Qondaalli tikaa duraanii Ruwaandaa 'mobaayila hatuun' waggaa sadi adabame

Qondaala tikaa hidhame

Hoogganaa garee tikaa fi nageenyaa duraanii Pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee kan ta'e Tom Byabagamba ''mobaayila hatuudhaan'' himatamee hidhaan waggaa sadii itti murtaa'e.

Qondaala nageenyaa olaanaa duraanii kanarratti murtee kan dabarse mana murtii magaalaa guddoo Ruwaandaa, Kigaalii dha.

Aangoon sadarkaa koloneelummaa dursee kan irraa fudhatame Tom Byabagamba, durumaanuu yakka kabaja alaabaa dhowwachuu, qondaaltota mootummaarratti hookkara kaasuuu fi nageenya biyyaa balaarra buusuu jedhuun himatamee hidhaan wagga 15 itti murtaa'ee jira.

Manni murtii waraanaa bara 2016 nama kanatti hidhaa wagga 21 murteessee turus, boodarra garuu oliyyannoo inni gaafatee irratti hundaa'uun wagga gara wagga 15'tti xiqqaateef.

Mannim murtii dhimmasaarratti dhaddacha kaleessa, Kibxata 24,11,2020 taa'een namni kun mobaayila harkaa kana fayyadamee mana hidhaatii miliquuf akka ture ibseera.

Qondaalli nageenyaa duraanii kun waggaa 15 duraan itti murtaa'ee ture irratti hidhaan wagga sadii wayita itti dabalamu, yeroo ammaa adabbii hidhaa wagga 18 fudhatee jira.

Himati isarratti qindaa'e daran kan dhaadheffamee fi hammaan ol ta'uu kan hime Tom Byabagamba, an nama mobaayila hatuu miti, meeshaa bu'aa hin qabneef maqaa na baasan jechuun dhaddacharratti dubbate.

Bilbila qabatanii mana hidhaa keessatti argamuun qajeeltoo ittiin bulmaata mana hidhaichaa cabsuu ta'uu danda'a, garuu waan hidhaa namatti murteessisu miti jedhe.

Tom Byagamba mana murtiitti akka dubbatetti, rakkoon kun isarrtti uumamuu kan eegale erga obboleessi isaa hangafaa gorsaa duraanii pirezidaantii biyyattii ture gara biyya alaatti baqachuun Pool Kaagaamee qeequu jalqabeeti.

Dhaabbileen mirga namoomaa hedduun Ruwaandaan yaada mormitootaa fi qeeqa ka'u keessummeessuu dhabuusheetiin himatu.Kanammoo mootummaan biyyattii irra deddeebiin waakkata