Waraana Yaman: Lammiileen US Yamanitti Huutiin uguramanii turan gadhiifaman

Gamoo Yaman jiru

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen US lama garee loltootaa Yaman Huutiin ugguramanii turan gadhiifaman. Kunis erga hidhamtoota wal jijjiiruuf walii galame boodadha.

Sandiraa Loolii, hojjattuu gargaarsa namoomaarratti hojjattu waggoota sadii dura, akkasumas daldalaan Mikaa’eel Gidaadaa waggaa tokkoof ugguramanii kan turan yoo ta’u, isaanis guyyaa kaleessaa gadhiifamuusaanii qondaaltonni US himaniiru.

Reeffi nama Bilaal Fatiin jedhamus gara biyyasaa deebifameera.

Wal jijjiiraan kunis erga gareen Huutii lammiilee Yaman 200 ol Omaanitti tajaajila fayyaa argachaa turan fudhateen booda taasifame.

Wal jijjiiraan garee loltoota Huutii fi Yaman kan idil-addunyaarratti beekamuufi mootummaa Sa’ud Arabiyaatiin deeggaramu gidduutti kun Kamisa raawwatama jedhamee eegamaa ture.

Mootummaan US gadhiifamuu Sandiraa, Mikaa’eeliif erga baga gad dhiifamtanii kan dabarse yoo ta’u, maatii Bilaaliif ammoo gadda itti dhagahame ibseera.

Gorsaa nageenyaa US Roobart O’Bireen Sulxaan Haayitaam bin Xaariq biyya Omaarii fi Mootii Sa’udii Salmaan gargaarsa taasisaniif, akkasumas Pireezidaant Tiraamp galateeffataniiru.

Dubbi himaan Huutii Mahaammad Abduulsalaam lammiileen Yeman 240 ta’an kan ugguramanii yookiin miidhamanii yaalaaf gara magalaa guddoo Omaan Muskaat deeman gara magaalaa guddoo Yaman Sana’aa deebi’uusaanii maxxansa Tiwiitaraan ibseera.

Mahaammad Abduusalaam “hojiilee namoomaa, "Omaan taasiftee kan galateeffate yoo ta’u, waa’ee lammiilee US ugguramanii turaniifi gadhiifamanii homaa hin dubbanne.

Gaazexaan Wall Street jedhamu ministeerri hajaa alaa US Saandiraa Loolii haalan dgukkubsattee waan turtee wal jijjiiraa hidhamtootaa kanarratti haalan hojjachaa akka ture gabaaseera.

Dabalataanis walii galteen kun gargaarsa fayyaa Yamaniif taasifame of keessatti qaba jedheera.

Oppereeshiniin kunis Koree Idil-Addunyaa Fannoo Diimaatiin hordofamaa ture.

Yaman waldhabdee ji’a Bitootessaa bara 2015 mudateen as haalan miidhamteetti.

Kunis yeroo gareen riphee loltootaa kutaalee biyyattii gara caaluu to’ataniifi Pireezidaant Abdraab Mansuur Haadii biyyaa akka bahan dirqamaniidha.

Wal waraanni Yeman kunis lammiileen kumaatamaan laakka’aman hanqinna nyaata madaalawaarraa, dhukkuba yookiin rakkinna fayyaarraa akka du’aniif sababa ta’eera.