Waraana Yaman: Finciltootni Hawutii nyaata deeggarsaaf ergame gara biraatti dabarsaa jiru jedhe Sagantaan Wabii Nyaataa Addunyaa

Madda suuraa, AFP
Sagantaan Wabii Nyaataa Addunyaa hidhattotni Hawutii midhaan nyaataa lammiilee deeggarsa barbaadan naannoo to'annaa isaanii jala jiraniif ergame gara biraatti dabarsuu dhaabuu qabu jedhe.
Qorannoon Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii akka agarsiisutti lammiileen deegarsa nyaataa akka argataniif galmaa'an argataa hin jiran.
Sagantaan Wabii Nyaataa Adunyaa kun konkolaataawwan fe'umsaa seeraan ala nyaata bakka kuufamee gara bakka biraatti fe'aa jiru jedhe.
Gama hidhattoota Hawutiin deebii guutun kenname dhibus gochicha garuu haalaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhutti lammiileen Yaman miiliyoona 20 tahan deeggarsa midhaan nyaataa kan barbaadan yoo tahu isaan keessaa miiliyoona 10 kan tahan eessaa akka dhufuufii illee waan beekan hin qaban jedha.
Yaman bara 2015 yeroo haleellaan Sawudiin durfamu gidduu galee kaastee akka malee miidhamtee jirti.
Yeroo sana hidhattotni Hawutii Lixa biyyittii qabachuun pirezidaanti Abdarraabuu Maansuur akka biyya gadhiisee bahu taasisan.
Yoo xiqqaate lammiilee nagaan 6,800 ajjeefamuun 10,700 kan tahan ammoo waraana biyyitti keessatti gaggeefamaa ture gidduutti madaa'aniiru.
Nyaanni gargaarsaaf ergamaa ture gabaatti bahee akka gurguramaa jiru qorannoon dhiyeenya kana gaggeefame ni agarsiisa jedhe Sagantaan Wabii Nyaataa.
"Gochaan akkasii kun afaan namoota beela'anii irraa butanii nyaachuudha jedhe.''
Yeroo ijoolleen waan nyaatan dhabanii du'anitti waan akkasii raawwachuun yakka waan taheef dhaabbachuu akka qabus dhaameera.
Dhaabbatichi ragaa guutuun qaba gargaarsichi gara bakka biraatti geeffamaa jiraachuu isaa jedhee yoo kan dhaabatu miti tahe osoo lammiileen miidhamnii gargaarsicha dhaabu taha jechuun akeekkachiiseera.

Madda suuraa, EPA
Tibba darbe jaarsummaa UN dhaan hidhattotni Hawutiii fi mootummaan Yaman waraana naannoo buufata Hudaaydaa dhaabuuf walii galanii ture.
Hudaaydaan hulaa gargaarsi ittiin galu baay'ee murteessaa tahedha. Gareen Hawutii loltoota isaa achii baasee akka bakkicha eegdota qaraqa galaanaatti kenne beeksisee ture.
Haa tahu malee dubbii himaan UN Istiifen Dujarich yoo qaamota garaagaraan mirkanaa'e malee haaliichi fudhatama hin qabu jedhanii gareen Haawutii ammayyuu walii galtee keenya hin kabajne jechuun komatan.
Kanaaf gargaarsa dhaqqabsiiSuun rakkoo taheeraS jedhan.













