Biil Geetis qabeenya dolaara bil. 200 qabu keessaa gara caalu Afrikaaf akka kennuu turtii Finfinneen beeksisan

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Hundeessaan Maayikiroosooft Biil Geetis, waggoota 20 dhufaniitti qabeenya qabu keessaa harka caalaasaa fooyya'insa tajaajila fayyaafi barnootaa Afrikaatiif kennuuf akka jiru beeksisan.
Dureessi addunyaa kun kana kan dubbatan Badhaasa Nishaanii Itoophiyaan Dilbata Waxabajji 1, 2025 kenniteefirattidha.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad badhaasa guddaa masaraa mootummaa keessatti gaggeeffame kana yeroo kennaniif, "hojii gurguddaa darbee jiraatuufi jijjiirama gaarii fide [dhaabbata abbaan qabeenyaa kun hundeessan] Biil And Meliindaa Geetis 'waggoota 25 darban raawwateef beekamtii kennuufiifidha," jedhan.
Biil Geetis haasaa Finfinneeti taasisan kanaan dargaggoonni Afrikaa hojii kalaquutti bobba'an Artiifishaal Intelejensii (AI) haala akkamiin gargaaramanii tajaajila fayyaa ardiisaanii foyyeessuu akka danda'anirrattihojechuu qabu jechuun yaadachiisaniiru.
Biil Geetis qabeenya isaa waggaa 20 booda dolaara biliyoona 200 gaha jedhamee eegamu keessaa dhibbentaa 99 dabarsee kennuuf karoorfachuu kan beeksise ji'a darbe keessa turan.
Dhaabbanni abbaa qabeenyaa kanaa Biil And Meliindaa Geetis Faawondeeshin jedamu kun bara 2025 hojiisaa xumura.
Sirna waajira muummee Gamtaa Afrikaatti qphaa'e kanarratti "waggoota 20 dhufan keessa akkan qoodu dhiyeenya kana waadaa galeera. Maallaqni harki caalu rakkoowan Afrikaa keessa jiran akka ittiin furtan gargaaruuf oola," jechuun dubbate.
Giifti-dureen duraanii Mozaambiik Giraasaa Maasheel "yeroo rakkinaa kan dhufedha" jechuun karoora Biil Geetis kana dinqisiifatteetti.
"Murannoo amansiisaa Mister Geetis nu waliin imaluuf qaban ni amanna," jedhan.
Mootummaan Ameerikaa sagantaalee dhukkubsattoota HIV/AIDSf wallaansi akka kennamuuf qophaa'een deeggarsa Afrikaatiif kennu addaan kuteera.
Sababa imaammata Tiraamp "Dursa Ameerikaatiif" jedhuun jijjiiramni dhufe kun hiree tajaajila fayyaa ardittiirratti yaaddoo uumeera.
Biil Geetis, Faawondeeshiniin hojii Afrikaa keessatti hojjetuun muuxannoo dheeraa qabu kun tajaajila fayyaa sadarkaa jalqabaarratti akka xiyyeeffatu ibseera.
"Kan baranneef, haai ulfaa'uun dura nyaata fayyaalessaafi madaalawaa ta'e kan argattu yoo taate, yeroo ulfoofutti daa'ima fayyaalessaa akka argattu taasisa," jedhe.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Da'imni waggoota jalqabaa afur kessa nyaata madaalawaa gaarii argachuusaa mirkaneessuun bu'aa fidha," jedha.
Biliyeenarri kun dargaggoota hojii kalaqaatti ba'aniif ergaa dabarseen, bilbilawwan harkaa Afrikaa keessatti tajaajila baankii keessatti warraaqsa akka fdan eeruun, AIn faayidaa ardittiitiif ooluu qaba jedheera.
Ruwaandaa akka agarsiiftuutti kan kaase Geetis, biyyattiin ulfawwan bala aguddaa qaban adda baasuuf altiraa saawondii AIn deeggrame fayyadamuun tajaajila akka foyyeessite kaaseera.
Dhimmoota sadii Geetis Faawondeeshin xiyyeeffannaa kennuuf keessaa tokko hanga danda'ame duuti haadhotiifi daa'immanii kka dhaabbatu gochuudha. Dhaloonni itti aanu dhukkuboota daddarboo ajjeesaniin akka hin rakkanne gochuufi namoota miliyoonaan lakkaa'aman iyyummaa keessa baasuun dhimmoota Faawondeeshinichi xiyyeeffannoo itti kennee hojjetudha.
"Dhuma waggaa 20 irratti hojii Faawondeeshinaachaatti Aduun ni dhiiti," jechuun waa'ee egeree faawondeeshnichaa dubbateera.
Geeis ji'a darbe karaa Faawondeeshinichaa kennuuf kan waadaa gale akka saffisaan raawwatu ibsee ture.
"Yoon du'e namoonni waa'ee koo waan hedduu duuubatu; haata'u malee, ' sooressa ta'ee du'e' kan jedhu tokko ta'a," jechuun barreessee ture.
Akka odeeffannoo Biluumbargirraa argametti, Biil Geetis qabeenya isaa harka dhibba keessaa 99 kan ta'u erga dabarsee kennee boodallee duroomaan sadarkaa shanaffaarra ta'a.
Geetis Pool Alen waliin ta'uun maayikiroo kan hundeesse bara 1975 yoo ta'u, kampaaniin kun yeroo dhiyoo keessatti sooftiweeriifi industiriiwwan tekinooloojii keessatti dhiibbaa kan uumu ta'eera.
Waggoota kudhanii ol darbaniif kampanii kanarraa kan of fageessaa dhufe Geetis, bara 2000 keessa hoji raawwachiisummaarraa, bara 2014 ammoo dursuurraa gadhiiseera.
abbaan qabenyaa kun maallaqasaa kennuuf kan murteesseef kan isa kakaase Waaren Buufetiifi namoota tola- oolan biroo ilaaluun akka ta'e ibsa.
haata'u malee, namoonni Faawondeeshinii kana qeeqan, Geetis hojii tola ooltummaa gibira jalaa miliquuf itti gargaarama, akkasumas sirna fayyaa addunyaarratti dhiibbaa hin taanegochaa jira jechuun qeequ.












