Eenyummaan nama Moyyaaleetti Maaree Jaldeessaan lubbuun darbe adda bahe

Madda suuraa, Reuters
Itoophiyaatti dhukkuba Maaree Jaldeessaan (Mpox) namoota qabaman keessaa anami tokko lubbuun darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise Caamsaa 31, 2025 beeksiisee ture.
Haata'u malee gaafa sana eenyummaan nama lubbuun dhibee kanaan darbe hin ibsine ture.
Namoota dhukkuba kanaan qabamusaanii mirkannaa'e keessaa kan lubbuunsaa darbe daa'ima dhalattuu guuyyaa 21 ta'u, Itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa Magaalaa Mooyyalee, Obbo Huqqaa Dooyyoon BBCtti himan.
Daa'imni kunis hakiimoota ispeeshaalistoota daa'immanii eegumasa fayyaa Itoophiyaa fi kan dhaabbata fayyaa addunyaatiin yaaliin barbaachisu marti taasifamuuf illeen sababii rakkoo fayyaa biraa (complication) hubaameef irraa hafu akka hin dandeenye himan Obbo Huqqaan.
Ammaan tanattis namoonni dhukkuba kanaan shakkamee to'annoo jala jiru sadii ta'u kan kaasaan aanga'aan kun, kanneen duraan shakkaman hundi erga dhiignsaanii qorateen booda gadhiifamu dubbatan.
Itti dabaluunis, isaan amma to'annoo jala jiranis dhiignisaanii qorannoofi ergamuufi bu'aa laaboraatorii irratti hundaa'un akka gara manasaaniitti deebiifaman kaasan.
Dhukkubni kun magaalichatti mul'achusaa hordofee koreen sadarkaa garaagaraatti hundeeffamuun hojii hubannoo hawaasaa cimsuuf hojjatamaa waan tureef erga yeroo sanaatii asitti mallattoo haaraan dhiibee kanaa akka hin jirre himan Obbo Huqqaan.
Itti dabaluunis, gandoota hunda keessattu gareen gara 32 ta'u hundeessudhaan mana manarra adeemuun hojiin hubannoo cimsuu hojjataamaa turuu kaasuun, guyyaa lama keessatti abbaa warraa kuma 11 ol bira dhaqabuu ibsan.
Walumaaglattis motummaa fi qaamooleen dhimmisaa ilaalatuun sadarkaa federaalaa hanga magaalaatti qindoomiinaa hojjatamaa waan jiruuf ''amma haalli jiru gaariidha'' kan jedhan hogganaan kun, ''dhukkubichi bakkuma jiruutti dhaabateera'' jedhan.
Ibsi ministira fayyaa maal jedhe?
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa dhukkuba kanaan namni jalqabaa du'uu kan beeksise Sanbata 31, 2025 ibsa baaseen.
Ministeera Fayyaafi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa dhukkubni Maaree Jaldeessaa Itoophiyaa galuu kan beeksisan torbeen dura ture.
Namoonni dhukkuba kanaan qabaman jalqabaa kan argaman magaalaa daangaa Keeniyaa kan taate magaala Mooyyaleetti akka tahes himameera.
Dhukkuba kanaan kan qabaman daa'ima guyyaa 21 fi haadhasaa akka tahe dhaabbilee lameen ibsa baasaniin beeksisaniiru.
Abbaa daa'imaa dhukkubichaan qabamee gara biyya ollaa imalee tureefi, ''hojiin namoota isaan wal tuttuqqii qabu jedhaman adda baasuufi hordofuun jalqabamuu,'' ibsichi himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ibsi kuni haati fi ilmi dhukkubni kuni jalqaba irratti argame ''kutaa wal'aansaa addatti isaaniif qophaa'e keessatti hordoffiin isaaniif taasifamaa jira,'' kan jedhe yoo tahu kanaan dura, ''rakkoon addaa akka isaan hin mudanne,'' himee ture.
Dhukkuba kanaan namoonni lama qabamuunsaanii erga ibsameen booda namni dabalataa tokko dhibee kanaan qabamuu kan mirkanaa'e gaafa Kibxataa ture.
Roobii darbe lakkoofsi kuni dachaan dabalaee namoonni qabaman lakkoofsi isaanii ja'a gaheera. Haalli kuni hamma gaafa Sanbataa otoo hin geeddaramiin turuu ministeerichi ibsa baaseen beeksiseera.
Ministeerri Fayyaa sanbata galgala ibsa guyyuu baaseen namoota dhukkubichaan qabamani jaha keessaa lubbuun nama tokkoo darbuu beeksise. Tahus namni du'e warreen qabamuunsaanii beekame keessaa isa kam akka tahe hin ibsine.
Erga dhukkubni kuni mul'achuun dhagahamee lakkoofsi namoota qorannoon taasifameefi 15 gaheera.
Namoonni dhukkuba Maaree jaldeessaan qabaman mallattoowwan kanneen akka ho'i qaamaa dabaluu, mata bowwaa, qufaa, qaamnisaanii dhita'uu, dhukkubii maashaafi dugdaa akkasumas madaa gogaaa irratti bahuufi dadhabbiin irraa mul'ata.
Namoonni dhukkuba kanaan qabaman fuulasaaniirraa qabe hanga miilsaaniitti addatti immoo barruufi miila isaanii jalatti akka malee isaan hooqsisuun irratti madaan ba'a.
Waanti qaama hooqsisu kuni sadarkaa garagaraa keessa darbee boodarra ni harca'a garuu ammoo godaannisa dhiisee darba.
Bara darbe baatii Hagayyaa keessa dhaabbanni to'annoo fi ittisa dhukkubaa Afrikaa CDC dhukkuba kana dhibee balaa hawaasaa jalatti akka ramade ibsee ture.
Keeniyaafi Sudaan Kibbaa dabalatee biyyota Afrikaa sagal keessatti mudateera.
Itoophiyaatti dhibee kana to'achuufi ittisuuf Institiyuutiin Fayyaa Itoophiyaa keessatti wiirtuun qophaa'ee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Namoonni dhukkuba kanaan akka qabaman shakkaman ''buufataaleen fayyaa addaa'' qophaa'uun akkasumas dhaabbileen namoota kanaaf wal'aansa kennuuf qophii tahuunillee insameera.












