Dureessa addunyaarra sadaffaa, barnoota addaan kutuufi bu'aa ba'iin jireenyaa isa dhaabuu hin dandeenye

Gautam Adani is is the world's third richest man - behind Elon Musk and Jeff Bezos

Madda suuraa, Getty Images

Sadaasa 26, 2008 galgala, yeroo sanatti dureessa Indiyaa 10ffaa kan ture Gawutam Adaani Hoteela Taaj Mahaal, Mumbaay jiru keessatti irbaata utuu nyaatuu, hidhattoota ol seenuun dhukaasa banan arge.

Hidhattoonni kurnan lammiilee Paakistaan ta’an kun, dhukaasa hoteelota lamaa fi bakkeewwan biraatti banuun gara sa’aatii 60’f turaniin lubbuu namoota 166 galaafatan.

Yeroo hidhattoonni kunneen hoteela Taaj Mahaal keessatti dhukaasa bananitti Adaaniin kessummoota biroo 100 ta’an waliin kutaa tokko keessa dhokachuun lubbuu isaaniif Waaqa kadhachaa turani.

Galgala sana kutaa keessa dhokatanii erga turanii booda, ganama itti aanuu erga poolisiin karaa balbala boroon namoota kunneen olcheera.

“Fageenya gara meetira 5 irraattin du’a arge,” jechuun yeroo sanatti Adaaniin gara magaala dhaloota isaa Ahmedabaaditti erga deebi’ee gaazexessitootatti himee ture.

Amma waggaa 14 booda, Adanii, umurii ganna 60’tti, Iloon Maski fi Jeef Beezoositti aanuun dureessa addunyaa isa sadaffaadha.

Dhaabbilee annisaatii hanga buufata doonii kan qabu yoo ta’u, hojjettoota 23,000 fi kaappitaala gabaa doolaara biiliyoona 230 qaba.

Torban kana Adaaniin oduu irratti hedduu dhiyaachaa ture sababiin isaas, yeroo jalqabaa isaaf gabaa miidiyaa seenuun neetwoork Indiyaa beekama NDTV jedhamu bituuf waan jedhuufidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo dheeraa dura dargaggummaan barumsa addaan kan kute Adaanii, boodarra daldala keessa seenuun biliyeenara ta’e.

Umurii ganna 16’tti barnoota erga addaan kutee booda Adaniin gara Mumbaay deemuun daldala daayimandii keessa seenuu eegale.

Daldala kana keessa utuu hin turiin waggaa lama booda Gujaaraatitti deebi’ee warshaa saamsaa obboleessa isaa hogganuu eegale.

Maatii galii gidduu galeessaa qabaniifi daldaltoota huccuu ta’an irraa kan dhufe Adaanii, bara 1998’tti dhaabbata daldala isaa erga banate duubatti hin ilaalle.

Waggootii 24 itti aanan keessatti, dhaabbileen isaa liqii irratti hundaa’an daldaloota buufata doonii, albuuda baasa, daandii baaburaa, ijaarsa manneenii fi annisaa keessa seenuun dureessa ‘cimaa’ Indiyaa akka jedhamu isa taasiseera.

Har’a Adaaniin dhaabbata simmintoo guddicha Indiyaa isa lammaffaa, buufata doonii 13 fi buufata xiyyaaraa torba qaba.

Akkasumas daandii Eksipireesii Indiyaa isa dheeraa Indiyaa kan magaalaa Delhii fi Mumbaay wal qabsiisuu ijaarsisaa jira.

Warshaa annisaa kasalaan hojjetuu ja’a kan qabu Adaaniin, dabalataan annisaa haaydiroojinii irratti doolara biiliyoona 50 invast goochuuf waadaa seenuun, ujummoo boba’aa uumamaa km 8,000 dheeratus qaba.

Akkasumas Indooneeshiyaa fi Awustiraaliyaa keessatti buufatalee kasala baasaa bitee qaba.

Bara 2030’tti gabaa annisaa deebisamee gargaaramuu danda’u keessatti isa dursaa ta’uuf karoorfateera.

Guddina isaa kana keessatti Adaaniin qeeqa hedduu kaasiseera. Hariiroo inni Ministeera Muummee Indiyaa Narendiraa Moodii waliin qabu, qeeqxoonni daldala isaa akka fakkeenya Kaappitaalizimiitti fudhatan taasiseera.

Marsariitiin AdaniWatch jedhamu kan gartuu miti-mootummaa Awustiraaliyaa jiruun hogganamu, “gocha hamaa dhaabbileen Adaanii addunyaa irratti hojjachaa jiran ifatti baasuuf,” waadaa seena.

Dhaabbati Adaanii Awustiraaliyaa keessatti seera kamuu cabsuu isaa ni haala.

Bara 2012’tti, gulaalaan mootummaa Indiyaa, kan yeroo sanatti ministeera Gujaraat turan Moodiidhaan, boba’aa gatii gadi aanaa dhaabbata boba’aa mootummaa irraa fudhachuun Adaanii fi namoota daldalaa biroof kennuun himatee ture.

Bara 2017’tti gaazexeessaan tokko dhaabbileen Adaanii bulchiinsa Moodii jalatti tajaajila addaa argataniiru jechuun gabaasa hedduu barreesseera.

Himata kana dhaabbileen Adaanii fi mootummaan Moodii irra daddeebiin haalaniiru.

Seenaa jireenyaa Adaanii kan barreesse RM Baskaar akka jedhutti, "dandeettiin hariiroo ijaaruu fi turfachuu” Adaanii daldala isaa guddisuuf isa gargaareera.