Waraana Yaman: UN bakka to'annaa Huutii jala jirutti gargaarsa walakkaan hir’isuuf

Madda suuraa, Getty Images
Sababa hanqina bajataaf jecha Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) Yaman keessa iddoowwan Huutiin to’atee jirutti gargaarsa godhu walakkaan akka hir’isu beeksise.
Akka UN jedhutti warri qarqaarsa kennan yaaddoo gargaarsi isaanii humnoota Huutiin (Houthi) butamaa jira jedhu qabu. Kanaanis tokko tokko gargaarsa dhaabaniiru jedha.
Walakkeesa baatii kanaarraa eegalee maatiin tokko akka kana duraa ji’a ji’aan osoo hin taane, ji’a lama lamatti gargaarsa argatu jedhameera.
Waraanni Yaman keessaa addunyaarratti goolama ykn muddama namoomaa isa hamaa jedhamuun ibsama. Haga ammaa namoonni 100,000 ol tahan lubbuu dhabaniiru.
Dhaabbata UN keessaa tokko ka tahe Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP), Yamanoota miiliyoona 12 tahan ji’a ji’aan nyaata kenna. Isaan keessaas %80 ka tahan iddoowwan humnoota Huutii keessatti argamanidha.
Humnoonni Huutii irra jireessa naannoo biyyattii gara lixaa ka to’atan waggaa shaniin dura ture. Wayita kanarraa eegalees humnoota Sa’uudii fi biyyoota Arabaa saddeetiin gargaaraman waliin wal haleelaa jiru.
Waldhabdeen kunis dararama uummataa guddaa uume.
Yamanitti bakka buutuu olaanoon UN, Liis Giraandee waan BBCtti himte, deeggarsi maallaqaa hir’achuun gargaarsa UN isa guddicha kana irratti dhiibbaa guddaa uuma. Kana malees yaaddoon koronaavaayiras wayita marsaa jiru kanatti.
"Yeroon kun gargaarsi kun dhaabbachuuf isa hamaadha – sodaa Covid-19 wajjin,’’ jetti.
Yamanitti namni koronaavaayirasiin qabame hanga ammaa gabaafame hinjiru. Haa tahu malee biyya hospitaalaa fi kilinikoonni ishee waraanaan barbadaa’an kana keessa, weerarri vaayirasichaa dhalannaan yaaddoo guddaatu jira.
Ameerikaa dabalatee gargaartonni maallaqaa tokko tokko, gargaarsa isaanii hir’isaniiru. Sababni kaa’anis, gargaarsi nuti kenninu iddoowwan humnoonni Huutii to’atanitti butamaa jiru jechuun.
Heeyyama argachuuf yeroo dheeraa fudhachuu, akkasumas hojjettoota irratti dhiibbaa guddaa- hidhaa dabalatee gahaa jira kan jedhanis jiru.
Haatahu malee aanga’oonni Huutii jecha kana haalaniiru. Inumaawuu WFP malaammaltummaafi bulchiinsa badaatiin komatu.
Mariin ji’ootaaf godhamaa tureen jijjiiramni muraasni dhufus, dhaabbileen gargaarsaa kun gahaa miti jedhu.
"Yeroon kun yeroo addunyaan namoota saaxilamoorraa gargaarsa itti dhaadbu miti, " jedha Dhaabbata Norwegian Refugee Council Yaman irraa – Sulxaanaa Beegum.
"Warra Huutii biras rakkoon jira. Ta’us addunyaan waltahuun vaayirasicha qolachuu qaba,’’ jedha.
Dubbi himaan dhaabbata gargaarsaa UK (DfID) BBCtti akka himetti, UKn gargaarsa Yamaniif gootu hin hir’isne.
Gama biraan guyyaa kaleessaa (Kamisa) qindoominni Sa’uudiin durafamu, Siiriyaa keessatti torban lamaaf waraana dhaabuuf waamichi taasise hojiirra ooleera.
Qindoominni kun akka jedhetti furmaata siyaasaafi babal’ina koroonaavaayiras to’achuuf tattaaffii UN godhu deeggaruuf kana goone jedha.













