Godambaa Yaadannoo 'Jenosaayidii' Ruwaandaa ija nama daawwateetiin

Suuraaleen namoota ajjeefamanii godaambicha keessatti fanniifameera

Maqaa: Umitoonii Ariiyeen

Umurii: 4

Nyaanni jaallattu: Keekii

Dhugaatiin jaallattu: Aannan

Akkaataa itti duute: Ijasheefi mataasheerra waan qaraan waraanamtee

Suurri guddaan Umitoonii keenyanirratti fannifameera. Saanduuqni xiqqaan seenaan ishee irratti maxxanfame suuricha jala dhaabbatee jira. Maatiin ishee qulqullinashee eeggachuu daa’ima jaallattu turte ittiin jedhu.

Kunis Kigaalii Jenosaayid Memooriyaal (Godambaa Yaadannoo Duguuggaa Sanyii)ti. Ruwaandaattii dhumaatiin Tuutisii fi warra Huutuu ilaalcha giddu-galeessa ta’e qaban ifatti kan keessatti mul’atudha.

Bakki kun bakka lafeen Umitoonii Ariiyeen fi kan biroo 250,000 ta’an keessa kaa’amedha.

Godaambicha alaarraa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa ani gara Gondambaa kanaa itti deeme waqtii Birraa keessa ta’us, ammallee kan natti yaadatamu samii qayyootaan haguugamedha.

Kigaalii Jenosaayid Memooriyaal yeroo jalqabaatiifan daawwadhe.

Ruwaandaa keessa torban lamaaf turullee gara Godambaa kana deemuudhaaf torban tokko natti fudhateera. Maatiifi firootakootti deemee daawwachuufan jira jedhee yeroon itti himu, “qofaa keemoo?” naan jedhu. Kun sodaan hin beekne na keessatti uume.

Kamisa tokko barii deemuudhaafan murteesse. Miiltoo hojiikoo waliin haa deemnu yeroon jedhu “ani kanaan dura argeera, dabaluu hin barbaadu,” jedhe.

“Keessattuu bakka daa’immanii yeroo geessutti miirakee of to’achuudhaaf yaali,” kan jedhu gorsa miiltoo koo ture.

Kaameraa, sagalee waraabduufi meeshaalee biroo suuraafi sagalee waraaban akka hin hayyamne waanan beekuuf barruu yaadannoo irratti barreeffadhu qofaan qabadheen garasitti qajeele.

Sakatta’insi isaa baayyee cimaadha. Isa darbeen gara bakka keessummaan itti simatamun qaqqabe. Seensi kaffaltaa hin qabu, bilisaanidha. Haata’u malee, namoota gargaarsa gochuu barbaadaniif saanduuqni kaa’ameera. Kanaan alatti ammoo meeshaa gurratti godhatamuun gargaaramanii ilaaluu warra barbaadaniif ‘Earphone’ kireeffachuu danda’u.

Keessummeessitoota nama simatan keessaa tokko gara kootti dhiyaatte.

“Isin lammii Ruwaandaadhaa?”

“Miti.”

“Haata’u, eessaa dhufatan?”

“Itoophiyaarraa.”

Daawwannaa Godambaa kanaaf kan jalqabaa kutaa dhiphoo bakka keessummaa itti simatan cinaa jirtu tokko keessa taa’anii viidiyoo ilaaluudha.

Viidiyoon kun Godambaa Yaadannoo Duguuggaa Sanyii kana hundeessuun maaliif akka barbaachise ibsa. Lammileen Ruwaandaa dhumaatii kanaan firootasaanii dhaban Godambaa kana deddeebiyanii daawwachuu akka jaallatan ibsu.

Viidiyoo kana erga daawwannee booda gara kutaa keessummaa itti simatan lamaffaafi isa guddaatti dabarre.

Yeroo gara kutaa keessummaa itti simatan guddichatti darbinu keessummeessitoonni baayyeen jiru. Godambaan kun eessaa jalqabee eessatti akka goolabamu ibsuudhaaf qophaa’anii warra dhaabbatanidha.

Maaltu akka na eeggatu hin beeku. Qalamaafi barruu kiyya qopheeffadheen gara keessaatti seene. Kutaan inni jalqabaa lakkoofsa 15 jedha.

“Before the Genocide” [duguuggaa sanyiitiin dura] jedha. Kutaa seenaa duguuggaa sanyii lubbuu sana hunda galaafate dura ture himudha.

Ruwaandaan bara 1899 ture Jarmaniin kan koloniin bitamtee ture. Isaan booda bara 1919 murtee Liig Oof Neeshiniitiin bittaa Beeljiyeem jala akka taatu murtaa’e.

Duguuggaa sanyii sana dura ummanni Ruwaandaa sababa gita bittaatiin, akkasumas sababoota gara garaatiin akkamitti akka qoqqoodaman seenaan ibsan keenyan Godambaa kanarratti maxxanfamaniiru.

Ummata Ruwaandaa keessaa harka dhibba keessaa 85 Huutuu ta’anillee, warri Tuutisii bara dheeraatiif olaantummaa qabatanii turaniiru. Bara 1959 warri Huutuu bulchiinsa Tuutisii diiganii aangoo yeroo qabatanitti Tutisiiwwan kuma hedduutti lakkaa’aman gara biyyoota ollaatti godaananiiru.

Warri Tutisii baqannaarra turan adda tokko uumanni Ruwaandaa Paatiriyootik Firoont (RPF) kan jedhu garee fincilaa hundeessuun bara 1990 Ruwaandaa weeraran. Walitti bu'iinsi kun waggaa sadiif erga itti fufee booda waliigaltee nagaarra gahame.

Ebla 06, 1994 halkan xiyyaarri Pirezidant Juvenaal Habiyaarimaanaa fi pirezidantii Buruundii Saayipiiriyaa Nitaariyaamiiraan qabattee turte rukkutamtee kufte. Pirezidantonni lamaanuu Huutuu turan. Pirezidantonni lamaanuu halkan tokkotti ajjeefaman.

Yeroo kanatti ture leellistoota Huutuu kan ta'an kana kan raawwate RPF ta'a jechuun, Tuutisii dachee kanarraa balleessina jechuun dhumaata qindaa'ee jalqaban. RPFn ammoo xiyyaarittiin rukkutamtee kan ajjeefamte warruma Hutuutiini, kun kan ta'eef ammoo duguuggaa sanyiitiif akka ta'uttidha jedha.

Tarreeffamni maqaa mormitoota mootummaa, gajaraafi kilaashiin milishoota hidhataniif kenname. Milishoonni kunneen gara teessoo akka deemaniif itti himametti qajeeluun mormitootaafi maatii isaanii gara jabinaan fixan.

Ollaan, ollaasaa ajjeese. Huutuuwwan tokko tokko ammoo haadha warraasaanii Tuutisii taateyyu ajjeesan. Sababiin isaanii ammoo yoo isin ajjeesuudhaa baanne, nuti ni ajjeefamna kan jedhu ture. Daa'imman, dubartootaafi maanguddoota osoo hin hafiin harka leellisoota Huutuutti dhuman.

Tullaa lafee namootaa

'Barcumicha'

Godambaan kun seenaa kana hunda suuraafi viidiyootiin deeggaree kaa'eera. Darbee darbee barcumawwan gogaarraa hojjetaman kaa'amanii jiru. Faayidaan barcumoota kanneeniin kan naaf gale, yeroo daawwattuun biyya lixaarraa dhufte tokko fuulashee maarrabiitiin marattee teessee hirqinfattee boo'uushee yeroon argudha.

Onnee nama cabsa. Baayyisee qalbii namaa cabsa. Onnee qofa miti, keessoo lubbuu namaa dadhabsiisa. Sadarkaan gara jabinaa dhala namaa ifatti akkasitti yeroo mul'atu lubbuun namaa maaliif hin dadhabu?

Itti aansee kutaa ani seene bakka suurri namootaa lakkoofsaan hedduu ta'e itti tarreeffamedha.

Namoonni kunneen hunduu sababa enyummaa isaaniin qofa lubbuu isaanii dhabaniiruu? Yeroon mataa ol qabadhee ilaalu baaxii gur'aachatu natti mul'ata.

Golee baaxii kutaa sanarraa ammoo ampuulonni ibsaa humni isaa dadhabaa ta'e keenyanitti ibsu.

Gadi jedhee yeroon ilaalu ammoo hafaa bifa dimismisaa qabu tokkotu natti mul'ata. Alan yaade.

'Burial Chamber' [Kutaa Awwaalaa] kan jedhamu ammoo kutaa buqqeen mataa dhala namaafi lafeen tooraan galee keessaa mul'atudha. Kutaan kun bifa Addeessa walakkaatiin waan ijaarameef namoonni gocha hammeenyaa kana ilaaluu hin barbaadne irruma keessa ilaalanii ce'uu danda'u.

Kutaa gama keessaan mul'atu keessaa ammoo namoonni dhumaatii sanyii gaggeeffame sana keessatti wayita ajjeefaman qabatanii kan turan qabeenya dhuunfaa isaaniitu fannifamee mul'ata.

Tiishartii, maaleyaa kilaboota kubbaa miilaa Awurooppaa gara garaa ijoolleen uffatanii turan, qumxaa, hambaarii harkaa, 'masqalee' mormaa, kophee, borsaa, qabattoo, furtuu, waraqaa eenyummaa...

Firaansiin, Bernaardiin, Deeviid, Fiidal, Shaanel, Ariiyen... kutaan sodaadhen qaqqabe. Hiriyyaan/ miiltoon kiyya kan na akeekkachiise jaallatee miti.

Kutaan kun 'Egeree Du'e' [Tomorrow Lost] jedhama. Daa'imman duguuggaa sanyii kanaan ajjeefaman keessaa suuraawwaniifi seenaan murtaa'e kutaa ifatti mul'atudha.

Maqaa: Ingaabiree Fiidal

Umurii: 9

Ispoortii jaallatu: Kubbaa Miilaa

Nyaanni jaallatu: Affeellii dinnichaa

Sababiin du'aatii isaa: Mataa keessa rasaasaan dha'amee

Namoota godaambaa keessaa

Gadi taa'uu na feesise. Barcuma gogaarraa hojjetame sanan barbaade. Kutaa halluu bifa burtukaanaa dibame sana keessa hin jiru. Miira akka wanti ta'e tokko ana ukkaamsetti natti dhaga'ama. Ba'uun narra jira.

Gaarummaan isaa gara xumuruuttan deemaa jira. Godambaan kun barumsaaf akka ta'uuf kutaa dhumaatii jumlaa biyyoota biroo agarsiisus qaba.

Sirna gita bittaa Jarmanii jala kan turan dhumaatii sanyii saboota Afrikaa Kibbaa Hereeroo fi Naamaa, dhumaatii sanyii Naazii Jarmaniitiin warra Yihudootaarratti raawwatame [Holookost], duguuggaa sanyii Kamboodiyaatti raawwatame, kan Baalkaans... fi seenaan dhumaatii sanyii ilmaan namaa kaan galmeeffamanii kaa'amaniiru.

Warri Ruwaandaa seenaa hin dagatamne dhumaatii sanyii kanarraa dandamachuuf hedduu deemaniiru; ammas garuu baayyeetu isaan hafa.

"Jireenyi 'jenosaayidiin' booda salphaa miti. Addatti ammoo qofaa kee osoo waayyu hin qabaatiin haftee yeroo ta'u [rakkisaadha]. Hundi keenya hamaa gochuudhaaf humna ni qabna. Jaallachuus, jibbuus ni dandeenya.

"Murteessaan isa kam filanna kan jedhudha. Namni tokko jibba yoo facaase jibba haammata. Jaalala yoo filate ammoo jaalala haammata," jedha namni duguuggaa sanyii kanarraa hafe Kareenzii Tewoneestee.

Kareenziin, Huus Hanii Mooniik fi kanneen biroo seenaa lammileen Ruwaandaa duguuggaa sanyii kanarraa hafan viidiyootiin waraabamee daawwattoonni akka ilaalaniif qophaa'ee kaawwameera.

"Ollaakee jaallachuu qabda. Yeroon ammoo barsiisaadha. Kunoo warri nu ajjeesan waan tokkollee akka hin buufatiin argaa jirra. Kunoo waliin jiraachaatuma jirra," jetti Huus Hanii Mooniik.

Tibba pirezidantiin biyyattii filatamaniitti

'Jenosaayidiin' booda

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) fi Beeljiyeem. Ruwaandaa keessaa waraana qabaatanillee, ajjeechaa ture sana dhaabsisuudhaaf itti-gaafatamummaan hin kennamneef. Loltoonni Beeljiyeem 10 erga ajjeefamanii booda, humnoonni UN fi Beeljiyeem Ruwaandaa gadhiisanii bahan.

Michuu mootummaa Huutuu kan turte Faransaay, lammileeshee baasuudhaaf humna addaa erguudhaan kaampii mataashee hundeessitullee, ajjeechaa bakka sana ture dhaabsisuu dhabuudhaan ni komatamti.

Ameerikaan ammoo kasaaraa Somaaliyaatti irra gaheen booda walitti bu'iinsa Afrikaa keessa galuu dhiisuuf yeroo itti murteessitee turtedha.

Ruwaandaa Paatiriyootik Firoont (RPF) humna waraanaa Ruwaandaatiin gargaaramee, Adoolessa 1994tti gara magaalaa guddoo biyyattii Kigaaliitti imale.

Huutuuwwan miliyoona lama ta'an duguuggaa sanyii kana keessatti hirmaataniifi hin hirmaatiin yeroo sanatti Zaayer kan jedhamtu gara Dimokiraatik Rippabilik Koongootti baqatan.

Kanneen biroo ammoo gara Taanzaaniyaafi Buruundiitti qajeelan.

Falmitoonni mirga namoomaa humnoonni RPF aangootti yeroo dhufan Huutuuwwan kumaan lakkaa'aman ajjeesaniiru jechuun qeequ.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, dhaddacha yakkamtoota Ruwaandaa idil-addunyaa jedhu hundeessuun namoota duguuggaa sanyii keessatti gahee guddaa qabu jedherratti himata bane.

Ruwaandaa keessatti ammoo shongoon biyya keessaa Gachaachaa jedhamu hundeeffamee namoota duguuggaa sanyii kana keessaa harka qabu jedhaman akka itti murtaa'u godheera.

Pirezidant Pool Kagaamee biyya xiqqoo duguuggaa sanyiin barbadoofte kana sadarkaa amma irra geesse kanaaf qaqqabsiisuu isaaniitiif hedduu leellifamu. Ruwaandaan dinagdeetiin akka guddattu, fayyaatiin, tekinooloojiitiin, akkasumas turiizimiitiin akka guddattu gochuuf carraaqanii ittis milkaa'aniiru

Haata'u malee, warri isaan qeeqan ammoo sagalee mormitootaa ukkaamsa jechuun isa hamatu.

Duguuggaan sanyii Ruwaandaa keessatti dhimmoota of eeggannootiin ilaalaman keessaa tokkodha. Biyyattii keessatti waa'ee sabaa odeessuun seeraan adabsiisuu danda'a.

Mootummaan kana kana godheef haasaa jibbiinsaa hambisuuf, akkasumas dhangala'uu dhiigaa hambisuudhaafidha jedha. Kanneen biroo garuu kun araarri dhugaa akka hin dhufne gochuu danda'a yaaddoo jedhu qabu.

Akka odeeffannoon UNICEF baase agarsiisutti, sababa duguuggaa sanyii Ruwaandaatiin daa'imman 95,000 ta'an maatii malee hafaniiru.

Amma duguuggaan sanyii Ruwaandaa waggaa 30 guuteera. Daa'imman ajjeechaa rifaasisaa sanarraa hafan umurii isaaniirratti waggaa 30 dabalataniiru jechuudha.

Tokko tokko Kigaalii Jenosaayid Memooriyaal seenuu ni sodaatu. Waan isaan mudachuu malu waan hin beekneef.