'A Doctor without a country': Dr. Tomaas Laambee Itoophiyaatti tajaajila fayyaafi barnoota ammayyaa baballisuu keessatti akkamiin yaadatama?

Dr. Tomaas Laambeen bara 1919 yeroo Dambi Doollaa dhufanitti

Madda suuraa, DEMBI DOLLO HOSPITALA FOUNDATION

Dr. Tomaas Laambee 'The American United Presbyterian Mission' irraa ergama fudhatee Qeellam Wallaggaa, Sayyoo, kan qaqqabe bara 1919 ture.

Akka kitaabni waa'ee seenaa isaarratti barraa'e Thomas A. Lambie: Missionary Doctor and Entrepreneur jedhu kaa'utti, dhufaatiin isaa kallattiin hin turre. Bu'aa ba'ii hedduu baddaafi gammoojjii keessa qaxxaamuree ture Masirii irraa gara Sudaan, Sudaan irraa ammoo Wallagga kan seene.

Dr. Laambeen Masiriifi Sudaan keessatti hojii ergama wangeelaa cinaatti ogummaa fayyaa barateen taajajila fayyaafi barnoota baballisaa ture.

Itoophiyaa erga dhufee kaasees, hojii wangeelaan alatti tajaajila fayyaafi barnoota ammayyaa babal'isaa tureera.

Fakkeenyaaf, gama fayyaatiin Itoophiyaa keessatti hospitaalota sadii (lama Finfinnee keessatti, tokko ammoo Dambi-Doollootti) hundeesseera.

Gara biyyoota Baha Giddu-galeessaa Jordaaniifi Filisxeemittis darbee ittisa dhibee sombaarratti waan danuu akka hojjete seenaan isaa ni mul'isa.

Hojii isaa kanaan walqabatee, Dr. Tomaas Laambee, 'A Doctor without a Country' jedhama. Doktora biyya hin qabne akka jechuuti.

Itoophiyaa keessatti akkamiin yaadatama?

Ergama wangeela geessisuun olitti Dr. Tomaas Laambeen tajaajila fayyaafi barnoota ammayyaa baballisuu keessatti hojii bu'uura ta'aniifi bal'aa hojjeteera.

Waajira Qindeessaa Sinoodosoota Beeteel kan ta'an Luba Tafarii Barkeessaa, Dr. Tomaas Laambee akka hundeessaa waldaa isaanii Beeteel Makaane Yesuus ta'etti fudhatu.

Mishinariin kun hojii wangeelaa cinaatti waggoota 100 dura tajaajila fayyaafi barnoota ammayyaa akkaan barbaachisaa ta'e babal'isuu isaatiin seenaan addatti isa yaadata jedhu.

Gama fayyaatiin maal gumaachan?

Qeellam Wallaggaa Sayyoo keessatti yeroo tajaajila isaa jalqabetti Dr. Tomaas Laambeen, mana yaalaas achumatti jalqabanii guddataa deemee Hospitaalli Dambi-Doolloo kan amma harka mootummaa jiru kun yeroo sana akka hundeeffame kaasu Luba Tafariin.

Hospitaalli kun ammoo baayyee bal'atee ummata hedduuf tajaajila kennaa tureera.

Isaan booda gara giddu-galeessa biyyaatti yeroo waamametti Dr. Laambeen, Inistitiyuutii Qorannoo Fayyaafi Sirna Nyaataa Itoophiyaa (EPHI) kan maqaa Paastar Inistitiyuut jedhamuun beekamu hundeesse jedhu.

Hospitaalli Phaawuloos (St Paul Hospitaal) Finfinnee jiru kunis Dr. Tomaas Laambeetiin akka hundeeffame kitaabni waa'ee seenaa isaa irratti barreeffame ni mul'isa.

Qabatni guddaan ittiin Dr. Tomaas Laambeen ittiin gara Itoophiyaa dhufee jiraatuufi hojii isaa hojjetuuf karaa baneefiyyu ogummaa fayyaa isaatiif barbaadamuu isaatii akka ta'e kaasu Lubi Tafarii.

Yeroo sanatti biyya gaggeessaa kan ture Dajaazmaach Birruu nama jedhamutu waamicha godhaniif kan jedhan Lubi Tafarii, waamicha akka taasisaniif sababii kan ta'e ammoo akkuma amma Koronaan addunyaa kana raasetti bara sana ammoo dhibee 'Spanish Flu' ykn 'Hidaar Bashitaa' jedhamu tokkotu ture jechuun ibsu.

"Yeroo sana dhibeen kun loltoota Dajjaazmaach Birruu jalaa fixee jennaan akka inni dhufee yaaluuf waamichi godhameef.

Waamicha kana ammoo fudhatee gaafa dhufu inni wallaansa fayyaa kennuu qofa osoo hin taane, hojii barnootaas, hojii wangeela babal'isuu yoo naaf hayyamama ta'e nan dhufe jedhe. Kana ammoo hayyamaniif jennaan dhufe," jedhu.

Dhukkubni 'Spanish Flu' kun addunyaarra bara 1918-1919tti kan ture yoo ta'u, ummata Itoophiyaa hedduu akka fixe seenaan ni mul'isa.

Ogummaa fayyaa isaatiif barbaadamee Sudaan irraa akkuma gara Wallaggaatti waamicha argate, ogummaamti fayyaa isaa kun suuta suutaan akka gara giddu-galeessa biyyaatti akka dhufuuf karaa isaa ta'e Dr. Laambeetiif.

Goondaa gurra bulchaa seente wallaanuuf barbaadame

Akka odeeffannoo fuula marsariitii Gospel Fellowship Association (GFA) irraa argame jedhutti, bara 1920moota keessa Dr. Laambeen haadha warraa isaafi garee isaa waliin gaangeedhaan karaa Goree gara giddu-galeessa biyyaatti dhufuuf yaalaanii garuu bulchitoota naannawaa sanaa yeroo sanaatiin dhorkamanii of duuba deebiyan.

Haata'u malee, guyyaa tokko gaggeessaan akka hin dabarre dhorke goondaan yookaan mixiin gurra seente. Bulchaan kun wallaansa jira jedhameen fala waan dhabeef du'uu qofaan akka isa hafe yaadaa ture jedha.

Boodarra Dr. Laambeen ogeessa fayyaa ta'uun isaa iyyaafannaa keessa waan barameef waamamee ilbisa kana keessaa baasee lubbuu akka oolche himama.

Qabata kanaan bulchaan kun Dr. Laambee Finfinnee geessuun Raas Tafarii (boodarra kan Hayilasillaasee jedhame) waliin akka wal barsiise ibsa fuulli marsariitti GFA kun.

Gama barnootaatiin

Mana barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Birhaan Yesuus Dambi-Doollootti waldaa keessatti bane booda mana barumsaa of danda'e ta'ee bahe jedhu Lubni Tafarii Barkeessaa.

Bu'uuruma Dr. Tomaas Laambeen Sayyoo keessatti kaa'een manneen barnootaa 100 ol ta'an biroon waldoota Kiristaanaa jalatti banamanii carraa barnootaa Qeellam keessatti akka baballisan ibsu.

Hojiin barnoota baballisuu Dr. Laambee Qeellam Wallaggaa keessatti hin daangeffamne.

Dr. Tomaas Laambee

Madda suuraa, The Long Riders' Guild

Gara giddu-galeessa biyyaattillee baballisuun mana barnootaa ijoollee durbaa 'Bethel Mekane Yesus Girls' School' kan jedhamu Finfinnee, Gulalleetti hundeesse jedhu.

Manni barnootaa ijoollee durbaa Beeteel Makane Yesuus Finfinneetti Dr. Laambeen hundeesse kun amma waggaa 98 akka ta'es dubbatu.

Manni barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Birhane-Yesuus jalqaba waldaa keessatti hundaa'e booda gara mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti guddachuun 'Bethel Evangelical Secondary School (BESS)' ta'e.

Boodarra mishinaroonni baayyeen isa waliin dhufanii manneen barnootaa kan hundeessaniifi barsiisaa turan hedduu akka turan kaasuun, manni barumsaa 'BESS' kun addatti milkaa'ina isaatiin bakka guddaa qaba ture jedhu.

Ofii isaaniillee achitti akka baratan kan himan Lubi Tafarii, manni barumsaa BESS namoota gurguddoo barsiisee kan baasedha jedhu.

Mana barumsaa kun jedhu, barnoota ogummaa akka qonnaafi teekinikaa dabalatee akaakuu sirna barnootaa addatti dhaloota qaru akka qabu ture yaadatu.

Manni barumsaa BESS bu'uura guddaa kan kaa'edha kan jedhan Lubi Tafarii Barkeessaa, dhalattoota naannoo sanaaf qofa osoo hin taane manni barnootaa gaariin yeroo sanatti jiru isa waan tureef bakkeewwan fagoo akka Finfinnee, Gaambeellaafi kutaawwan biyyattii gara garaa keessaa simatee barsiisaa ture jedhan.

Dr. Tomaas Laambee eenyu?

Kitaabni waa'ee biyyoota akka Angiloo-Ejipt, Sudaan, Itoophiyaafi Filisxeem keessatti dabarse, bakka inni nannaanna'e, hojii inni hojjete, xalayaawwaniifi gabaasa hojii isaarraa walitti qabamuun qophaa'e, Dr. Laambeen nama addaa akka ture kaa'a.

Medikaal Doktoriidha, nama hojii jaallatuufi yeroo hundaa dirree itti bobba'etti injifatu ture.

Nama guutummaan guutuutti of kennee namootaaf jiraatedha; biyyoota kanneen keessa bosanaa, baddaafi gammoojjii, lagaafi gaarreen inni keessa hin deemne hin jiru jedha.

Dandeettii waa uumuus qaba ture jedha kitaabni waa'ee hojii mishinarii isaa ballinaan dhiyeesse kun.

Ogummaa fayyaafi hawaasummaan alattis dippilomaatii beekamaa akka ture warri isa beekan dhugaa ba'uuf. Afaanota Sudaan hedduu, Amaariffaafi Arabiffa barateera.

Tomaas A Laambeen umuriin isaa waggaa 22 wayita jiru bara 1907 karaa Ijiptiifi Sudaan hojii mishinariif qormaata barbaachisu darbee bobba'a.

Amerikaa irraa ture kan gara Ijjipt-Sudaanitti qajeele. Hojii mishinii cinaatti, tajaajila ogummaa fayyaatiin akka biyyoota kanatti imaluu fedhes dubbateera.

Akka kitaabni seenaa Dr. Laambee jedhutti, Yunaayitid Pirisbitaariyaan Miishin bara 1893 hojii mishinii Itoophiyaa keessatti hojjechuuf akka hayyamamuuf Minilik II gaafatanii turan. Haata'u malee, gaggeessitoonni Abisiiniyaan Ortodoksiin dhiibbaan Kiristaanummaa biyya alaa isaan waan yaaddesseef hin hayyamamiiniif hafeera.

Bara 1918 keessa garuu Dr. Laambeefi maatiin isaa Sudaan Naasir irraa Itoophiyaa Gambeellaa seenuu danda'aniiru.

Hawwii isaa bara dheeraa Itoophiyaa keessatti tajaajila dhiyeessuu hawwaa tureen Sudaan irraa gara Wallaggaatti seenuun hojii wangeela baballisuun cinaatti tajaajila fayyaafi barnoota ammayaa baballisaa tureera.

Itti-gaafatamummaa isaa Itoophiyaa keessatti sirriitti akka bahatuuf, akkasumas hogganaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa akka ta'uuf Dr. Tomaas Laambee bara 1934 lammummaa US dhiisuun kan Itoophiyaa kennameefiif ture.

Haata'u malee, bara 1937 yeroo Xaaliyaan Itoophiyaa qabattee turtetti mishinaroonni hundumtuu akka biyyaa bahan waan gooteef innis yeroo sana Itoophiyaatii akka bahe seenaan isaa ni mul'isa.