Hakimoonni Itoophiyaa buleeyyii ta'an maalif Ruwaandaatti godaanu?

Hakiima

Madda suuraa, Getty Images

“Biyya gaarreen kumaa” jedhamuun kan beekamtu Ruwaandaan biyyoota gama fayyaatiin jijjiirama guddaa agarsiisaa jiru jedhaman keessatti ramadamti.

Ragaan Fooramii Diinagdee Addunyaa akka agarsiisutti, lammiileen Ruwaandaa miliyeena 15 ta’an keessaa dhibbeentaa 90 kan ta’an inshuraansii fayyaa qabu.

Namoonni vaayirasiin HIV dhiigasaanii keessatti argame keessaa kanneen dhibbeentaa 90 kan ta’an dhiyeessii qorichaa ni argatu.

Ijoollee xixiqqoon dhibbeentaa 93 ta’an talaallii kan fudhataniidha. Bara 2000tti Ruwaandatti umuriin namni tokko jiraatu giddu galeessan waggaa 40 kan ture amma gara 67tti guddateera.

Hiyyummaa dhibbeentaa 40 irra ture gara dhibbeentaa 16tti gadi buusuu dandeessetti. Mootumman Ruwaandaa dame fayyaan milkaa’ina kan argamsiise, dhiyeessii fayyaa hundumaa qaqqabsiisuni.

Galma kana milkeessuu keessatti ammoo hakimoonni Itoophiyaarraa garas deeman gahee guddaa qabu.

Ofii doktaroonni ciccimoon maaliif gara Ruwaandaa deemuu filatu? Akkamitti immoo garas imalu?

Doktaroota Itoophiyaa Ruwaandatti tajaajilarra jiran keessaa tokko kan ta’an Dr. Yaqoyyaasawu Ballaxaa tokko yoo ta’an, dhaabbata fayyaa Clinton Health Access Initiative jedhamutti daayireektara ta’uun tajaajilaa jiru. Erga Ruwaandaa deemanii waggaa hin caalle.

“Ogeeyyin fayyaa heddu yeroo gara Botsowaanaa deemaa turan ani barataan ture,” kan jedhan ogeessi fayyaa kun, amma immoo carraan hojii Ruwaandaa akka jiru namarraa dhagahuun akka deeman himu.

Ispeeshaalistii Fayyaa Hawaasaa kan ta’an Dr. Yaqoyyaasawu, Itoophiyaatti Ministeera Fayyaa keessa hojjachuun dabalatatti Zaambiyaas akka turan himu.

Akka isaan jedhanitti, doktaroonni Itoophiyaa Ruwaandadhaa hojjatan ispeeshaalistootadha.

Akka isaan jedhanitti, Ruwaandatti doktaroota Itoophiyaa baay’ee qaxaree kan hojjachiisu Hospitaala 'Kiing Fayisal' jedhamu yoo ta’u, hospitaalota biroo keessas qacaramanii ni hijjatu.

Doktaroonni Itoophiyaa kun kaan isaanii hopitaala gaggeessudhaan yoo hojjatan kaan ammoo ispeshaalitifi sab-ispeeshaaliitidhaan tajaajilaa jiru.

Dr. Zarihuun Abbaabaa Ruwaandaatti hoji gaggeessaa Hospitaala Kiing Fayisal yoo ta’an, Dr. Hannaa Abarraa ammoo itti gaafatamtuu kutaa Gastiroo Intirolojiiti.

Akka Dr. Yaqoyyaasawu jedhanitti, yeroo ammaa doktaroonni Itoophiyaa 20 hanga 30 ta’an Ruwaandaa keessatti tajaajila kennaa jiru.

Dr. Yeqoyyeesaw fi pirezidantii duraanii Biin Kilintan

Madda suuraa, Linkdin

Doktaroonni Itoophiyaa maaliif gara Ruwaandaa deemu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa doktaroonni afur namoota 1,000 yaaluu danda’uu qabu sagantaa jedhu erga baasee booda, Ruwaandaan kana waggaa afur keessatti galmaan gahuuf ifaajaa jirti.

Kanaaf ammoo biyyattiin ogeeyyii fayyaa kana galmaan gahuuf ulaagaa guutan barbaaddi.

“Inni jalqabaa ogeeyyin fayyaa gara Ruwaandaa kan deemaniif tarsiimon biyyattiin baafte carraa hojii uumuu isaati. Ulaagaa Ruwaandan keesse kan guutan ogeeyyii baay’etu Itoophiyaa keessa jira,” jechuun Itoophiyaan biyyoota mindaa gadaanaa ogeeyyii fayyaaf kaffalan keessaa akka taate himu.

Sababni biraa ogeeyyin fayyaa gara Ruwaandaa imalaniif ammoo “ogumma ofii guddifachuu” akka ta’e kaasu Dr. Yaqoyyaasawu.

“Ani ofii koo Giloobaal Heelz Ispeeshaalistii ta’uun barbaada. Ogeessi kamiyyuu ogummaasaa sadarkaa idil-addunyaatti guddisuu barbaada. Kanaaf, ogeeyyin fayyaa gara biyyoota Afrikaatti kan deemaniif hojjatanii of-jijjiiranii fayyaa idil-addunyaarratti ashaaraasaanii gumaachuu barbaadu. Godaansi jiru sababa rakkoo qofaatini jechuun hin danda’amu.”

Mootummaan Ruwaandaa tajaajila fayyaa lammiilee biyyatti hundaan gahuuf dhaabbilee idil-addunyaa kanneen akka WHO, USAID, Clinton Health Access Initiative' fa’aa wajjin waan hojjatuuf dhaabbileen kun ogeeyyin fayyaa Itooiphiyaa fa’aarraa dhufan kanaaf kaffaltiifi fayidaa garaa garaa gaarii kenna.

“Nuti [Itoophiyaanonni] tarsiimodhaan baay’ee komatamuu baannus tarsiimicha galmaan gahuuf haala hojii mijataa uumurratti waan baay’etu nu hafa,” jedhu.

Akka isaan jedhanitti doktaroonni Itoophiyaa fara biyya biraa deemanii hojjachuun muuxannoo qooddachuuf gargaara waan ta’eef miidhaa hin qabu.

Ruwaandaa irraa maal baranna?

Ruwaandan waggaa 30 dura biyya duguuggan sanyii itti raawwateefi hiyyummaa hamaa keessa turteedha.

Amma garuu, garuu gama fayyaan, turizimiifi dameewwan biroon biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya ta’aa jirti.

“Akka biyyaatti, imaammatafi tarsiimoo fayyaa tokko qabu, isarratti hundaa’anii hojjatu,” jechuun haala Ruwaandaa jiru ibsu Dr. Yaqoyyaasawu.

Ministeera Fayyaa Itoophiyaatti Daayirektara Walii galaa ta’uun hojjatanii turuu kan himan Dr. Yaqoyyaasawun Itoophiyaan tarsiimotti cimtuu taatus hojiirra oolchurratti rakkinni akka jiru himu.

“Yeroo tokko doktaroonni ulaagaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatin haa leenji’an jedhamee heddu leenji’an. Garuu hojii hin qaban ture. Yeroo sana ogeeyyin fayyaa hedduun diddaa gaggeessanii ture.

''Naannoleedha kan hakmimoota qacaru. Mootummaan federaalaa hospitaalotaafi dhaabbilee federaalaf qacara. Garuu tarsiimon mootummaan federaalaa baase gaarii ta’ee kan qacarummoo waan fedhe gochuu danda’a,” jedhu.

Kan biraa ammoo Ruwaandaa kan adda godhu nageenyafi tasgabbii jiruudha jedhu ogeessi fayyaa kun. Qulqullinni Ruwaandas akka isaan hawwatu himu.

Magaala guddoo Ruwaandaa, Kiigalitti ji’a ji’aan guyyaa Sambataa namni hunduu bahee naannoosaa kan itti qulqulleessu ta’uu himuun waa’ee qulqullinaa Ruwaandarraa barachuu akka qabnus kaasu.

Lammiilen Ruwaandaa ammoo ogeeyyii fayyaa Itoophiyaaf kabaja addaa akka qabanis himu.