Lammiileen Eertiraa Haadhaa fi ilma ta'an waggoota 47 booda deebi’anii wal argan

Lammiin Ertiraa haadha isaarra daa’imummaarraa kaasee adda bahe ganna 47 booda haadhasaa waliin deebi'anii wal argan.
Haatii isaa otoo ilma isaanii waliin wal hin argiin guyyaa tokko dura gaddaa guddaa keessa jiran TV Itoophiyaa EBS jedhamurratti dhiyaatanii himanii turan.
Adde Zannabach "osoon mucaan kiyya hin argiin dura na hin ajjeessiin," jechuun Waaqayyoon guyyaa guyyaan kadhataan ture jedhan.
Ilmi isaanii Musee Kaasaay Tesfaagiyoorgis haati isaa TV kana irratti mul'attee yeroo muraasan booda bilbilee ajaa'ibsiiseera. Ilmi Aadde Zannabach bilbiluun yeroo gabaabaa keessatti akka isaan argu itti hime.
Musee Kaasaay Ameerikaa, bakka jiraataa turerraa xiyyaaraan gara Itoophiyaatti imaluudhaan haadha isaa otoo lubbuun jiranii arguu danda’eera.
Musee Kaasaay akka buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee qaqqabeen haadhaa isaa yeroo yaadatu imimmaan ija isa guute.
Haadha keetiif kennaa akkamii fa’aa Ameerikaarra fiddeef dhufte jedhamee wayita gaafatamu, "ofii koon fideef dhufe" jedhee deebise.
Haatii fi ilmi sagantaa maatiidhaan qophaa'e irratti akka wal argan taasifaman. Qophiin haatii fi ilmi akka wal arganiif qophaa'e kunis TV EBS irratti darbeera.
Museen ijoollummaan waan adda irraa baheef waa’ee haadha isaatii waanta yaadatu homaa akka hin qabne hima. Haata'u malee, fuula ishee suura irraan bare jedhe.
Imimmaan buusaa haadhaa fi ilmi kun yeroo wal hammatan miira namaatti heduu dhagahama ture.
"Waggaa ammas dheeraan booda haadha koo deebi’ee arguutti gammadeera. Jireenya koo keessatti guyyaan hunda caalaa gammadedha jedhe Museen.
"Otoon qaqqabee Waaqan dhungadha, hin qaqqabuuf malee, gammachuu koo lammilee Itoophiyaatiif ibsa," jedhan haati isaa Adde Zannabach.
Obboleessi Musee haadha biratti hafee jiru akka jedhutti: "Hedduu gammadeera, suura qofaarrattin isa argee ture," jedhe.
Museen daa’imummaa isaatti abbaa isaa lammii Ertiraa humna qilleensaa keessa hojjataa turetu obboloota isaa lama waliin gara Asmaaraatti isa fudhatee deeme.
Musee fi obboloonni isaa bara 1966, bara Haayilasiseen Itoophiyaa bulchaa ture haadha isaanii irraa adda bahan. Aadde Zannabach yeroo sanarraa kaasee ilma isaanii deebi’anii hin argine.
Haaata’u malee, bara Dergii keessa ilmii isaanii tokko Addaa Bilisa Baasaa Ummata Ertiraatti dabalamuu fi ijoolleen isaanii hafan lamaan ammoo biyya biroo deeemuu xalayaan agarsiiftu isaan qaqqabdee ture.
















