Dogoggorri barnoota seenaa Itoophiyaa maali?

Madda suuraa, Giorgio Cosulich
Sirna barnootaa Seenaa Itoophiyaarratti fooyya'iinsa gochuuf yaaliin taasifamaa ture akka hin milkoofne miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanii turan.
Miidiyaaleen kunneen Ministeera Barnootaatti Daayireektara Qophiifi Raawwii Sirna Barnootaa kan ta'an Obbo Isheetuu Asfaaw waabeeffachuun ture kan kaleessa gaabaasan.
Akka gaabaasa kanaatti qorannoon waggoota torbaaf taasifamee kitaabolee fooyyeessuun erga xumuramee booda beektoonni sabaafi sab-lammii irratti walii galuu waan dhabaniif haqameera jedhame.
Akka duraan miidiyaaleen gabaasanitti aanga'oonni ministeerichaa barnoonni Seenaa yeroo ammaa kennamaa jiru kun ilaalcha siyaasaa isaatuu caala waan ta'eef hawaasummaa, dinagdee, aadaafi dudhaa ummatichaa dagateera.
Kun ammoo qorattoonni Seenaa seenaa uummata Itoophiyaa karaa sirrii hin taaneen akka hubatan taasiseera jedhan.
Dhimma kana mirkaneeffachuudhaaf BBC'n Obbo Isheetuu gaafatee kan ture yommuu ta'u, odeeffannoon miidiyaaleen kun gabaasan dogoggoraa jedhan.
Sirna barnootaa keessatti Seenaa qofa osoo hin taane kitaabni barnootaa kamiyyu baruufi barsiisuu keessa erga galee booda haala yeroo keessatti foyya'aa deema jedhu Obbo Isheetuun.
Akkuma kana barnoota Seenaa foyyeessuuf kan jalqabamee ture yeroo dheeraa nu jalaa fudhate jedhu.
Barnoota Seenaa foyyeessuun addaan citee ture ammoo yeroon itti gosa barnootaa hunda foyyeessinu waan ga'eef jecha Seenaas barnoota biroo walumaan taasisuuf dhaabbate malee waliigalteen waan dhibeef kan jedhame sirrii miti jedhan.
Haata'u malee, yeroo sirna barnootaa kana foyyeessinutti jedhan Obbo Isheetuun, barnoota Seenaa ammoo xiyyeeffannoo addaatiin seenaa Itoophiyaa akka ta'u taasifnee qopheessuu keenya itti fufa jedhu.
''Seenaan kan isa mo'ees, kan isa mo'atameetiis''
Haala Seenaan biyyaa Itoophiyaa itti barraa'aafi himamaa turerraa kan ka'e dubbiin kitaabota barnoota Seena falmisiisaa ta'uufi xiyyeeffannoo akka barbaadu qorattoonni Seenaa ni himu.
Dhimmuma kanarrattii Yunivarsiitii Finfinneetti baroota dheeraaf seena kan qorataniifi barsiisaa turan Piroofeesar Tassammaa Ta'aa kan jedhan qabu.
Kanaan dura Seenaan Itoophiyaa gama warra sirna gita bittaafi amantaa Ortodoksii kan leellisu ture kan barreeffame kan jedhan Piroofeesar Tassammaan, seenaan sabaafi sablammootaaf keessatti hin hammatamnee jedhu.
"Seenaa kan isa miidhee ol ka'aaniitu, kan isa miidhameemmoo itti dhiisan. Fakkeenyaaf siidaan yaaddannoo Minilikiif ijaarame jira. Dhiyeenyammoo siidaan Calanqoofi Aanolee ijaaramanaan namoonnii baayyeen aaran."
Seenaan garuu jedhan Piroof. Tasammaan, "kan isa mo'ees, kan isa mo'atameetiis. Yaadannoo sana olkawwachuuf haqa qaba warri miidhames."
Seenaan kitaaboota sadarkaa gadiirraa kaasee akkaatuma kanaan barreeffame jedhamuun gaafatamanii,"Dhiyeenyatti waa'ee sabaafi sablammoota itti dabaluun yaalameera, inniyyuu sirrii miti. Isuma duranitu dhuunfatee jira. Seenaa mootota biyya bitaa turanii kan akka Teewudiroos, Minilikii fa'aatu baay'ata" jedhu.
Akkamiin sirraa'uu danda'a?
"Kutaa gadii aanuurraa eegalee seena saboota kanaan dura hir'ate sadarkaa sadarkaadhan itti dabalanii barsiisuu barbaachisa jedhu.
"Wantoota dogoggoraan barreeffaman sacca'uun kan hin taanee keessaa baasanii aadaa fi seenaa sabaa itti dabaluutu barbaachisa."
Akka fakkeenyaattis sirna Gadaa sirna barnoota seenaa keessa galchuun fayidaa waliin jireenyaafi aadaa dimookraasii gabbisuu keessatti qabu ibsaniru.
Aadaan, seenaafi duudhaa warra biyya Itoophiyaa ijaaruu keessatti qaban hunda qorannoowwan haga ammaatti hojjetaman walitti qabuun imaammata keessa galchuutu barbaachisas jedhu.















