Yaman: Lubbuu daa’imman lakkuu walitti maxxananii dhalatanii baraaruuf hakimoonni iyyatan

Narsiin wayita daa'immaan walitti maxxananii dhalatan kunuunsaa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'immaan dhiiraa lama guyyoota lama dura dhalatan jedhu hakimoonni

Daa’imman lakkuun walitti maxxanan magaalaa guddoo Yaman Sana'aa keessatti Roobii darbe dhalatan, 'haala daran yaaddessaa' keessa jiru jedhan hakimoonni.

Doktoroonni hospitaala Sana'aa keessa hojjatan daa’imman lakkuu walitti maxxananii dhalatan kun lubbuu isaanii du’arraa oolchuuf deeggarsa hatattamaa kan biyya keessa hin jirre isaan barbaachisaa jedhan.

Daa’imman dhalatan kun lachuu dhiira yoo ta’an, hospitaala al-Saabiin jedhamutti dhalatan keessatti dhalatan.

Daarektarri hospitaalichaa Majda al-Hatiib AFPtti akka himanitti, daa’imman lachuu ‘’onnee adda addatti qabu, garuu onneen daa’ima isa tokkoo iddoo sirrii hin jiru’’ jedhan.

Majdan akka himtetti, hospitaalichi meeshalee qaamota daa’imman kana kam fa’aatu walqabataadha isa jedhu sirnaan agarsiisan hin qabu.

Hogganaan hospitaala al-Saabiin daa’imman kun ‘‘haala hamtuu keessa’’ akka jiranii fi biyyaa biraatti wal’aansi baqaqsanii wal’aanuu akka isaaniif barbaachisu dubbatan.

Haata’u malee, buufatni xiyyaaraa Sana'aa sababa walwaraansa yeroo dheeraaf biyyattii keessatti adeemaa jiruun manca’e cufamuun sirna wal’aansa fayyaa biyyattii daran miidheera.

Dhaabbanni gargaarsaa Sa’udi Arabiyaa tokko daa’imman kana gargaaruuf hayyamamaa ta'uu himeera.

Giddugaleessi deeggarsa namoomaa mootii Saalmaan hakiimonni deeggarsaaf waamicha dhiyeessuu hordofuun toora tiwitaraa gubbaatti, daa'imman kun hakimoota Sa'udi Arabiyaan akka ilaalaman, tarii ammoo akka itti adda baasuun danda’amu soqaan jira jedheera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Magaalaan guddoo Yaman Sana'aan finciltoota Huutiharka jirti, hidhattoonni kun waggoota dheeraaf gartuu waraana Sa’udiin durfamu wajjin wal lolaa turan.

Bara darbe ijoolleen lakkuun biyyatti keessatti walitti maxxananii dhalatan torban lama booda du’uusaanitu himame.

Presentational grey line

Daa'imman walitti maxxananii dhalatan:

  • Daa’imman lakkuun walitti maxxanuun dhalatan wal fakkaatu. Kunis killee tokkoorra waan uumamaniifi.
  • Taateen akkanaa darbee darbee uumama. Daa’imman 200,000 lubbuun dhalatan keessaa al tokko waan mudatudha.
  • Daa’imman walitti maxxananii dhalatan kun harka caalu qoma fi garaan walitti qabatanii dhalatu.
  • Daa’imman haala kanaan dhalatan keessaa harki 70 ijoollee durbaati.
  • Maaliif akka walitti maxxanani dhalatan ilaalchisee yaada lamatu jira: Yookin micireen wayita hanqaaquun dubartii fi sanyiin dhiiraa wal maku uumamu bakka lamatti bahuuf barfata ykn ammoo erga gargar bahee booda qaamni miciree sanaa gariin walitti maxxanee hafa.
Presentational grey line