Waraana Yaman: Finciltoonni Yaman Kibba biyyattiitti walabummaa ofiin of-bulchuu labsatan

Miseensonni finciltootaa Kibba Yaman Yunaayitid Arab Imireetisn deggeraman kunneen Agayya darbe humnoota mootummaa waliin walitti bu'anii turan

Madda suuraa, Reuters

Finciltoonni Kibba Yamanitti fottoquudhaan biyya of dandeesse ta'uu barbaadan walabummaa ofiin of-bulchuu labsachuun isaanii dhaga'ame.

Gareen fotoquuf fincilan kun waliigaltee mootummaa beekamtii idil-addunyaa qabu waliin Sadaasa keessa mallatteessan cabsuun kan walabummaa ofiin of-bulchuu kana labsatan.

Miseensonni finciltootaa Kibba Yaman Yunaayitid Arab Imireetisiin deggeraman kunneen Agayya darbe humnoota mootummaa waliin walitti bu'anii turan.

Mana Maree Ce'umsaa Kibbaa Adeen bu'uureffatan (Southern Transitional Council (STC)) jedhamu kun labsii yeroo muddamaa labsuudhaan magaalaa ulaa galaanaa kanaafi kutaa biyyattii gama Kibbaa akka ofiin bulchu dubbateera.

Gareen STC kun Yunaayitid Arab Imireetisiin (UAE) tiin deggerama.

Mootummaan Yaman Sa'udiitiin deggeramu ammoo tarkaanfii finciltootaa kana "gocha hamaafi gara hin taanetti geessu" jechuun akeekkachiiseera.

"Garee mana maree ce'umsaa ofiin jedhu bulchiinsa kibbaa hundeessuuf akka fedhu beeksise kun lola hidhannootti deebi'uu, akkasumas waliigaltee Riyaad diduu isaa agarsiisa," jedhan ministirri Dhimma Alaa Mohaammad Al-Hadirhaamiin ibsa isaanii keessatti.

Gareen lameenuu aangoo waliif qooduu kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin wal waraansa Yaman keessaa dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisaadha jedhame mallatteessanii ture.

Erga gareen finciltootaa Huutii magaalaa guddoo Yaman Sana'aa to'atanii booda, gamtaan Sa'ud Arabiyaatiin durfamu bara 2015 mootummaa Yaman deggaruudhaan gidduu-seenuudhaan waraana banee ture.

UAEn ammo miseensa gamtaa Sa'udiin durfamu kana taatus garuu finciltoota gama kibba Yamaniin fottoquuf barbaadanii deggarti.

Bara darbe Agayya keessa, STCn mootummaan sirriitti bulchaa hin jiru jechuudhaan himachuun mootummaarraa magaalaa guddoo Adeen yeroodhaaf to'atee ture.

Waraanni Yaman keessa jiru akka addunyaatta gargaarsa namoomaa hammeessuudhaan du'aatii namoota 100,000tiif sababa ta'uudhaan gidiraa hamaa qaqqabsiisaa jiraachuutu ibsama.