Dhaabbata Faayizar keessa kan hojjattuu Dr Hayidaa Haabtatsiyon eenyu?

Madda suuraa, Hayidaa
Dhalootaan Eeritiraa lammummaadhaan Kaanaadaa kan taatee Dr Hayidaa Haabtatsiyoo dhabbata idil-addunyaa Faayizar kan fayyadama qorichoota nagummmaansaanii eegamee ilaaluun hakiimootaafi dhaabbilee to'atan irratti odeeffannoo kennu hogganaa jirti.
Eertiraatti dhalachuun achumatti kan guddattee Dr Hayidaa Haabtatsiyoo, Yunivarsitii Albartaa irraa diigrii jalqabaatiin kan eebbifamte yoo ta'u, Gooleef Yunivarsitii irraa ammoo diigrii lammataa ishee argattee jirti. Akkasumas Yunivarsitii Maakmaasitar irraa ammoo diigrii wallaansaa fayyaa argattee jirti.
Dr Hayidaan Yunivarsitii Weesitan Ortaariyootti wallaansa keessoo akkasumas Kaanaadaa Yunivarsitii Toroontootti ammoo Gaastori intirolojii fi Hepaatolojii Kilinikaal Feloshipp irra hojjattee jirti.
Dr Hayidaan Haabtatsiyoo hojiiwwaniifi qorannoowwan gaggeessite ilaalchisuun BBC Tigrinyaa waliin turti taasifte jirti.
Dhaabbanni isheen hojggnaa jirtu Faayizar talaalii farra kooviid kan lubbuu namoota hedduu oolcheen beekamtii argachuu kaafti. Isheen hojii fi duula sana keessatti qooda fudhachuusheetti beekkamsii argachu dandeessee jirti.
Hayidaan Yunivarsitii Ameerikaa beekamaa tokko keessatti barsiiftuu wallaansaa ta'uu hojjataa turte.
''Yeroo ijoolluummaa kiyaa mana keessatti cufadheen dabarse'' jetti haala guddina ishee wayita himtt Dr hayidaan Magaalaa Asimaaraa keessatti dhalattee guddatte.
Haala itti guddatteefi waa'ee mana barnootaa ishee Asmaaraa yoo yaadatuus gammachuudhaan akka gutamtu kaafti.
Asmaraatti mana barnootaa Kaamboonii sadarkaa tokkooffaatti barachu kan himtu Dr Haayidaan, ''Maatiikoo fi haallin itti guddadhe anaaf hiikaa baayyee qaba'' jetti.
''Nama barnootaan itti baradhe yoon yaadachu gammachuunan guutama. Manni barnootichaas kan dubartoonni qofti itti baratan ture,'' jetti.
''Kanan dhaladhee maatii guddaa irraa waan tureef kunuunsa gaariidhaanan guddadhe,'' jetti. Kana malees wayita Ertiraa keessa turteetti haala waraanaafi jeequmsa tures akka yaadattu himti.
''Wayitan Asmaraa tureetti dhorkaan yeroo waan tureef sodaadhaafu yeroon galgala keessa manaa itti bahee hin yaadadhu. Sababii jeequmsa, dararaafi hidhaa tureetiin yeroo ijoollummaa kiyya irra caalaa mana keessatti cufameen dabarse. Asimaraa galgala keessa arguukoo hin yaadadhu,'' jetti.
"Haata'u malee haalawwan gaarii turaniitti fayyadamu danda'eera. Haalli hawaasichaa onnee koo keessa jira. Haalan hiroyoota koo waliin dabarsee yoo yaadadhu kan kaleessa ta'e fakkaatee natti mul'ata,'' jetti.
Abbaan ishee ''hojiin lubbuu namaati. Duutii ammoo boqonnaadha'' yoo jedhan akka dhaggeesse kan himtu Dr Hayidaan, haalli sun jireenyaafi hojii ishee har'aatiif jabiina akka ta'eef dubbatti.
''Jireenyakoo keessatti maatiin koo eddoo olaanaa qabu. Maatiinkoo jireenya koo keessatti gumaata olaanaas taasisaniiru. Waa'ee fedhii barnootaa qofaas osoo hin taane, waa'ee jaalalaafi hojiis natti agarsiisa na barsiisan.
''Naamusi hojii ammoo akkan akka jireenyakoo sirnaan hogganadhu na gargaareera. Dhaalli olaanaan cimanii hojjachuu, nama kabajuufi akkan barnoota hin dagannee na dhaalchisaniiru.''
Waa'ee ofi ishee yoo ibsitu ammoo, ''Nama hojiif kaka'umsa qabu ta'ukoo sitti himuun barbaada. Cimanii hojjachuun fedhii kiyya olaanaadha. Hawwiifi abjuu koo bakkaan gahuudhaaf feedhii olaanaan qaba,'' jetti.
Namoonni rakkoolee jireenya keessatti mudataniin gufachuu, ykn ammoo kufuuyyuu danda'u. garuu khaala sana moo'achuun gara fuuladuraatti imaluun murteessaadha. ''Ani qormaata jireenya keessatti na mudatan haala gaariittiin itti fayyadama. Irraa baradheen dandeettii koo ittiin cifachuuf itti fayyadama,'' jetti haala bu'aa bahii jireenyaa itti injifattu yoo ibsitu.
''Namoonni ajndaawwan baayyee barbaachosii ta'an adda baasuun beekuu qaba jedheen amana. Kanaafu namoonni urjii hoggantuu jireenyasaanii adda baasuuun isa hordofuu qabaatuun jedhan'' jetti.
namoonni hundinu haala umamaa garaagaraa waan qabaniif dirqama daandii namni tokko irra imalee warra kaanis ni baasa jechuun rakkisaa ta'u kan kaaftu Dr Hayidaan, dandeettii ofii adda baasuun fedhii ofiirratti kiyyeeffachuun hojjachuun madda milkaa'inaa ta'u himti.

Madda suuraa, Hayidaa
Itti gaafatamummaafi hojiiwwan guyyaa
Dr Hayidaan waa'ee hojiishee wayita dubbateetti ''Ittigaafatamummaa mummeewwan kiyya keessaa qorichawwan Faayizar oomishuufi raabsu, namoonnii fi dhaabbileen akkasumas biyyoonni haala ta'uun akka itti fayyadamaniif odeeffannoo gahaa kennuufi eddoo sirrii akka qabaatan gochuu ta'u himti.
''Faayizar maqaa guddaa qaba. Hojiin ani hojjadhuuf hojii idil-addunyaati. Addunyaa guutuutti dameewwan qabna,'' jeeti wayiya waa'ee dhaabbata keessa hojjattuu himtu. Dr Hayiidaan ittigaaafatamtoota fayyaa, dhaabbilee fayyaafi qorattoota waliin hojjachuun ragaalee barbaachisan walitti qabuun deebiiftee raabsiiti.
''Hojiikoorratti guyyaan dhumaa ani cimsee hordofu jiru. Boqonnaawwan baayyee barbaachisoon (milestones) guutuu qabuus jiru. Fakkeenyaaf biyyoonni hundinu kan isaan barbaachisu guutuuf hordoffiin taasisa,'' jetti.
Wayita Yunvarsitii Istaanfoord turteetti hojii akkaadaamii hojjataa turuu kan kaafti Dr Hayidaan, isuma waliin ammoo qorannoowwan gaggeessaa, barreeffamoota qopheessaa, barsiisaa, Faakaaltii barnoota wallaansaa keessatti ammoo diinii itti aantuu ta'uun hojjataa akka turte kaafti.
አAmma erga dhaabbata Faayizar galteen booda garuu hojiiwwan kanneen hunda hojjataa akka hin jirre dubbatti. ''Ogummaan wayita sana argadhe amma na fayyadaa jira. Amma irra caalaa hojii qorannoo saayinsiin hojjataa jira,'' jechuun ibsiti.













