Dhibeen Maaree Jaldeessaa maali, akkamiin daddarba, hangamis yaddessaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Dhibeen Maaree Jaldeessaa (monkeypox) jedhamuun beekamu Yunaayitid Kingidam (UK), Ameerikaa, Kanaadaa, Ispeeniifi Awustiraaliyaa dabalatee biyyoota 12 kessatti kan mul'ate yoo ta'u namoota 80 ol irratti ammoo mul'achuun isaa ibsameera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibeen darbee darbee mul'atu Maaritee/Maaree Jaldeessaa jedhamu kun tibba kana biyyoota 12 keessatti namoota 80 irratti argamuu ibseera. Maariteen kun warra amma qabateen ala kanneen biroo 50 ta'anis shakkamanii qoratamaa jiraachuu himeera Dhaabbatichi.
UKn hanga ammaatti namoonni 20 dhibee kanaan qabamuu beeksifteetti. Biyyattiin dursitee of eeggachuudhaafis jecha talaallii qopheeffatteetti.
Aanga'oonni UK talaallii maartee (smallpox) kuufatan kjanaan namoota warra monkeypox kanaaf "saaxilamuudhaaf carraa guddaan jiruf" kennuu jalqabuu dubbateera.
Aanga'oonni fayyaa Ispeen akkuma kana talaallii monkeypox kana kuma hedduu bitachuun weerara dhibee kana dhaabuuf hojjechaa akka jiru gaazexaan Ispeen El PaÃs gabaaseera.
Namni Awurtiraaliyaatti dhibeen kun irratti mul'ate ammoo erga gara UKtti imalee deebiyee dhukkubsateen boodadha jedhe Qajeelchi Fayyaa Viktooriyaa.
Ameerikaa Kaabaa keessatti ammoo, namni tokko erga gara Kanaadaatti imalee deebiyeen booda qabamuu isaa aanga'oonni fayyaa kutaa bulchiinsa Maasaachuseetis US mirkaneeffachuu ibseera. Namni kun "haala fayyaa gaarii irra kan jiruufi hawaasaafillee sadarkaa yaaddoo ta'urra hin jiru jedhan," qondaalli
Maareen Jaldeessaa kun maalidhaa?
Dhukkubni kun kan dhufu vaayirasii monkeypox jedhaurraati.
Vaayirasii dhibee Maaree/Maaritee (smallpox) jedhamuuf nama saaxilu waliin gosti isaa walitti dhiyaata.
Vaayirasiin Maareen Jaldeessaa kun Maaree waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamutti saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uun alatti dhukkubbiin isaa cimaa miti.
Dhibeen Maaree Jaldeessaa kun kanaan dura baadiyaa Giddu-galeessaafi Lixa Afrikaa keessatti baayyinaan mul'ata ture. Keessattuu ammoo bakka bosonawwan gurguddaan (rainforest) itti argamanitti mudata.
Vaayirasiin kun gosa lama kan qabu yoo ta'u, tokkoffaan kan Giddu-galeessa Afrikaa yoo ta'u; lamaffaan ammoo kan kan Afirikaa Lixaa kan jedhamudha.
Namoonni lamaan UK keessatti dhibeen kun irratti argame Naajeeriyaa irraa warra deemanidha jedhameera. Kanaaf, vaayirasiin isaan irratti argame kun carraa vaayirasii Afrikaa Lixaa inni ta'uu malu bal'aadha jecuudha.
Vaayirasiin kun dhukkiba cimaatiif kan saaxilu miti.
Namoota vaayirasiin kun irratti mul'achuun mirkanaa'e waliin namoonni walitti dhufeenya qabaatanis hin hubatamne.
Namoonni kanaan dura gara biyya kamiittiyyu hin imaliin warra dhukkubsatan keessatti ni argamu.
Namoonni dhibaman kunneen erga vaayirsichi UK keessa tatamsa'een booda kan qabaman ta'u jedhamee tilmaamama.

Madda suuraa, Science Photo Library
Mallattoowwan isaa maalfaadha?
Namoonni Maaree Jaldeessaa kanaan qabaman jalqaba irratti gubaa qaamaa, bowwuu mataa, dhukkibbii maashaa, dhukkubbii dugdaa, qaama irratti bakka bakkatti dhiddhiita'uufi wanta kamirrattiyyu fedhii dhbuutu irratti mul'ata.
Gubaan qaamaa yeroo irraa hiru ammoo fuula irraa jalqabee hooksisuu jalqaba. Guutummaa qaamaa kan hooksisu ta'ullee hirreefi miila irra ammoo caalaa hooksisa.
Hooksisaan mudatu ammoo baayyisee kan nama dhukkubuufi sadarkaa gara garaa kan qabudha.
Dhiitoon gogaa namaa irratti mul'atu boodarra gogaan sun akka madaa'uufi mala'ullee taasisa. Kanarra darbees, godaannisa hambiseellee darbuu danda'a.
Dhukkubbiin isaa yeroo mataa isaatti kan badu yoo ta'u, guyyoota 14 hanga 21 ni fudhata.
Dhukkubichi akkamiin nama qabataa?
Namoonni dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhufanii waltuttuquun jiraate carraan saaxilamuun ni jiraata.
Karaa gogaa keenya banaa ta'een, karaa ijaan, karaa funyaaniin ykn karaa afaaniillee vaayirasiin kun gara qaama dhala namaatti ni seena.
Wal tutuquu yeroo saal-qunnamtii raawwatanittis vaayirasiin kun ni daddarba.
Jaldeessota, antuutawwan ykn bineensota biroo waliin wal tuttuqqaan jiraannaan vaayirasichi gara namaatti ni darba.
Vaayirasiin kun karaa uffataanis ykn uccuuwwan tuttuqqaa qaban birootiinis ni daddarba.
Hangam yaaddessaadha?
Namoonni vaayirasichaan qabaman baayyeen dhukkuba hamaatiif hin saaxilaman.
Akkuma Maaree/maaritee torbeewwan muraasa keessatti bada. Haata'u malee, dhukkubni kun sadarkaa hamaa irras gahuu ni danda'a.
Afrikaa Lixaatti sababii dhukkuba kanaatiin namoonni du'an ni jiru. nama vaayiresichaan qabame waliin saal-qunnamtii raawwachuu dabalatee wal tutuqqaa gosa kamiyyu jiraannaan carraa dhukkubni kun ittiin daddarbuu danda'u kan jiru yoo ta'u, dhiiroota jaallattoota saala wal fakkaataa ta'an birattis carraan saaxilamuu mul'atera.
Vaayirasiin kun jalqaba kan mul'ate jaldeessa bakka eegumsaa keessa jiru irratti ture. Erga bara 1970 kaasee dhukkubni kun biyyoota Afrikaa 10 keessatti mul'ateera.
Bara 2003 Ameerikaa keessatti yeroo mul'ate, Afrikaan alatti argamuun isaa kan jalqaba ture. Sareen tokko bineensota gara biyya sanaa geeffamanirraa vaayirasichaan qabamtee ture dhukkubni kun kan ka'e.
Namoonni 81 vaayirasichaan qabamanii turanillee, namni du'e garuu hin turre.
Bara 2017 ammoo Naajeeriyaa keessatti vaayirasiin kun sadarkaa olaanaatiin tatamsa'uun namoonni 172 qabamuun isaanii ni yaadatama.
Dhukkubsattoonni harka dhibba keessaa 75 ta'an dhiirota umuriin isaanii waggaa 21 hanga 40 keessa jiran ture.
Wallaansa qabaa?
Maree/Maaritee Jaldeessaa wallaansa fayyaa hin qabu. Haata'u malee garuu tatamsa'ina isa ato'achuun ni danda'ama.
Talaalliin dhukkuba kana gama ittisuutiin harka dhibba keessaa 85 bu'a qabeessa ta'ee argameera.
Dhaabbata Nageenya Fayyaa Yunaayitid Kingidam keessa kan hojjetan Piroofeesar Jonaataan Baal akka jedhanitti, namoota 50 nama jalqaba biyyattii keessatti vaayirasiin kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qaban keessaa namni tokko qofti vaayrasichaan qabamuun isaa, saffisa inni ittiin tatamsa'u gadi aanaa ta'uu isaa agarsiisa.















