Monkeypox: Dhibee darbee darbee mudatu kun biyyoota 12 keessatti namoota 80 irratti mul'ate

Madda suuraa, Reuters
Dhibeen 'monkeypox' jedhamu ykn 'Maaritee/Maaree Jaldeessaa' darbee darbee uumamu biyyoota 12 keessatti namoota 80 irratti kan mul'atee yoo ta'u, kanneen biroo 50 ta'an ammoo shakkamanii qoratamaa jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) himeera.
WHO biyyoota dhibeen kun keessatti mul'ate osoo maqaan hin ibsiin, dhibeen kun dabalataan mul'achuu danda'a jechuun akeekkachiiseera.
Dhukkubni kun biyyoota Awurooppaa sagal, akkasumas US, Kanaadaafi Awustiraaliyaa keessatti argameera.
Monkeypox kun Giddu-galeessaafi Lixa Afrikaatti baayyisee baramaadha.
Dhibeen kun vaayirasii irraa darbee darbee kan dhufu yoo ta'u, yeroo baayyee miidhaa baayyee hamaadha jedhamu kan hin qaqqabsiifne jedhamuufi namoonni hedduun torbanoota miraasa keessatti kan irraa fayyanidha akka Tajaajila Fayyaa Biyyaalesssaa UK jedhutti.
Vaayirasiin kun salphaatti nama tokko irraa gara nama biraatti kan darbu waan hin taaneef, yaaddoobabal'atee uummata bal'aa waliin gahuu mala jedhu baayyee xiqqaadha.
Dhibee 'monkeypox' kanaaf talaalliin addatti hin jiru, garuu talaalliin 'smallpox' ykn maariyyeetiif oolu %85 ittisuu danda'a jedhameera. Sababiin isaa ammoo vaayirasoonni lamaanuu waan walfakkaataniifidha.
Hanga ammaatti ejensiiwwan fayyaa hawaasaa Awurooppaa dhibeen kun UK, Ispeen, poorchugaal, Jarman, Beeljiyeem, Firaans, Ze Neezerlaandis, Xaaliyaaniiffi Siwiidin keessatti argamuu mrikaneessaniiru.
WHO ibsa Jimaata baaseen, dhukkubni kun "biyyoota kanaan dura keessatti mul'atee beekuun alatti waan mudateef waan addaati," jedhe.
Itti dabaluunis, "namoota dhibeen kun irratti mul'atee barbaadee adda baasee gargaaruuf biyyoota dhukkubni kun keessatti argameefi kanneen biroo waliin hordoffii cimsaan jira," jedhe.
Kana malees, WHO sababii dhibee kanaatiin namoota ofirraa dhiibuufi qoollifannaan akka hin jiraanneef akeekkachiiseera.
"Weerara kana dhaabsisuu keessatti danqaa ta'uu danda'a, sababiin isaa ammoo namoonni akka gara wallaansa fayyaa deemanii wallaansa hin arganne godha, akkasumallee tamsaasa isaa hordofuufi rakkisaa taasisuu mala," jedhe WHOn.
WHOtti daarektarri oddoo Awurooppaa Haans Kiluugee "gara waqtii gannaatti deemaa waan jirruuf... namoonni baayyeen waan walitti qabamaniif, ayyaanawwaniifi kabajawwan hedduu jiru. Kanaaf, tatamsa'inni isaa dabaluu danda'a jedheen sodaadha," jechuun akeekkachiisan.
Itti dabaluunis, tokko irraa kan hafe namoonni dhibeen kun irratti argame hunduu gara biyyoota kanaan dura dhukkubni kun keessatti argamee beekutti kan imalanii turan hin jiran jedhe.
Dhibeen kun jalqaba nama irratti kan mul'ate UK keessatti Caamsaa 7 ture. Namni kun dhiyeenya gara Naajeeriyaatti imalee ture. Ejensiin Nageenya Fayyaa UK akka jedhetti, namni kun osoo gara Ingilaanditti osoo hin deebiyiin dura Naajeeriyaatti qabamuu mala.
Yeroo ammaa UK keessa namoonni dhibee kanan qabamuun mirknaa'e 20 ta'aniiru, akka Barreessaan Fayyaa biyyattii Saajid Jaavviid Jimaata himanitti.
Aanga'oonni UK talaallii maariyyee (smallpox) kuufatanii, namoota warra monkeypox kanaaf "saaxilamuudhaaf carraa guddaan jiru"f kennuu jalqabuu dubbateera.
Aanga'oonni fayyaa Ispeen akkuma kana talaallii monkeypox kana kuma hedduu bitachuun weerara dhibee kana dhaabuuf hojjechaa akka jiru gaazexaan Ispeen El País gabaaseera.
Namni Awurtiraaliyaatti dhibeen kun irratti mul'ate ammoo erga gara UKtti imalee deebiyee dhukkubsateen boodadha jedhe Qajeelchi Fayyaa Viktooriyaa.
Ameerikaa Kaabaa keessatti ammoo, namni tokko erga gara Kanaadaatti imalee deebiyeen booda qabamuu isaa aanga'oonni fayyaa kutaa bulchiinsa Maasaachuseetis US mirkaneeffachuu ibseera. Namni kun "haala fayyaa gaarii irra kan jiruufi hawaasaafillee sadarkaa yaaddoo ta'urra hin jiru jedhan," qondaallii fayyaa.














