Duguuggaa Sanyii Ruwaandaa: 'Nama abbaa warraakoo ajjeesef dhiifama godheen, ijoolleen keenya wal fuudhan'

Fayyuuf jaalachuu qabda - dubartii abbaa warraan ishee ganna 28 dura duguuggaa sanyii Ruwaandaatiin jalaa ajjeefametu kana amana. Kana callaa miti dubartiin kun namticha abbaa warraashee jalaa ajjeeseef dhiifama gochuun, intalli isaa akka ilma isheetti heerumtu eeyyamteef.
Bernadette Mukakabera seenaashee yeroo dheeraaf himachaa turte. Kunis qaama tattaaffii manni amantaa Kaatolikii Ruwaandaatti hawaasa bara 1994 namoonni 800,000 guyyoota 100 keessatti dhumatee addaan walqoodan gidduutti araara buusuuf hojjatamuti.
‘’Ijoolleen keenya waan ture waliin hariiroo hin qaban, wal jaalatan, homtuu akka namni wal hin jaalanne dhorkuu hin danda’u,’’ jechuun Bernadet BBCtti himte.
Ishee fi abbaan warraa ishee Kabeeraa Vedastii hawaasa Tutsi keessa dhalatan.
Xiyyaarri Pirezedantii Ruwaandaa yeroo sanaa, kan hawaasa Hutuu keessaa bahanii Ebla 6, 1994 rukutamuu hordofee hawaasa Tutsii haleelurratti irratti qiyyaafatamee ture.
Sa’aatiiwwan muraasa keessatti dhalattoonni Hutuu kuma hedduutti lakkaa’aman holola jibbaa ganna kudhanitti lakkaa’amuuf barsiifamaa tureen ajjeechaa qindaa’aa ta’e eegalan.
Namoonni kunneen haleellaa olloota isaanii Tutsii biyyattii keessa jiraniirratti raawwatan.
Isaan keessaa tokko Giraatin Niyaminaniiti, maatiin isaa Dhiha Ruwaandaa ollaa maatii Bernaditi jiraatu turan.
Maatiin kunneen lamaanuu qonnaan bultoota.
Duguuggaan sanyii sun erga goolabamee, gareen hidhattoota Tutsii aangoo erga qabatee booda, namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeechaa raawwatame sana keessatti hirmaachuu isaaniif hidhamanii turan.
Giratiin to’atamee, adeemsa keessa immoo mana murtii hawaasaa ‘Gacaca’ jedhamuun hundeeffamuu dhimma shakkamtoota duguuggaa sanyiirratti hirmaatanii ilaalame.
Dhaddacha torban torbanii taa’amurratti hawaasni kun carraa himatamuu fi hawaasni lamaan isaanii himata dhaggeeffachuu fi waan raawwatamerratti fi akkatti raawwatame ragaa bahan.
Bara 2004tti Giraatin akkatti Bernadititti akkaatti abbaa warraa ishee ajjeese hime ture, achumaan dhiifama gaafate. Sana booda isheenis dhaddacha sanarratti dhiifama gochuufi filatte.
Kanaafuu ganna 19 hidhamuun irraa hin eegamu, egaa kanaa garuu hojii hawaaasummaa ganna lamaaf akka hojjatu itti murame.
‘Gargaaruun barbaade'
Otoo ifatti dhiifama hin gaafatiin ganna 10’f mana hidhaa ture, maatii namticha kanaa garuu Bernaditi fi ilma ishee Alfireed waliin hariiroo ture jijjiruu barbaadu ture.
Alfireed yeroo abbaan isaa ajjeefamu sana daa’ima ganna 14 ture.

Intalli Giraatii, Yankurije Donata jedhamtu immoo yeroo duguuggaan sanyii raawwatame daa’ima ganna 9 turte, isheen mana Bernadeti dhaqxee hojii mana keessaa ishee gargaaruu eegalte.
‘’Mana haadha Alfireed dhaqee hojii mana keessaa fi qonnaa gargaaruuf kanin murteesse, sababa isheen nama gargaaru biraa hin qabnee fi abbaan koo abbaa warraa ishee ajjeesuu isaatiif itti gaafatamaa ta’eefi,’’ jettee BBCtti himte.
‘’Alfireed haadha isaa wayita ani gargaaru argu na jalaate natti fakkaata,’’ jette.
Bernaadeti waan isheen yaaddeetti gammadde; ‘’Abbaan ishee abbaa warraa koo ajjeesuu beektee na gargaarte, akkan ani gargaarsa biraa hin qabne beekti, sababni isaa ilmi koo mana barnoota maatiirra hiiqee baratan jira,’’ jette.
‘’Laphee ishee fi amala isheen jaaladhe - sababa kanaafin haadha warraa ilma kootii akka taatu kan hin mormine,’’ jette.
Taatullee Giraatiniif kun waan salphaa hin turre - jalqabarratti waa'ee gaa'ela kanaa shakiin ilaala ture.
‘’Maaliif? Akkamitti maatiin ani daba guddaa irratti dalage, intalakoo fuudhuu barbaadu?'' jechuun gaafata ture jetti Yankurijeen. Xumura irratti garuu amanee fudhate.
Bernaditin akkas jette ‘’gocha abbaa isheerran kan ka’e haadha warraa ilma kootiirratti mufii hin qabu,’’ jette.
‘’Haadha warraa ilma kooti akka intalan guddiseetti ilaala, sababni isaammoo nama kamiyyuu caala na hubatti. Anatu ilmi koo akka ishee fuudhu amansiise,’’ jette.
Jarri lameen waldaa amantii kiristaanaa Kaatolikii naannoosaani jirutti bara 2008 wal fudhan.
Manni amantaa sun iddoo Giraatiin dhiifama gaafachuuf amantoota fuulduratti dhiyaate yoo ta’u, hojii hawaasummaa waggoota lamaaf hojjatu erga xumuree booda ture.
‘Yoo araarri hin jiraanne, irbaanni qulqulluu hin jiru’
Manni amantii Kiristaaanaa Kaatolikii hawaasa naannichaa walitti fiduu keessatti qooda guddaa gumaache.
Lubni waldaa Aab Nigoboka Tehojini jedhaman namoonni sagantaa araara sana jaalachuu dubbatan. Waldaaleen Kiristaanaa kaanis sirna araaraa kana mijeessaniiru.
Waldaaleen Kiristaanaa namoonni waliin jiraachuu malee filannoo biroo akka hin qabne ni hubatu, kanas nagaafi wal hubannaan raawwatamuu akka qabu hubatu.
‘’Kanneen yakka duguuggaa sanyiin himataman maatii namoota miidhanii waliin hanga araaramanitti irbaata qulqulluu hin fudhatan,’’ jedhan Aab Nigobokaan.
Araarri xumuraa hawaasa duratti iddoo himatamaa fi miidhamtoonni argamanitti raawwatama jedhan.
‘’Miidhamtooni namoota yakkaan himataman walin harka wal fuudhuun mallattoo dhiifama walii gochuuti,’’ jedhan.
Namoonni sirna yaadannoo duguugga sanyii ganna 28 Mushaka iddoo jedhamutti tibbana qophaa’eerratti akkatti walitti jiraatan barachuuf walitti qabamaniiru.
‘Waa’ee jijjiramaa yeroo haasofnu halluu gogaa geeddarachuu otoo hin taane, amalakee badaa geddaarachuudha,’’ jedhan qindeessaan sagantichaa Apiyanii NangIwahabi jedhaman.
‘’Jiruu qulqullummaatti jiraachuu dura laphee ofii geeddarachuun baayyee barbaachisadha jedhan.
Bakka sanatti Aadde Bernadeti ilmi ishee intala namticha abbaa warraa ishee ajjeesee fuudhuu dubbattetti.
Akkas jette: ’’Haadha warraa ilma kootii baayyeen jaaladha, abbaan warraa koo erga du’ee booda otoo ishiin nan gargaarre ta’ee, ani yoona hin gahun ture,’’ jedhan Aadde Bernadeti.
Seenaan jaalala ilmasaanii Alfreed fi Yanukirejii dhiifama namaaf gochuufi fudhachuurratti namoota hedduu onnachiisee arguu kootti gammadeera jedhan.















