Maakiroon gahee Firaans duguuggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994 keessaa qabduuf dhiifama gaafatan

Pireezidant Maakroon abaaboo yaadannoo Kigaaliitti kaahan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Maakroon abaaboo yaadannoo Kigaaliitti kaahan

Sirna yaadannoo duguuggaa Sanyii Ruwaandaa bara 1994 irratti kan argaman pireezidantiin Firaans gahee biyyi isaanii yakka sana keessatti baateef dhiifama gaafatan.

Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon sirna yaadannoo waggaa 27'ffaa duguuggaa sanyii Ruwaandaa magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaatti argamuun, gahee biyyi isaanii baateefi dogoggorra uumte amanuun dhiifama gaafatan.

Sirna kanarratti haasaa taasisaniin Firaans walfixinsa dhufuu deemuuf akeekkachiisa turan qalbifachuu dhabuufi ''dhugaa qorachuuf jecha yeroo dheeraaf callisuu filattee turte'' jedhan.

Maakroon itti dabaluun biyyi isaanii yakka hamaa san keessatti garee tokko gargaartee akka hin hirmaanne dubbatan.

Gahee irraa eegamu bahuu dhabuu isheef garuu Maakroon lammiileen Ruwaandaa Firaansiif dhiifama akka godhan gaafatan.

Pireezidantiin Ruwaandaa Pool Kagaamee haasaa Maakroon kana dinqisiifataniiru.

''Jechoonnisaa dhiifamaan olitti bu'aa guddoo qabu. Dhugaa ta'anii turaniidha'' jechuun haasaa Maakrooniin ''gocha jabina guddaa'' ittiin jedhaniiru.

Bitootessa darbe ogeessi Komishinii Firaans tokko biyyattiin hooggansa pireezidantii bara sanaa François Mitterrand jalatti duguuggaa sanyii san keessatti ''gaafatamni guddoon irra ture'' garuu kallattiin hin hirmaanne gabaasa jedhu dhiyeesseera.

Gabaasichi Firaans qophii ''duguuggaa sanyii adeemaa turerraa ija qabattee ture'' jedha.

''Kanneen halkan sana keessa darban qofatu dhiifama gochuu danda'a, sana gochuudhaan ammoo kennaa dhiifamaa kennu'' jedhan Maakroon haasaa bakka namootni 250,000 ol itti awwaalamanitti godhaniin.

''Amma laphee of kenneefi kabajaan guuteen isin waliinin jira, kaniin dhufe gaafatamni keenya hangam akka ta'e amanuufi'' jedhan itti dabaluun.

Ji'a Eblaa hanga Caamsaa bara 1994 yeroo duguuggaan sanyii raawwatu kanneen Huutuu keessaa ta'antu biyya bulchaa ture. San booda garuu dhaaba warra Tutsii Pireezidant Pool Kagaameen hoogganamu Rwandan Patriotic Front (RPF)'n aangoorraa fonqolfamaniiru.

Caamsaa bara 1994 Lotootni Firaans paatrooliidhaan milishoota Huutuu bira yeroo darban

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Caamsaa bara 1994 Lotootni Firaans paatrooliidhaan milishoota Huutuu bira yeroo darban

Pireezidantiin bara sanaa Firaans Mitterrand, pireezidantii bara sanaa Ruwaandaa Juvenaal Haabiyaarimaanaa kan sabummaan Huutuu ta'an waliin michummaa jabaa qabu turan.

''Ajjeeftotni daggala, gaarreen, manneen amantaa to'atan fuula warra Firaansi hin qaban. Firaans kallattiin hin hirmaanne'' jedhan Maakroon.

Haata'u malee jedhan Maakroon, ''Firaansi lola naannolee ykn waraana waliinii hambisuuf jecha tasa deeggartuu sirna duguuggaa sanyii taatee argamuu hin hubanne ture,'' jedhan.

Presentational grey line

Duguuggaan sanyii Ruwaandaa kan eegale Ebla 6, 1994 xiyyaarri Pireezidantii biyyattii Haabiyaarimaanaa fi gita isaanii kan Burundii sabummaan akkuma Haabiyaarimaanaa Huutuu ta'an baatee imalaa ture rukutamee kufuu isaa hordofeeti.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Caamsaa 22 humna waraanaa Firaans duula moggaasa 'Operation Turquoise' jedhuun gara Kibba Lixa Ruwaandaa bobbaasee ture.

Duulli kun Zoonii deeggarsa namoomaa hundeesse keessatti miidhamtoota hedduu baraaruu danda'us, booda garuu lubbuu baastotni hedduun zoonii kanatti dhokachuun akka baqatan sababa ta'eera, akkasumas ergamichi mataan isaa barfateera jedhamuun qeeqameera.

Firaans bara 2015 ragaalee Ruwaandaa harkaa qabdu ifa akka gootu murteessitee kan turte ta'us, booda Manni Maree dhimma heeraa biyyattii ragaaleen kun iccitii ta'anii akka turan murteesseera.

Maakroon ragaalee aanga'oonni yeroo sanii Firaans ta'ii bara sanii harkaa qaban akka qorataman ajajaniiru.