'Maashinni wallaansa fayyaa hojjechuu didee waan na rakkiseef maaliifan ofii kiyya hin hojjedhu jedheen eegale' -Abbaa kalaqaa Habtaamuu Abbaafoggii

Habtamuun osoo waa'ee maashina isaa ibsuu

Madda suuraa, Habtaamuu Abbaafoggii

Habtaamuu Abbaafoggii Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa Baawoomeedikaal Injinariingii yoo ta'u, hundeessaafi hoogganaa olaanaa Simboonaa Afrikaa (Simbona Africa Healthcares)ti.

Habtaamuun dargaggeessa meeshaalee teeknoolojii fayyaa kalaquudhaan namoota waltajjiiwwan garaa garaa irratti maqaan ka'u keessa tokko.

Kalaqootasaa keessaa tokko kan ta'e maashina hoo'ina qaama daa'immanii hamma barbaachisuun gad ta'e sirreessuu fi rakkoo haala fayyaa daa'immanii sababa kanaan walqabatee uumamu kan 'Haayipotermiyaa' jedhamuun beekamu yaaluuf ooludha.

Habtaamuun, rakkoo fayyaa yaaddessaa kan hoo'ina qaamaa daa'immanii hamma barbaachisuun gadi ta'een dhufu 'Haayipotermiyaa' furuuf, maashinni inni kalaqe kan Infant Radiant warmer jedhamu fayidaa hunda-galeessaa akka qabu hima.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n jedhutti, hoo'a qaamaa fayyaalessi, digirii seentiigireedii 36.5-37.5ti.

Hoo'insi qaamaa kanaan gadii rakkoo 'Haayipotermiyaa' jedhamutti geessa; kunimmoo yoo yaala hin argatiin du'a qaqqabsiisa jedha Habtaamuun.

Sababa hoo'ina qaamaa gad-aanaa ykn Haayipotermiyaatiin, waggaatti lubbuun daa'imman miliyoonni 4 du'aaf saaxilamuu ibsa.

Qorannoo UNICEF wabeeffachuun akka eerutti, Itoophiyaattii sababa 'Haayipotermiyaa'n guyyaatti lubbuu daa'imman 240 akka darbu, eeruun daran barbaachisaa ta'uu maashina Infant Radiant warmer kanaa hima.

Habtaamuun, "Maashinni nuti hojjenne kunis haala du'aatii daa'immanii, Haayipotermiyaa'n walqabatee dhufu furuudhaa fi rakkoolee hawaas dinagdee biroo foyyeessuuf gahee guddaa gumaacha.''

Haala kanas fakkeenyaan yoo ibsuu, ''Itoophiyaan maashina kana tokko biyya alaatii doolaaraa kuma shaniin bittee galchiti. Maashinni kun yoo biyya keessatti oomishame ammoo gatiisaa dachaa sadiin hir'isa.''

''Akkasuumas seenaa Itoophiyaa keessattis maashina hojiin elektiroo-makaanikaaliisaa guutummaatti biyya keessatti diizaayin ta'uun dalage isa jalqabaati," jedha.

Akka biyyaatti sirni barnootaa kalaqa jajjabeessu akka hin jirre kan himu abbaan kalaqichaa kun, mudannoo ittiin gara kalaqa meeshaalee teeknoolojii fayyaatti dhufe yeroo ibsu:

"Yeroon barataa turetti, Finfinnee Hospitaala Xiqur Anbassaattan leenjii hojiirraa 'internship'f bahe. Turtiikoo keessattis, meeshaaleen yaala fayyaa lubbuu baraaruudhaaf oolan irra deddeebiidhaan hojii dhaabu ture.

''Ni suphina, ni badu. Kana argeen, maaliifan yeroo hunda supha? maaliifan meeshaalee teeknoolojii fayyaa ofiikoo hin kalaqu? jedhee of gaafadhe. Taatee kana ture kan gara kalaqaatti na geese," jedha.

Dabalataanis, ''barsiisonnisaa yunivarsiitiis akka inni gara kanaatti dhufu isa gargaaruu fi keessattuu barsiisaan tokkoo "Industiriin waan hin jirreef waan gurguddaarraa eegaluu irra waan xixiqqaarraa eegali jechuun na gorsaa turan,'' jedha.

Animmoo faranjii waan ta'eef inaaffadhaa laata jechaan yaadeen ture kan jedhu Haabtaamuun, hojii kalaqaa keessatti qormaanni jajjabaan isa mudachus ni dubbata.

"Namni yaada keetti amanu hin jiru; warra waanuma naannootti gatamanirraa waan arge walitti qabee waa kalaqe yoo jedhan, namni waan bu'aa qabudha jedhee sin amanu.

''Anumitilleen akka inni hamma kana gatii na baasisuusaa fi biyyaattiin waan kanaaf qophaa'oo ta'uu dhabuushii osoon dursee bareera ta'ee garuu gara kalaqaatti hin seenun ture," jechuun qormaataalee adeemsa kalaqa kana keessatti isa mudatan hima.

Keessattuu meeshaalee maashinni kun ittiin oomishamu argachuun ulfaataa ta'uu kan himu abbaan kalaqa kanaa, "Meeshalee barbaacha Markaatoo Jimmaarraa hanga Markaatoo Finfinnee Minaallesh taraatti, Magaalota Keeniyaatii hanga Johaanisbargitti mandara keessa deemuun 'pirootoo taayippiisaa' hojjechuun danda'ameera," jedhu Habtaamuun.

Kana booda ulaagaalee to'annoo fi sadarkaa (regulatory) darbuun oomishamee hojiitti seenuu qofatu hafa waan ta'eef amma wantonni nama jajjabeessan jiraachuu dubbata.

Jigiddugalli suphaa meeshaalee wallaansa fayyaa Finfinneedhaan alatti argachuun rakkisaa ta'uu kaasuun, "Karoorri keenya garuu wiirtuuleen suphaa maashina kanaa raadiyeesii kiiloomeetira 130 hin caallee irratti giddugala akka qabaatan waanta'eef rakkoo kanas ni fura," jechuun dabaluun dubbata.

Maashina wallaansaa

Madda suuraa, Habtaamuu Abbaafoggii

Gama biraatiin ammoo maashinni kun daataa beezii odeeffannoo gara garaa qorannaadhaaf oolu of-keessaa qabaachuuf dijitaalli maashinicha keessa jiruu fi rakkoon ta'e yoo isa mudate akeekkachisa kennuun adda isa taasisa.

Walumaa galatti, kalaqichi du'a daa'immanii hir'isuun, meeshaa biyya alaarraa galu bakka bu'uun, carraa hojii uumuudhaanii fi kalaqa jajjabeessuudhaan dinagdee fi guddina biyyaa utubuudhaan gahee olaanaa qaba jedha Habtaamuun.

Pirojeektiin kun waggoota afuriin dura Dorgommii Guddicha Itoophiyaa (Grand Challenge Ethiopia) mo'uun qarshii miliyoona tokko kan argate yoo ta'u, waggoota lamaan dura ammoo hojiin injinariingiisaa dhumee, dookumantiin barbaachisu raawwatee sababoota reegulaatorii fi faayinaansiin walqabataniin oomishamee hawaasa bira osoo hin ga'iin tureera.

"Amma garuu qaamonni dhimmi ilaaluu hunduu xiyyeeffannoo waan nu kennaa jiraniif, kana booda gara hojii maashina kana oomishuu fi dhukkubsataa biraan gahuutti deemna," jechuun BBC hime.

Pirofeesar Afawarq Kaasuu, Daarektarri Jeneraalaa Instituutii Qorannoo Armaawor Haansan (AHRI) sadarkaa kalaqoonni teeknoolojii fayyaa kunneen irratti argamu argamu erga daaw'atanii booda akka dubbatanitti, "Maashinni kun guutummaatti Itoophiyaanootaan kan kalaqamee, ulaagaa sadarkaa idil-addunyaa kan guuttatee fi kan Itoophiyaanonni akka biyyaatti itti boonanidha."

Kana malees, maashina UV-altiraa vaayoleet Isteraalaayizeeshinii kan yeroo weerara koronaa kalaqan kuma tokkoo ol oomishuun magaalota Itoophiyaa 50 ol ta'an keessatti gabaarra jiraachuu hima Habtamun.

Kanaanis carraa hojii uumuu, tajaajila yaala fayyaa fooyyessuu fi maashinoonni kunneenis fageenya kiiloomeetira 130 irratti wirtuu suphaa akka qabaatan taasisuu hima.

Barnoota isa kanarraa argameenis kalaqa teeknoolojii fayyaa biroo bifa fooyya'aa ta'een akka hawaasaaf dhiyeessuufi ulaa gama kanaan mul'atuuf furmaata akka kennu himeera.

Kalaqni kun kanaan dura Dorgommii Guddicha Kanaadaa (Grand Canada Challenge) fi Dorgommii Guddicha Itoophiyaa dabalatee akka biyyaalessaa fi idil-addunyaatti dorgommiiwwan shanii ol mo'uun kan deeggarame ta'uu kaaseera Haabtaamuun.