Dureessi addunyaa Maask US keessatti partii sadaffaa hundeessuu maalif barbaade?

Tirampi fi Elan Maaski

Madda suuraa, Getty Images

Dureessi addunyaa Elon Mask dhaabbilee teknolojii milkaa'oo hedduu kan guddina ajaa'ibaa teknolojii addunyaaf bu'uura ta'an hundeessuun milkaa'ee jira. Qabeenya guddaa horachuunis addunyaa irratti kan isaan gitu hin jiru.

Erga yeroo dhiyoo as garuu maqaan isaa hoggantoota siyaasaa waliin ka'a. Keessumaa ammoo hariroo fi wal dhabdeen pirezedidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraamp waliin taasisan ijoo miidiyaalee ta'uun bubbuleera.

Amma ammoo kaayyoo haaraa kan biraan as ba'eera. Ameerikaa keessatti paartii siyaasaa haaraa ummata bal'aaf uumuu. Kun US keessatti paartii Demokiraatotaa fi Rippaabilikaanii dabalataan paartii 3ffaa ta'a.

Garuu akkuma dhaabilee teknolojii gurguddaa addunyaa uumuun milkaa'e karoora isaa haaraa kanaan milkaa'uu danda'aa kan jedhu ammallee yaada falmisiisadha.

Akka xinxaltootni siyaasaa jedhanitti kana akka salphaatti dhugoomsuuf baay'ee rakkisaa ta'uu danda'a

Pirezidaantii Doonaald Tiraampiif wixinee imaammata biyya keessaa baasii hiri'isu gaggeessa kan ture Maski sababa mufannaa isaaf Tiraamp giddduutti uumameen hojicha gadi dhiisee

Amma immoo bulchiinsi paartilee lamaani 'tokkuma' jechuun hanqinni guddaan mootummaa Ameerikaa keessa akka jiru eerudhaan, paartii baasii mootummaa sirnaan to'atu konsarvaatiiv ta'e uumuuf kaayyeffateera.

Ogeeyyiin faayinaansii duula filannoo fi xinxaltootni siyaasaa akka ibsanitti, sababni qaamni sadaffaan kamiyyuu sirna paartilee lamaa Ameerikaa haala bu'a qabeessa ta'een mormuu danda'u akkasumas paartii haaraa ijaaruun maallaqaa fi seeraan qormaata guddaadha.

Elon Maask seerri gibiraa fi baasii pirezidaant Doonaald Tiraampiin mallatteeffame kun yoo seera baastotan kan ragga'u ta'ee Paartiin Ameerikaa haaraan kan hundeeffamu ta'aa jedhe.

"Ummanni keenya qabatamaan Sagalee akka qabaatuuf biyyi keenya paartii tokkummaa Dimookiraatotaa fi Rippabilikaanotaa irraa filannoo barbaaddi"jedhe.

Mask waadaa gale kan ni dhugoomsaa moo fi dhiisuu malaa kan jedhu ifa miti, garuu yaadni kun akka salphaatti raawwtamu miti. Seera walxaxaa biyyattii, eeyyama boordii filannoo fi falmii cimaa biroo waliin wal'aansoo qabuu qaba.

"Paartii siyaasaa Ameerikaa haaraa uumuuf carraaqqii cimaa gochuu kan danda'u namoota dureeyyii addunyaa akka isaa qofa," jechuun Biret Kappel, abukaatoon dhimma filannoo duraanii Ameerikaa michuu BBC Ameerikaa CBS 'tti himaniiru.

Seerota federaalaa fi naannoolee 50

Tirampi fi Elan Maaski

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biret Kappel, tokkoon tokkoon naannoolee dhaabbilee siyaasaa kamtu waraqaa filannoo irratti mul'achuu akka danda'u ilaalchisee seeraa adda addaa kan qaban yoo ta'u, gufuuwwan sana dabalatee haalotni adda addaa kana irra aanuuf rakkisaa ta'e akka jiru eeraniiru

Yeroo tokko tokko, paartii haaraan biyyaatti keessatti uumamu tokko ragaa baay'ee dhiyeessuun kaadhimamaa waraqaa filannoo irratti galchuu, achiis marsaa filannoo hunda keessatti sagalee sagalee dhibbeentaa murtaa'e mo'achuu barbaachisa ta'a jedha.

Fakkeenyaaf, Kaalifoorniyaatti ulaagaa guutuuf, dhaabni siyaasaa haaraan tokko yookaan filattota kutaa biyyattii keessaa dhibbentaa 0.33 yookaan gara namoota 75,000 akka miseensa galmaa'etti mallatteessisuu qaba.

Yoo kun hin taane ammoo mallattoo filattota miliyoona 1.1 irraa dhiyeessu qaba.

Sana booda, ulaagaa guutuuf, paartileen ulaagaa galmee %0.33 sana eeguu qabu yookaan dorgommii guutuu kutaa biyyattii keessatti gaggeeffamu irratti yoo xiqqaate sagalee %2 mo'achuu qabu.

Akkasumas sadarkaa biyyaatti beekamtii argachuuf paartiin siyaasaa sadarkaa naannoo tokkoon tokkoon isaa yaada gorsaa Komishinii Filannoo Federaalaa irraa barbaaduu qaba.

Tattaaffiin kun paartilee Dimookiraatotaa fi Rippabilikaan waliin dorgommii cimaa taasisuu waan gaafatuuf qormaata seeraa naannolee biyyattii keessatti mul'atu dabalataan maallaqni hedduun Maski ykn qaamaa paartii 3ffaa hundeessu irraa kan eegamuudha

Kanaaf "Seerotni naannoolee kutaalee biyyattii hunda keessatti argaman dhaabbilee siyaasaa gurguddoo lamaan irratti kan loogan waan ta'eef, paartii siyaasaa sadaffaan uumuun akka yaadame salphaa akka hin taane Kaappel CBS Newsitti himan

Adeemsi dhaaba siyaasaa fedhii biyyaalessaa qabu uumuus yeroo kan fudhatu ta'a.

Kappel akka jedhanitti, Mask kaadhimamaa muraasa jaallataman kutaalee biyyattii tokko tokko keessatti waraqaa filannoo irratti galchuu danda'u ta'a garuu paartii biyyoolessaa guutummaatti haaraa ijaaruun waggoota fudhachuu hin oolu jedhan.

Kanaafis yeroo gabaabaa ykn filannoo walakkeessa bara 2026tti taasifamutti kan hin danda'amne ta'uu dubbatu abukaatoon dhimma filannoo duraanii kun.

Adeemsa paartilee kanaan dura hundaa'aanii qormaata keessa turanii kan kaasaa Kappeel "Paartii haaraa uumuuf maallaqa guddaa yoo qabaatte milkaa'uu danda'a garuu pirojektii waggoota hedduu fudhatuu fi doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa'amu baasisudha," jedhan.

Maallaqa duula filannoo Mask

Baasii guddaan paartii siyaasaa hundeessuuf bahu Maaskiif gufuu guddaa ta'uu dhiisuu mala, qabeenyi isaa akka gatii Foorbisii fi Bloombergitti doolaara biiliyoona 350 ol ta'a .

Hogganaan Teslaa fi SpaceX kun haala nama ajaa'ibuun filannoo bara 2024 irratti Tiraamp fi kaadhimamtoota Rippabilikaanota biroo gargaaruuf doolaara miiliyoona 277 ta'u baaseera .

''Elan gurbaa ajaa'ibaa natti fakkaata, yeroo hunda akka gaariitti akka hojjetu nan beeka,'' jechuun kan jajaa turan Tiraamp amma garuu mufannaan isaanii gara waldhabbii cimaatti ce'uu kan mul'isuudha