Fincila Yaman: Gareen finciltootaa Yaman magaalaa Aden to'atan

Miseensota garee UAE-Yaman kibbaa foxxoqsuu barbaadan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Aden teessoo mootummaa beekmatii idila adunyaa qabuuti.

Gareen finciltootaa Yaman biyya fottoqsuuf waraana irra jiran loltoota mootummaaf amanamo tahan waliin guyyootaaf waraana irra turuun magaalaa Aden kan teessoo mootummaa taate to'achuu beeksisan.

Humnootni UAE irraa deeggarsa qabu jedhaman kunneen, mana maree ce'umsaa Kibba Yaman kan deeggaran yoo tahu mootummaa of danda'e Kibba Yaman qofaatti hundeessuu barbaadu.

Humnootni kunneen masaraa mootummaa fi buufata waraanaa mootummaa to'annoo isaanii jala galfachuu himan.

Mootummaan ammoo Fonqolcha mootummaati jechuun ibse.

Haleellaan Sawud Arabiyaadhaan finciltoota Hawutii irratti gaggeeffamaa tures oduu kana booda waan fashalaa'e fakkata.

Sawudiin gareewwan waraana irra jiran magaala keessatti dhukaasa dhaabuu qabu jechuun waamicha taasifteetti. Qaama kana cabsee haleellaa bane irrattis tarkaanfiii waraanaa akka fudhattu beeksisuun.

Gareen Kibba Yaman fottoqsuuf barbaadan [Separatists] jedhaman waraana dhaabuuf waliigalaniiru. Kun har'a irraa eegalee kan hojiitti hiikamu akka tahes himameera.

Magaalaan buufata doonii, Aden teessoo yeroo bulchiinsa pireezidaanti Abdaraabuu Manasuur yoo tahu, pirezidaantichi ofii isaanii magaalaa Riyaad akka jiran himam.

Humnoota waraanaa mana maree ce'emsa Kibba Yaman irraa akka dhagahametti masaraan mootummaa kaleessa galgala kan to'atame himan.

Humnootni waraanaa Masaraa eegan 200 ol tahanis karaa nagaa dhukaasa malee akka keessaa baafaman qondaalli garee finciltootaa kun himaniiru.

Namootni ijaan argan AFPtti akka himanitti ammoo masaraan mootummaa Yaman dabarfamee garichatti kennameera.

Ministeerri dhimma alaa biyyattii ammoo haalicha ''kun mootummaa beekamtii idila adunyaa qabu irratti fonqolcha gaggeessuudha jechuun ibse.

Humnootni finciltootaa buufata waraanaa mootummaas to'annoo isaanii jala galchaniiru.

Garee kana leenjisuun kan hidhachiiste UAE ammoo amma tasgabbaa'uun xiyyeeffannoo keessan gara garee Iraniin deeggaraman Hawutii kan bara 2014 magaala Sana'aa qabatanitti deebisaa jette.

Dhaabbatni 'Doctors Without Borders' jedhaman ammoo Aden dirree waraanaa taateetti jechuun sa'a 24 keessatti namoota miidhaman 119'f yaalii akka kenne beeksiseera.

Namoota nagaa dabalatee 70 ol akka ajjeefaman ammoo AP qaama nageenyaa Yaman wabeeffachuun gabaaseera.