Barataa PhD gaaffii Sankrit waggaa 2,500’f tureef furmaata argate

Madda suuraa, PA Media
Gaaffii seerlugaa afaan bara durii Eeshiyaa Kibbaa Saaniskiriit jedhamu kan dhaloota Kiristooos dura jaarra 5ffaa irraa eegale hayyoota rakkisaa tureeru, amma barataa PhD Yunivarsitii Kaambirijiin deebii argateera.
Rishii Raajpopaat, umurii ganna 27, hayyuu seera afaan Saaniskiriiti waggaa 2,500 dura jiraate ture kan fure.
Afaan Saanikiit kan dubbatamu Indiyaa keessatti yoo ta’u, lammilee biiliyoona tokkoo ol biyyatti keessa jiran keessaa namoota 25,000 qofaatu afaan kana dubbata, akka yunivarsitichi jedhutti.
Rishiin akka jedhutti ji’ooota sagaliif “eessayyu ga’uu erga dadhabee “ booda Kaambiriijitti furmaata isaa argate.
“Ji’a tokkoof kitaabotakoo cufee yeroo boqonnakoo bishaan daakuun, saaykilii ofuun, nyaata bisheessuun, kadhannaa fi sammuukoo haareessuunaan dabarse,” jedha.
“Sana booda, gara hojiitti deebi’ee, daqiiqaa muraasa keessatti, yeroon fuul kitaabakoo banuu eegalu, waan akka fakkii mul’achuu eegale boodara hunda isaayyu hubachuun eegale.”
Rishiin akka jedhutti “saa’aatii dheeraa halkan walakkaa dabalatee mana kitaabaa keessatti dabarsa,” ta’us garuu ammayyuu gaffii kanarratti waggaa lamaa fi walakkaa dabalata hojechuun irra ture.

Madda suuraa, PA Media
Afaan Saaniskiriit, namoota hedduun dubbatamuu baatus, afaan Hinduuyizimii kabajamaa fi saayinsii, falaasama, walaloo fi hogbarruu Indiyaa keessatti waggootii hedduuf kan fayyadamamaa turedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seerlugi Paniinii, kan Astadiyaayi jedhamuun jedhamuun beekamu, sirna bu’uura fi maxxantuu jecha tokkoo fayyadamuun jechootaa fi himoota seerlugaan sirri ta’an uumu dandeessisa.
Haata’u malee, seeroti Paniinii lama ykn isaa ol takka takka al takkatti waan fayyadamamaniif, falmii uumeera.
Seerri Paniiniin barsiifame , kan hayyuleen hiiki itti kennamee ture, yeroo hedduu bu’aa dogoggora seerlugaa qabu uumeera.
Rishiin hiika aadaatiin seera Paniniif kennameen walii hin galle. Kanaaf hiika maataa isaa kennuun yeroo hojiirra olchuu “mashiiniin afaanii” Paniiniin uumee dogoggora malee jechuuta seerluga eeggatan akka uuman argateera.
“Argannoon kun barattoota Indiyaa keessa jiran, kooraa fi abdii isaanis wanta gurguddaa bira ga’uu akka danda’an itti agarsisuu itti hora jedheen abdadha,” jedha indiyaa irraa kan ta’e Rishiin.
Keembirijitti hogganaa isaa kan ta’e, piroofeesarri Saaniskiriitii, Vinshenzoo Verjiyaani, “Rishiin rakkoo jaarraa hedduuf hayyoota rakkisaa tureef furmaata salphaa ajaa’ibsiisa ta’e argateera,” jedha.
“Argannoon kun qorannoo Saniskiriit, yeroo amma fedhiin afaanichaa dabalee jirutti, kan guddaa jijjiirudha.”












