Manni murtii ogeeyyii fayyaa 'jeequmsaafi hokkora kaasuun' shakkaman irratti murtoo kennuuf beellama qabate

Dr. Mahlet Gush

Madda suuraa, Dr. Mahlet Gush

Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa ramaddii Araadaa dhaddacha Waxabajjii 2 ooleen ogeeyyii fayyaa sagal "jeequmsaafi hokkora kaasuudhaan" shakkaman irratti murtoo kennuudhaaf Roobii Waxabajjii 4tti beellamamuu maatiiwwan BBC'tti himan.

Hakima daa'ima waggaafi ji'a jahaa irraa hidhamte, Dr. Maahileet dabalatee, ogeeyyiin fayyaa sagal Mana murtiitti dhiyaachuun yeroon qorannaa guyyoota 12 hayyamamuun ni yaadatama.

Kanneen keessaa ammoo Dr. Saamu'eel Hayiluu dursee kan gadhiifame yoo ta'u, saddettan isaanii har'a Waxabajjii 2, 2025 dhaddachatti dhiyaatan.

Ogeeyyii fayyaa "humnoota farreen nageenyaa irraa ergama fudhachuun jeequmsaafi hokkora kaasuudhaan" shakkaman jedhe irraa jecha fuudhuu akkasumas ragoolee isaaniirraa jecha fuudhuu poolisiin dhaddacha irratti ibsuu BBC'n oolmaa dhaddadichaa odeeffateera.

Jecha shakkamtootaafi ragoolee fuudhachuu, meeshaalee elektirooniksii qorannaa fooransikiif erguu, Ministeera fayyaa Itoophiyaa fi miidiyaalee irraa ragaaleen akka ergmuuf xalayaa barreessuu kan ibse poolisiin, hidhata shakkamtoonni qaamolee 'farra nageenyaa' waliin qaban adda baafachuu, qaamolee biroo shakkamtoota waliin hojjechuun shakkaman to'achuu fi ogeeyyiin fayyaa shakkaman bakka hojiisaaniitti argamuu dhabuun miidhaa lubbuu namaarra gahe dhaabbilee fayyaa garaagaraa irraa qorachuuf yeroon dabalataa akka isa barbaachisu ibsuun guyyaa 14 gaafateera.

Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa galmee shakkamtootaa qoratee murtoo kennuuf Waxabajjii 4'tti beellameera.

Bifuma walfakkaatuun Dr. Nabiyyuu Eeliyaas dabalatee gareen ogeeyyii fayyaa biroo sagal Ebla 28 Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti dhiyaatan irratti manni murtii guyyaa dabalataa saddet hayyamuun Kamisa Waxabajjii gaafa guyyaa 5tti beellamuun kan yaadatamudha.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Caamsaa 21 baaseen, "lagannaan hojii dhaabbilee fayyaa keessatti taasifamaa jiru dhiittaa mirga namoomaatiif balbala akka hin banne xiyyeeffannoon kennamuu qaba" kan jedhe yoo ta'u, "furmaanni waaraan kennuufiin barbaachisaadha" jedheera.

Lagannaa hojii ogeeyyii fayyaatiin taasifamaa jiruun hospitaalota gara garaa keessatti hanqina ogeeyyii fayyaa irraa kan ka'e waldhaansi danqamuu ifoomseera ibsichi.

Lagannaa hojii hordofee "ogeeyyii fayyaa miidiyaalee hawaasaa irratti sochii taasisaniiru" jedhe poolisiin to'atamuu kaasuun, hala qabinsa mirga namoomaa ogeeyyii fayyaa to'annaa seeraa jala oolanii hordofaa jiraachuu himee ture ibsi Komishinichi baase.

Poolisiin Federalaa ogeeyyii fayyaa 47 to'achuun qorachaa jiraachuu ibsa Caamsaa 23 baaseen beeksisee ture.

Akka ibsa Poolisii kanatti, ogeeyyonni to'ataman kanneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuudhaan, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkamani."