Namtichi yakka duguuggaa sanyii Ruwaandaan shakkamee Nezerlaanditti qabame gadhiifame

Madda suuraa, Getty Images
Namtichi yakka duguuggaa sanyii Ruwaandaatiin shakkamee Kibxata darbe mana isaa Amestardam, Nezerlaanditti argamuu erga qabameen booda gadhiifame
Chaarlis Nidireyehee maanguddoo ganna 70 wayita ta'an, duguuggaa sanyii bara 1994 Ruwaandaatti raawwatame ‘qindeesseera’ jechuun mootummaan biyyattiin barbaadama.
Bara 2010 adamfamee akka hidhamuuf mootummaan biyyattii ajaja baasee ture. Maanguddoon kun garuu Ruwaandaa keessa miti kan jiraatan. Waggoota 15 darban Nezerlaand keessa jiraataa turan.
Kibxata galgala garuu mana jireenyaasaa isaanii Nezerlaand magaalaa Amestardaam cinatti argamtu keessaa poolisootan qabamanii hidhamanii jedha paartiin mormituu Ruwaandaa biyya hambaa keessa maadheffate FDU jedhamu. Chaarlisammoo miseensa paartichaati.
Hogganaan paartiin mormituu Ruwaandaa FDU Justiin Bahungaa, ‘’Mana jireenyaa isaa keessaa qabamee hidhame,’’ jedhee BBCtti hime.
Wayita poolisiin qabetti, mootummaa Ruwaandaatiin akka barbaadamu itti himamuu ‘beekna’ jedhe Bahungaan.
Chaarlis mootummaa Ruwaandaa qeequun kan beekamuufi miseensa paartii mormituuti.
Wayita duguggaan sanyii Ruwaandaatti raawwatame hogganaa giddugaleessa qorannoo qonnaa Kibba Ruwaandaa keessatti argamu tokkoo ture.
Aab Chaarlis waggoota 15 darban Nezerlaand keessa kan jiraate wayita ta’u, dhimma qabamee hidhamuusaarratti poolisiin yaada hin kennine.
Bara 2016 keessa biyyi Nezerlaand lammilee hidda dhaloota Ruwaandaa qaban lama Jiin Baaptistii Mugimbaafi Jiin Kilaahud Iyamuremye jedhaman duguuggaa sanyii keessatti qooda qabaachuun shakkaman biyyattii keessaa baafte turte.
Bara 1994 Ruwaandaa keessatti duguuggaa sanyii guyyoota 100 keessatti raawwatameen namoota 800,000 tti tilmaamaniitu du'e.













