaktiyaar Kilijii jedhamuun manca’e.

Qondaalli waraanaa kun Kaabaa fi Baha Indiyaa wayita weeraretti giddugaloota beekumsa amantii Budizimii balleessuu barbaade ture.

Mooraa yunvarsichaatti ibiddi qabsifame ture, mooraan yunvarsiitichaa bal’aa waan tureef ibiddichi ji’oota sadiif boba’aa ture.