Feestivaala lammiilee Itoophiyaa Awurooppaatti: lola, jaalalaafi muuziqaa...

Waqtiin birraa faranjootaa muuziqaa, jaalala, kubbaafi aboottuu waliin baayyee namatti tola. Warra Awuuroppaatiif yeroonsaa waqtii itti nama hin beeknettillee kan itti fuula gaarii argasiisaniidha.
Lammiilee Itoophiyaatiifis yoo ta'e kan gammachuu fi bashanannaati. Haalli ho'a qilleensasaas yoo ta'e kan uffata hanguma qullaa, ofirra buusanii bahani dha.
Kanarratti qophii aadaa fi ispoortii waggaatu jira. Nyaatnis yoo barbaadame foon muraa, shiroo dhadhaa, foon dhadhaaf mimmixaan sukkuumame, bunni ni dhiyaata, ixaanni ni aarfama.... hunduu guuteera.
Qophii waltajjii aadaa fi ispoortii bara kanaa keessummeessuuf abbaan dabaree, Zuuriiki.
Dhugaattis lammileen Itoophiyaa kolfaa fi taphaaf waltajjiiwwan akkanaarratti kan wal-argu.
Haa ta'u malee erga nyaatanii dhuganiin booda aboottuuf walitti bahu. Sababii ijoolleen biyyaa wal yaadanii sanaafuu, biyya alaatti wayita wal argan maaliif akka waldhaban beekaan himu danda'e hinjiru.
Garuu ijoolleen biyyaa waggaa waggaan wal arguun wal dhabanii adda bahuun kan barame ta'eera, jedha riipportarri BBC achitti argame.
Fakkeenyaf bara darbe qophiin waggaa kun kan qophaa'e biyya Jarman Siitiigaardiitti ture. Wallisaa Tedi Afroo dhaqee osoo hinsirbiin qaaniin deebi'uutu himama.
Walitti bu'insichaan qabeenyi barbadaa'ee ture. Haala kana keessatti lammilee Eeritraaleen hirmaachuu himama.
Habashoonni yoo wal argan 'abishootu' itti ka'a fakkaata, wal reebuu jaalatu.
Bara 2012ttis akkasuma Roomiitti garee 'maallaqa federeeshinichaa qabatanii badaniiru' kan jedhamaniifi kanneen 'qopheessine kasaarre' jedhan jidduutti waldhabde cimaan uumamee ture.
Waan gaariin warri Roomiitti wal dhabanii turan booda Zuurikitti dhiifama walii taasisaniiru. Akkasumas bara 2014tti sababii qabatamaa hintaaneen Muniik irratti ulee walitti kaasanii turan.
Garuu waldhabdee isaanii kanaaf sababiiwwan muraasa kaasuun ni danda'ama. Tokko, qophiiwwan hunda keessaatti dhibbaan gaadidduun siyaasi biyyaa qabaatu guddaadha.
Kan biraa namoota fedhiin hirmaatan malee hoggantoota ogummaa hinqabneen qophii guddaan akkasii qophaa'uunsaa burjaajii uuma.

Sadaffaa bu'aaf jarjaruudha. Kanneen baasii isaa beekan, ''qophii akkasiif tarii yuroo kuma lamaa hanga sadii dhangalaasuu hin olan'' jedhu. Baasii kana deebisuuf ykn irraa buufachuuf kan eeggatan baayyeedha, kana jidduutti jeequmsi uumama.
''Lammiileen Itoophiyaa biyya qaroome keessa jiraatan haala nama qaroomeen waliin haasa'u dadhaban. Herreegas haalaan hinbuusan. Baasiifi galiis hinerreegan.
Dhumnisaas kan hin bareennee kanaaf natti fakkaata'' jedha dargaggoon waan bara dheeraaf taajjabeen abdii kutatee qopheessitoota keessaa of baase tokko.
Lammiilee Itoophiyaa biyya galu hindandeenye. Lammiilee bara Dargiifi isa dura biyyaa bahan jiru. Taphattoonni garee biyyaaleessaa durii Awurooppaa jiraatan baayyeedha.
Nama gariif qophiin akka ammaa kun bashananna osoo hintaane dhimma dhugaa biyyaati. Sababii siyaasaan ykn sadarkaa waraqaa baqatummaasaaniin Itoophiyaa hawwanii galu kan hindandenyee lammiilee Itoophiyaa hedduutu ture.
Kanaafuu biyya galuu dadhabanilleen bakka qophii akkasiitti argamu barbaadu. Qophii akkasiirrattis, wanti biyyatti argamu hundi ni argama. Hammuma biyya galuuti isaaniif.
Festivaalli lammiilee Awuuroppaatti argaman haala akkasii walitti fidu kun erga eegalamee b waggaa 17ffaa qabateera. Tarii feestivaalli kunis lammiilee haala akkasiin walitti fiduuf kan addaa ta'a.
Kanaaf ture Adooleessa 31- Hagayya 2tti lammiilee Itoophiyaa Awurooppaatti argaman kan karoora waggaa keessatti qabatan. Bakkuma jiran hundaa xiyyaara, awutoobisii ykn baaburaan qaxxaamuranii walitti qabamu.
Warri ragaa imalaa gahaa hinqabne garuu akka salaphaatti daangaa Siwiizarlaand qaxxaamuruu waan hindandeenyeef miila dhufaniin deebifamaniiru. Kanneen deebiifaman keessayis garee kubbaa miilaa Itiyo-Maarsey fi gareen Itiyoo-Firaankfarti Farnisaayiirraa, gareen Daarmishtaat Jarman irraa deebiifamaniiru. Baayyeensaanii bakka jiraatanitti waraqaa jireenyaa yeroo kennameefii, kan ragaa lammummaa eeggataa jiran ykn gaaffii koluugaltummaa dhiyeessuun deebii eeggataa jiran ykn kan homaa hin arganneedha.
Pirezidaantiin Federeeshinichaa Obbo Asaayyahiinyi Xilaahuun BBC'tti akka himaniitti, UKtti lammilee Itoophiyaa kuma 40 ta'an osoo argamanuu, feesitivaalli kun kan achitti hin qophoofneef rakkinni akkasii akka hin uumamne yaadameeti jedhaniiru.
''Qophiin kunis lammileen kan gammachuun eegataa turanii fi lafa itti boqonnaa argataniidha. Garuu daangaarraa deebiifamuunsaanii dhimma nu gaddisiise'' jedhaniiru.

Wayita festivaalichi jalqabamuu fi har'a
Bara 2001tti wayita feesitivaalli kun eegaluutti dorgommii kubbaa milaa guyyaa tokkoo hincaalu ture. Bara 2003tti Taphattoonni kubbaa miilaa duraanii kan akka Girmaa Saahile, Yohaannis Mallas, Kabbada Haayilee fi kkfn fedeerishinicha akka socho'un caaseessun akka hundeessan, dubbii himaan Fadereshinii Aadda fi Ispoortii Itoophiyaanootaa Awuuroppaa, Obbo Daani'eel Bisiraat ni dubbatu.
Tibba feesitivaalichi eegaleetti, lammiilee Itoophiyaa Awuroppaa jiraatan, akka ha'raa kana hinbaayyanne turan. Gareen kubbaa miilaas xabatoota gahaa waan hinarganneefu lammiilee Ittophiyaa hammata ture.
Akkasumas akka har'aa kana hirmaattota heddus hinqabu ture.
''Bara sanaa as karaan Libiyaa saaqamnaan dargaggeessi akka jiruun gara Awuroppaa dhufe. Ijoolleen asi jirani guddachaa garee kubbaa milaatti makamu eegalan. Xaba cimaan xabatamu kan eegales ergasiin booda,'' jedha Daani'el.
Bara kanas gareewwan kubbaa milaa, Abbaba Biqilaa, Shaalaa fi Bunnaa jedhaman awurooppaatti argaman waliin dorgommii taasisuuf lammiileen Itoophiyaa gara Zuuriik qajeelaniiru.
Fesitivaala bara kanaarrattis namoonni kuma 5-10 ni hirmaatu jedhamee akka eegamu pirezidaanitin garee Itiyoo-Zuriik Mulugetaa Bayyana guyyaa baniinsaatti BBC'tti himaniiru.
Sirnicha irrattis lammilee Itoophiyaa, kan Ertiraa akkasumas lammilee biyya biraa aadaa Itoophiyaa jaalatan qooda fudhatu. Gama muziqaatinis barama Mahaamudi fi Silashi Damissee (Gashe Abarraa Mollaa) dabalee wallistoonni maqaa qaban hedduunn argamaniiru.
Feesitaavalichaa fi siyaasa diyaasporaa
Haalli siyaasa biyya keessaa lammile biyya biraa jiraataniif miira uumu qaba. Siyaasni yeroo adda addaa festivaalota irratti dhiibbaa hinqabatu jechuu Obbo Daani'eliin gaafannee ture.''Siyaasichi haala fesitivaalicha diiguu itti qaqqabe ture'' jechuun deebiisan.
Deeggartoonni mataansaanii garee deegartootaa fi mormitoota mootummaa jedhuun addaan hiramaa turuuu yaadachuun, miseensi gareen dorgommii tibba filannoo ALI bara 1997 mo'ate ture sababii garaa garummaa ilaalcha siyaasaatiin dalananii osoo waancaa hinfudhatiin biyyaa irraa dhufaniitti deebii'usaanii akka fakkeenyaatti kaasa.
''Namoonni akka piiroofesar Biraanu Naggaa, Taamaanyi Bayyana, Tasfaaye Gabra'aab fa'i ni hirmaatu turan. Innis dhiibbaa uumuu danda'a. Garuu lammiin Itoophiyaa kamu dhufuuf mirga qaba. Hindhufina jechu hindandeenyu'' jedha.
Ta'us garuu waltajjichi siyaasarra bilisa ta'ee akka aadaa fi Ispoortiin qofti irratti calaqisuus qopheessitoonni ni carraaqu.
Fesitivaalicha waggaa waggaan eenyu akka qopheessu ilaalchisees, Obbo Daani'eel akkas jedhu. ''Bara 2017tti akka qopheessuuf federeeshinichaaf murtaa'ee fesitivaalicha Xaaliyaan keessatti gaggeessuuf qophiin erga eegalameen booda aanga'oonni maallaqaratti waldhau dhubbata.
Isaan boodas fesitivaalichi akka gareewwan kubbaa miilaa adda addaatiin qophaa'uuf murtaa'e. Kanaafuu kan bara kanaa garee Itiyoo-Zuuriikiin qophaa'e jedhu. Pirezidaantiin garee kanaa Obbo Mulugeetaan, siyaasni yeroof akka dhaabbatu kadhatu. ''Namoonni fesitivaalichaaf dhufan siyaasa yaadu hinqabaatan,'' jedhu.
Siriiyyuu dirree kanarratti feesbuukii balleessun waliin taphataa, waliin dhuguufi nyaachuun argu barbaadna,'' jechuun BBC'tti himan. Daa'imman afaan Itoophiyaa cabaqan Awurooppaatti.
Fesitivaalli kunis waltajjii ijoollee lammiile Itoophiyaa awurooppaatti dhalatan fakkaattiiwwan isaanii itti argataniidha.
Baayyensaani kan wallakkaan lammii biyya biraarraa dhalatan. Keessattuu ijoolleen takkaa Itoophiyaa gahanii hinbekne afaan haadha ykn abbaasaanii cabaqaa yoo dubbatan dhagahun nama gammachisa.
Guddattooni kennaa kubbaa miila qabanis yoo carrooman gareefi kilaboota biyyaaleessaa biyyoota adda addaa keessatti tabachuuf kan kaadhimaman fesitivaaluma kanarratti.
Festivaalicha eenyu itti haa fufiisu?
Awuurooppaan baqattoottatti karra cufachuu baattus haalli garuu banaa tahuurra dhiphachaa kan dhufu fakkaata. Gara fuuladuraattis lammiilee Itoophiyaa Awuroppaa deeman baayyees xiqqaata ta'a.
Fesitivaala amma lammiileen Itoophiyaa Awuuroppaatti argaman eegalan kana kan harkaa fudhuu jiraataa? Gaaffi jedhu kaasuunis hinolu.Ijoollee lammiile Itoophiyaafi kan biyya biraarraa dhalataniis baayyataa dhufaa jiru.
Obbo daani'eel itti fufiinsi fesitivaalichaa shakkii hinqabu jedhu. Ijoollee Awuroppaatti dhalatanis qalbiin hawwatamuun, waggaa waggaan beellama yoo qabatan dhagahuu dubbata.
Hiriiyyota isaanii ijoollee adiittis 'festivaala Itoophiyaa dhaqeen dhufe' jedhuun boonaa yoo itti himan dhagahu dubbata.
Ijoolleen kunneen sirna amma jiru akka fudhatan yoo taasifame umuriin fesitivaalichaa akka dheeratu amanu.
Osoo dhamni bunaa hinbadiin…bareedinni shubbisaa, sirbi osoo hinharkiifamiin, waggoota kurnan, 20n, 30n harraa lammiileen Itoophiyaa wal argu laata? Jaalala baayyee fi aboottuu xiqqoo waliin ta'us…












