Hotel Rwanda: 'Gootni maqaansaa fiilmii keessatti ka’e hin butamne'

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen, gooti biyyattii waa’ee ajjeechaa jumlaa bara 1994 irratti fiilmii Holiiwuudiif yaada ka’umsaa ta’e, ukkaamfamee hin butamne jedhan.
Pool Rusesabaginaa namni jedhamu kun fedhiisaatiin biyya alaatii biyyatti deebi’ee erga takka turee booda, yakka ajjeechaa fi shorokeessummaan shakkamee hidhame jedhan.
Maatiin Pool Rusesabagina garuu Dubaay keessatti ukkaamfamee erga butamee booda, gara biyyasaa Ruwaandaatti darbame jedhan.
Ergasii torbee kana keessa harkisaa cancalaan hidhamee jira.
Garee mootummaa morman keessaa gameessa beekamaa kan ta’e Pool Rusesabagina, riphee loltoota deggerta jedhamuun himatameera.
Tattaaffiin inni jireenya lammiilee baraaruuf taasisu fiilmii bara 2004 hojjetame, Hotel Rwanda, jedhamu keessatti agarsiifameera.
Hoogganaan Hoteelaa garee Huutuu keessaa ta’e kun garee Tuutsi irraa ajjeechaa jumalaa dhaabuuf hedduu gargaaraa ture.
Ajjeechaa jumlaa sana keessatti gareen Tuutsii fi Huutuun yaada giddu galeessaa qaban 800,000 caalan ajjeefamaniiru.
Namoonni kunneen garee finxaaleyyii Huutuu kanneen Pirezidaanti Pool Kaagaameen aangoorraa darbaniin ajjeefaman.
Yeroo ammaa aanga’oonni Ruwaandaa hojiin ga’eessa umrii waggaa 66, Pool Rusesabagina gar malee dhaadheffameera jechuun komii dhiyeessu.
Namni kun hojii quuqama mirga namoomaa hojjeteef badhaasa hedduu argateera.
Badhaasa Pirezidaantii US’n kennamu, ’US Presidential medal of Freedom’ jedhamu bara 2005 argateera.
Pirezidaanti Pool Kaagaameen TV biyyattiirratti akka dubbatanitti, ''Rusesabaginaan fedhiisaatiin as jiraachuuf biyyatti deebi’e. Namni isa ugguree deebise hin jiru,’’ Jedhan.
Biyyattii dirqamee deebi’uusaaf waan sababa ta’e garuu hin eerre.
Maqaan Pool Rusesabagina toora namoota yakka shorokeessummaan yeroo ammaa Ruwaandaa keessatti himatamanii jiranii keessa jira.
Waraanni Bilisummaa Biyyaalessaa, kanneen riphanii lolan deggersa kan argatan Zaambiyaa irraati, Pirezidaantiin Zaambiyaa Edgar Lungu ammoo michuu Pool Rusesabaginaati.
Kanarraa ka’uun Pool Rusesabaginaan mootummaa fi biyya shorokeessaa jira hamii jedhuun manni murtii biyyattii dhimmasaa dhagaheera.
Fiilmiin Hoteel Ruwaandaa (Hotel Rwanda) maali?

Madda suuraa, Getty Images
Fiilmiin Hoteel Ruwaandaa (Hotel Rwanda) kan bara 2004 hojjetame jiruu fi jireenya Pool Rusesabagina irratti kan xiyyeeffateedha.
Akkamiin namni garee Huutuu irraa ta’e kun shamarree saba Tuutsii fuudhee namoota 1,200 akka baraare kan agarsiisudha.
Namoonni garee haleeltotaa jalaa miliqanii gara Hoteela Mille Collines keessa dahatan, akkamiin nageenyummaansaanii eegamuu akka qabu qondaaltota poolisii waliin ta’uuun yeroo inni hojjetufaa agarsiisa fiilmiin kun.
Don Cheadle taatoo Pool Rusesabagina bakka bu’uun fiilmicharratti hojjeteedha.
Aab Rusesabaginan bara 2007 keessa gareen ajjeechaa jumlaa Ruwaandaaf sababa ta’e ‘Rwandan Patriotic Force’ seeraan akka gaafataman UN’tti iyyatee ture.
''An akka nama tokkootti mirga lammiileef falmuun qaba. Lammiilee Rwaandaa miiliyoonaan lakkaa’aman kanneen nama isaaniif dubbatu dhabaniif sagalee ta’uun barbaada,’’ jedhe.















