Maaree Jaldeessaa tibbana Oromiyaa Moyaaleetti daa'imarratti mul'ate maali, akkamiin daddarba?

Madda suuraa, Getty Images
Kibba naannoo Oromiyaa magaala bulchiinsa Moyyaaleetti daa'imti dhalattuun tokko dhibee Maaree Jaldeessaa (Mpox)n qabamun mirkannaa'uu Ministeerri Fayyaa fi Institiutiin Fayyaa Hawaasaa beeksiise.
Namoota dhibee maaree jaldeessaa kanaan qabamaniiru jedhamuun shakkaman irraa saamuda fudhamee qoratame keessatti vaayirasiin dhibee kanaa dhalattuu guyyaa 21 irratti argamu beeksiise ibsi Dilbata kaleessaa Ministeerri fayyaa fi inistitiyuutichi baase.
Itti aansee qorannoo taasisameenis haatii daa'ima dhallattuu sanaatiis vaayirasichaaf saaxilamtu ta'un hubatamu ibsichi eereera.
Abbaan daa'ima kanaa gara biyya ollaatti imalee akka ture waan barameef, naannoon inni itti imaleefi namoonni tuxuqaa waliin qabu adda baasuufi hojiin hordoffii eegalamuun ibsameera.
Daa'imni vaayirasichi irratti argameefi haatii daa'ima kanaatis jidduugala adda baasuun wallaansi keessatti kennamu duraan qophaa'etti yaaliin barbaachisaan fi hordofiin taasifamaafii jiraachu kaasuun, hanga ammaatti rakkoon fayyaa cimaan akka isaani hin mudanne ibsichi dabaluun ibseera.
Ministeerri fayyaa yeroo dhibeen kun adrii Afriikaa keessatti mudachuu itti dhagahamee kaasee gara biyyaa keessa akk hin galleefi yoo galee ammoo miidhaa osoo hin qaqabsiifne to'annoo jala oolchuuf hojiiwwan garaa garaa raawwataa akka ture kaaseera.
Bara darbe Adooleessa keessa naannoo Somaalee godina Fafaan Aanaa Qabriinayaaniitti mallattooleen dhibee kanaa mullachuufi namoonni dhibichaan shakkaman ammoo adda baafamuun bakka turtii keessa akka galan taasifamu biiroon fayyaa naannichaa beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Haata'u malee, dhibeen maaree jaldeessaa kun Afriikaa keessatti Keeniyaa dabalatee biyyoota hedduu keessaatti mullachuun lubbuu namootaareen galaafachuunsaa ni yaadatama.

Madda suuraa, Getty Images
Maareen Jaldeessaa maalidhaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhukkubni Maareen Jaldeessaa kun kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhaurraati.
Vaayirasii dhibee Maaree (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhiyaata.
Vaayirasiin Maareen Jaldeessaa kun Maaree waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamutti saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uun alatti dhukkubbiin isaa cimaa miti.
Dhibeen Maaree Jaldeessaa kun kanaan dura baadiyaa Giddu-galeessaafi Lixa Afrikaa keessatti baayyinaan mul'ata ture. Keessattuu ammoo bakka bosonawwan gurguddaan (rainforest) itti argamanitti mudata.
Vaayirasiin kun gosa lama kan qabu yoo ta'u, tokkoffaan kan Giddu-galeessa Afrikaa yoo ta'u; lamaffaan ammoo kan kan Afirikaa Lixaa kan jedhamudha.
Namoonni lamaan UK keessatti dhibeen kun irratti argame Naajeeriyaa irraa warra deemanidha jedhameera. Kanaaf, vaayirasiin isaan irratti argame kun carraa vaayirasii Afrikaa Lixaa inni ta'uu malu bal'aadha jecuudha.
Vaayirasiin kun dhukkiba cimaatiif kan saaxilu miti. Namoota vaayirasiin kun irratti mul'achuun mirkanaa'e waliin namoonni walitti dhufeenya qabaatanis hin hubatamne.
Namoonni kanaan dura gara biyya kamiittiyyu hin imaliin warra dhukkubsatan keessatti ni argamu.
Namoonni dhibaman kunneen erga vaayirsichi UK keessa tatamsa'een booda kan qabaman ta'u jedhamee tilmaamama.

Madda suuraa, Science Photo Library
Mallattoowwan isaa maalfaadha?
Namoonni Maaree Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkibbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhiddhiita'uufi wanta kamirrattiyyu fedhii dhbuutu irratti mul'ata.
Gubaan qaamaa yeroo irraa hiru ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee hirreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa.
Hooksisaan mudatu ammoo baayyisee kan nama dhukkubuufi sadarkaa gara garaa kan qabudha.
Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaa'uufi mala'ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa hambiseellee darbuu danda'a.
Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta'u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata.
Dhukkubichi akkamiin nama qabataa?
Namoonni dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhufanii waltuttuquun jiraate carraan saaxilamuun ni jiraata.
Karaa gogaa keenya banaa ta'een, karaa ijaan, karaa funyaaniin ykn karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama dhala namaatti ni seena.
Wal tutuquu yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis vaayirasiin kun ni daddarba.
Jaldeessota, antuutawwan ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan vaayirasichi gara namaatti ni darba.
Vaayirasiin kun karaa uffataanis ykn uccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis ni daddarba.

Madda suuraa, Reuters
Dhibeen kun hangam yaaddessaadha?
Namoonni vaayirasichaan qabaman baayyeen dhukkuba hamaatiif hin saaxilaman.
Akkuma Maaree/maaritee torbeewwan muraasa keessatti bada. Haata'u malee, dhukkubni kun sadarkaa hamaa irras gahuu ni danda'a.
Afrikaa Lixaatti sababii dhukkuba kanaatiin namoonni du'an ni jiru. nama vaayiresichaan qabame waliin saal-qunnamtii raawwachuu dabalatee wal tutuqqaa gosa kamiyyu jiraannaan carraa dhukkubni kun ittiin daddarbuu danda'u kan jiru yoo ta'u, dhiiroota jaallattoota saala wal fakkaataa ta'an birattis carraan saaxilamuu mul'atera.
Vaayirasiin kun jalqaba kan mul'ate jaldeessa bakka eegumsaa keessa jiru irratti ture. Erga bara 1970 kaasee dhukkubni kun biyyoota Afrikaa 10 keessatti mul'ateera.
Bara 2003 Ameerikaa keessatti yeroo mul'ate, Afrikaan alatti argamuun isaa kan jalqaba ture. Sareen tokko bineensota gara biyya sanaa geeffamanirraa vaayirasichaan qabamtee ture dhukkubni kun kan ka'e.
Namoonni 81 vaayirasichaan qabamanii turanillee, namni du'e garuu hin turre.
Bara 2017 ammoo Naajeeriyaa keessatti vaayirasiin kun sadarkaa olaanaatiin tatamsa'uun namoonni 172 qabamuun isaanii ni yaadatama.
Dhukkubsattoonni harka dhibba keessaa 75 ta'an dhiirota umuriin isaanii waggaa 21 hanga 40 keessa jiran ture.
Maaree jaldeessaa wallaansa qabaa?
Maree/Maaritee Jaldeessaa wallaansa fayyaa hin qabu. Haata'u malee garuu tatamsa'ina isa ato'achuun ni danda'ama.
Talaalliin dhukkuba kana gama ittisuutiin harka dhibba keessaa 85 bu'a qabeessa ta'ee argameera.
Dhaabbata Nageenya Fayyaa Yunaayitid Kingidam keessa kan hojjetan Piroofeesar Jonaataan Baal akka jedhanitti, namoota 50 nama jalqaba biyyattii keessatti vaayirasiin kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qaban keessaa namni tokko qofti vaayrasichaan qabamuun isaa, saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uu isaa agarsiisa.
Biyyoota kam fa'i keessatti mudatee ture?
Dhibeen Maaree Jaldeessaa (Monkeypox) jedhamuukun, Afriikaan alattis biyyoota guddatan kan akka UK, Ameerikaa, Kanaadaa, Ispeeniifi Awustiraaliyaa dabalatee biyyoota 12 kessatti kan mul'ate yoo ta'u, namoota hedduurratti ammoo mul'achuun isaa ibsamee ture.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) bara darbe akka himeetti, dhibeen darbee darbee mul'atu Maaree Jaldeessaa kun tibba kana biyyoota 12 keessatti namoota hedduu irratti argamuu kanneen biraas shakkamanii qoratamaa jiraachuu hime ture.
UKn hanga bara darbe namoonni 20 dhibee kanaan qabamuu beeksisuun, dursitee of eeggachuudhaafis jecha talaallii qopheeffattee turte.
Aanga'oonni UK talaallii maartee (smallpox) kuufatan kanaan namoota warra dhibee kanaaf "saaxilamuudhaaf carraa guddaan jiruf" kennuu jalqabuu dubbate ture.
Aanga'oonni fayyaa Ispeen akkuma kana talaallii maaree jaldeessaa kana kuma hedduu bitachuun weerara dhibee kana dhaabuuf hojjechaa akka jiru gaazexaan Ispeen El País gabaase ture.
Ameerikaa Kaabaa keessatti ammoo, namni tokko erga gara Kanaadaatti imalee deebiyeen booda qabamuu isaa aanga'oonni fayyaa kutaa bulchiinsa Maasaachuseetis US mirkaneeffachuu ibseera. Namni kun "haala fayyaa gaarii irra kan jiruufi hawaasaafillee sadarkaa yaaddoo ta'urra hin jiru jedhan," qondaalli












