Elon Maask seera gibira Tiraampiin 'qaaneessaa fi jibbisiisaa' jechuun ibse

Madda suuraa, Getty Images
Elon Maask seera gibiraa fi baasii pirezidaant Doonaald Tiraampiin mallatteeffame irratti qeeqa kaase. Waldhabdee isaafi michuusaa gidduutti bal'achaa dhufeen booda gocha Tiraamp kana ''qaaneessaa fi jibbisiisoodha'' jechuun ibse Maask.
Baajanni kan gibira doolaara tiriliyoona hedduu akka hir'isuu fi baasii raayyaa ittisaa dabalatee, mootummaan biyyattii Ameerikaa maallaqa dabalataa akka liqeeffatu ni hayyamu jedhamuun, baatii darbe keessa mana maree bakka bu'oota uummataatiin kan raggaasifame.
Maask waa'ee ajandaa marsaa lammaffaa Tiraamp kana ilaalchisuun "warra sagalee kennaniif salphina," jechuun seera baastota karaa barreeffama X irratti barreesseen qeeqe.
Sooreessi addunyaa kanaa kan ta'e Maask garee isaa Doge jedhamuun beekamu waliin baasii hir'isuuf guyyoota 129 erga hojjeteen booda torban darbe akkuma tasaa bulchiinsicha keessaa gadhiise.
Maask kanaan dura erga karoorichaan ''abdii kutachiisaadha'' jechuun ibseen booda, mootummaa keessaa gadhiisee bahuu isaa hordofee Tiraamp waliin waliigaltee dhabuu isaanii ifatti yaada kennuun kun kan jalqabaati.
Tiraamp ''yeroo hunda, nu waliin ta'a, karaa hundaan nu gargaara'' jedhanis, dhalataan Afrikaa Kibbaafi biliyeenarri teeknooloojii kun, yeroonsaa bulchiinsa Tiraamp keessaasaa Caamsaa 31 xumurame.
Bifa amma jiruun, wixineen seeraa, kan Tiraamp ''wixinee guddaa bareedaa'' jechuun waaman kun, hanqina baajata kan uumu jechuunis, kan garaagarummaa baasii fi mootummaa gidduu jiru, bara baajataa ittaanutti gara doolaara biiliyoona 600 (£444bn) dabalu akka ta'e tilmaamameera.
Maask barreeffama X irratti guyyaa Kibxataa wal duraa duubaan maxxanseen, labsiin baasii "aarii guddaa, foon booyyeetiin guutame" kun "hanqina baajata duraanuu guddaa ture gara doolaara tiriliyoona 2.5tti ol guddisuun, lammiilee Ameerikaa liiqaa olaanaan akka irratti fe'amu taasiseera'' jedhe.
Maask kan kanaan dura Rippabilikaanota ajandaa Tiraamp mormuun sagalee kennu kamiyyuu irratti maallaqaan duula filannoo akka deeggaran kan dhaadataa ture, amma maxxansa biraatiin akeekkachiisa siyaasaa kenneera
"Sadaasa dhufu namoota siyaasaa ummata Ameerikaa ganan hunda hojiirraa ariina" jechuun barreesse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreeffama Maask kan jalqabaatiin booda yaada kan gaafataman barreesituun Waayiti Hawuus Kaarooliin Leeviit, ''pirezidantichi ejjannoo Elan Maask seera kanarratti qabu ni beeku'' jetteetti.
''Kun seeraa guddaa, bareedaadha'' jette itti dabaluunis, ''kanaaf akkuma ejjannoosaaniitti cichaniitti jiru.''jette.
Seerri kunis bara 2025 kan bulchiinsa Tiraampiin raggaasiifameefi hir'isuu baasii dhiheenyatti xumuramu fi maallaqa baasii raayyaa ittisaatiif rammadamu dheerressuuf ni dandeessisa jedhamee ture.
Kana malees, bulchiinsichi baqattoota sanada seeraa hin qabne jumlaadhaan biyyaa ari'achuudhaaf deeggarsa maallaqaa gochuuf ni dandeessisa jedhameera.
Yaadni Maask kunis riipablikaanootti jidduutti mudama cimaa jiru kan agariisuudha.
Seerri seeneeti bira kunis mana maree rippabilkaanootaan to'atame keessatti qoodiinsi jiraachuu agarsiiseera.
Bakka bu'aan paartii ripaablikaana Keentaakii, Seeneet Raandi Pool guyyoota darban muraasa keessatti seerichi kan hanga idaa kan ol kaasuu kan hammatu yoo ta'e, labsiichi akka hin deeggarre dubbatan.
Michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS News dhuma torbaniirratti ''paartiin riipablikaa sagaleesaa kan kennu yoo ta'e, abbaa idaa ta'e'' jechuun akeekkachiiseera.
Ejjannoo Pooliin kan aaran Tiraamp, miidiyaa hawaasaa irratti deebii aariidhaan guutame kennaniiru.
''Waa'ee seerichaarratti hubannoo xiqqaa qaba'' erga jedhaniin booda, ''namoonni Keentaakii deeggaruu danda'u'' jechuun himatan.
Tiraamp ''yaadni isaa hugaatti maraatummaadha'' jechuun barreessan. Miseensoonni mana maree Rippablikaan yaada Maask kana gadi xiqqaassaniiru.
Dursaan seenatichaa Joon Tuneen yaada gaazexessitootaaf kennaniin, paartichi ''garaa garummaa ilaalchaa'' qabaatulleen, ''gutummaan gara fuulduraatti tarkaanfachuu'' karoorfateera'' jedhan.
Itti dabaluunis ''namni hunduu ajandaa dhaabbatuuf qaba, keessattuu pirezidantichi'' jedhan.
Seericha mana marichaattti kan raggaasisan Af-yaa'iin mana maree Rippablikaanootaa, Maayik Joonsa, ''hiriyaankoo Elan Maaskii dogongoreera'' jechuun Kaaptool Hiil irratti gaazexessitootatti dubbataniiru.
Joonsan itti dabaluudhaan, ''jalqabbii baayyee barbaachisaa ta'e eegaluudha. Maask kan dogongoreera'' jedhan.
Joonsan Maask waliin guyyaa Wiixataa haasaa bilbilaa daqiiqaa 20f ture taasisuu isanaii ibsuudhaan, baajatni gibira konkollaattoota elektiriikiif hayyamamu adda cituunsaa dhaabbata Maask Teesilaa irratti ''dhiibbaa qabaachu akka danda'u'' waliin haasoofneerra jedhan.
''Sanaatti nan gadda'' kan jedhan Joonsan, erga bilbilaan waliin mari'atanii booda Maask seericha qeequunsaa akka isa dinqisiisee dubbatan. ''Dogongora kana raawwachusaatti gaddeeras'' jedhan.













