'Ruwaandaatti duguuggaa sanyii raawwateen baqadhee waggaa 30 booda deebi'ee waanan arge'

Victoria Uwonkunda

Madda suuraa, Victoria Uwonkunda

Viktooriyaa Uwonkundaa gaazexeessituu BBCti. Waggoota 30 dura garuu umurii waggaa 10tti duguuggaa sanyii gosashee Tuutsii irratti raawwate baqattee biyyaa baate. Waggaa 30 booda Ruwaandaatti deebitee biyyattiin waan keessa dabarteefi yaadannooshee akkanaan seenessiti.

Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeeffannoo kanaa isin jeequu mala.

Duguuggaa sanyii bara 1994 Ruwaandatti raawwate jalaa lubbuu kiyya baraaruf waggaa 12tti maatii kiyya wajjin baqadhe. Keeniyaafi Noorwey keessattan guddadhe. Achiimmoo UK, Landan jiraachuu eegale.

Waggoota 30 booda Ruwaandan maal akka fakkaattufi akkamitti madaa duguuggaa sanyiirraa fayyitee namoonni wal-faana jiraachuu akka itti fufan ilaaluuf gara qe'ee dhaloota kootti deebi'e.

Dhimma kanarratti Ruwaandaa deemee dokumentarii akkan hojjadhuuf carraan gaafa naaf kennamu baay'een gammade, garuummoo maal arguu akkan danda'uufi miira natti dhagahamuu malu gaafan yaadu baay'en jeeqame.

Duraanuu miirri nama jeequ na keessaa hin banne. Miirri jeeqamuu kun ammoo yeroo kamuu namatti ka'uu danda'a.

Akkuma lammiilee Ruwaandaa hedduu, anis maatii koo hedduu duguuggaa sanyii gaggeefamee ture kanaan dhabeera. Guyyaa 100 keessatti gosti Tuutsii 800,000 ta'an gosa Huutuu keessaa namoota finxaaleyyii ta'aniifi kanneen Tuutsii irraa mormii siyaasaa qaban biroon ajjeefaman.

Duguuggan sanyii erga raawwatee booda hidhattoonni Tuutsii aangoo qabatanis haaloo bahannaaf gosa Huutuu kumaan lakkaa'aman ajjeesaniiru jedhamuun hamatamu.

Landanii ka'ee magaala guddoo Rawaandaa, Kigaaliitti gaafan xayyaara irraa bu'u imimmaantu na hudhe. Namnin argu hunduu afaan dhaloota koo Kinyarwanda dubbata. Waggaa 30 dura lubbuu keenya oolfachuuf fiigaa inni turre sun darbeen amma sagaleen dhukaasaa hin jiru. Hunduu nagaadha, Kigaalii keessa gamoowwan dhedheerotu ijaarame. Waggaa 30 keessatti Ruwaandatti waanti baay'en jijjiirameera.

Victoria Uwonkunda
Ibsa waa'ee suuraa, Viktooriyaan waggaa 30 booda Ruwaandaa, Kigaalitti deebitee miiraan guutamte

Bakkeewwan muraasa daawwachuuf karoorse keessaa mana baruumsa sadarkaa tokkoffaa dur itti baradheefi qe'ee maatii koo magaala Kigaalii keessatti argamuudha. Erga gaafa Ebla 6, 1994 halkan mana keenya keessaa baqannee baanee deebi'ee hin argine.

Halkan sun gaafa xayyaarri pirezidaantii Ruwaandaa fe'ee deemu rukutamee kufuu dhageenyedha. Manni keenya eessa akka ta'e akka kallattii natti himtuuf haadha koo Norweey jirtuttan bilbile.

Dhumarratti qe'ee karri isaa cufame bira ga'een isa dur ganama yeroo biiftun baatu balbala duratti yaanee aduu qaqqaammachaa taphataa turre sana yaadadhe.

Akkasumas lubbuu keenya oolfachuuf jennee wayyaa qofa fudhannee waan qabnu hunda dhiisnee gaafa qe'ee keenya dhiisnee jiruu baqaa eeggalle sanan yaadadhe.

Victoria Uwonkunda duguuggan sanyii osoo hin eegalin dura

Madda suuraa, Victoria Uwonkunda

Ibsa waa'ee suuraa, Viktooriyaan osoo Ruwaandadhaa hin baqatin dura

Guyyaa jahaffaa manaa baanetti magaala Kigaalii keessa bakki itti dhokatan homtuu akka hin jirre gaafa barru namoota lubbuu oolfachuuf hedduumminaan baqataa jiranitti makamne.

Namni magaalattii keessa jiru guutun waan buqqa'ee baqataa jiru fakkaata. Kan qabu konkolaatafi saayikiliin inni kaan ammoo miilumaan magaala gadhiisee bahuu eegale. Daandii irra deemnu gamaafi gamaanaan milishoonni baangaa baataanii akka horiitti nama oofu.

Achii kaanee qe'ee fira keenyaa daangaa Dimokiraatik Rippaabilik Koongootti argamutti qajeelle.

Amma Ruwaandatti deebi'ee gaafan daandii irra deemnee baqanne sana irra deemu, sagaleen dhukaasaa hin jiru, daandii irratti waanti nama danqu homtuu hin jiru. Deemsi inni ammaa kun akka isa kana duraa boo'ichaaf yaaddon guutame miti. Nagaa, qilleensa gaariin kan guutameedha.

Viktooriyaan qe'ee keessaa baqatte duratti
Ibsa waa'ee suuraa, Viktooriyaan bara 1994 duguuggaa sanyii baqattee mana keessaa baatee ammayyuu cufaadha

Mana keenya bara 1994 dhiifnee baane sana gaafan dhaqee ilaalu akkuma gaafa sana dhiifnee baanetti jira. Manni keenya kutaa ciisichaa sadi qaba. Firoota keenya keessaa namoota lubbuun hafan argadheera. Obboleessa [haadha kiyyaa] Ogaastin argachuu kootti baay'en gammade.

Yeroo sana inni waggaa 10 ture, animmoo waggaa laman isa caala- waggaa 12. Isa kanin ittiin yaadadhu maasaa fuduraafi kuduraa keesaa waliin taphanna ture. Amma abba ijoollee afurii ta'eera.

Taatee waggoota 30 duraa kaasnee akkamitti akka baqannee lubbuun keenya oolte haasa'uu eegalle.

"Maatii koo malee qophaa kiyyan [namoota kaan waliin] gara baadiyyaatti baqadhe, maatiin kiyya karaa magaala Gisenyitiin bahanii Goomaa seenan," jechuun DR Koongotti akka baqate natti hime Ogaastin.

Namoota duguuggaa sanyii baqataa turan

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mucaan waggaa 10 maatiisaa malee baqatee kaampii baqattootaa guddicha Kubuumbaa keessa akkamitti jiraachuu akka danda'e baay'ee na dhibe. Ani yoo xiqqaate maatii koo wajjinan baqadhe.

Akka carraa ta'ee namoonni isa beekan jiraachuusaa maatiisaa bakka biraa jiranitti himan. Osoo maatiisaa wajjin wal-hin argin waggaa lamaaf gargar turan.

"Guyyoota jalqabaa jireenyi baay'ee hadhaa'aa ture. Weerarri koleeraa ka'ee nama hundumatu dhukkubsate. Sababa nyaati qulqulluunifi qulqullinni hin jirreef namoota kumaan lakkaa'amantu du'e," jechuun natti hime.

Gaafa inni kana natti himu anis duubatti deebi'een waan dabarsine yaadadhe. Keessumaa baqannee torban jalqabaatti, Goomaatti [bakka itti baqanne] reeffi namaa daandirra walirra tuulamee arguun waan baramaa ture. Maatin kiyya iddoo baqaa dhaabbataa Keeniyaadhaa hanga nuuf mijeessanitti haala rakkisaa ture.

Dookumentarii: Viktooriyaa Uwonkuundaa waggoota 30 karaa ittiin duguuggaa sanyii jalaa baqattee baate irra deebi'uun namoota yakka sanaan miidhamaniifi yakkicha rawwwatan akkasumas akkamitti dhiifama waliif gochuun araarri bu'ee waliin jiraachuu akka eegalan dokumentarii hojjatteetti.

Ruwaandatti gaafan deebi'u namoota lubbuun hafanii waan yeroo sana ta'e himan keessaa tokko Kilaawudeet Mukarumaanzii argadhe. Yeroo haleellan duguuggaa sanyii raawwatamu waggaa 13 turte. Amma nama waggaa 43 taatetti. Ijoollee ijoolles argiteetti.

Guyyoota garaa garaatti haleellaa gosa garaa garaatu irra gahe. Yeroo sana nama yakka suukaneessaa isheerratti raawwate wajjin na qunnamuuf fedhii akka qabdu natti himte.

Iddoowwan haleellaan irratti raawwatan keessaa tokko magaala Nyamata- kibba baha Ruwaandatti kan argamtu bakka Kilaawudeet wajjin itti wal-agarretti.

Kunis Bataskaana Kaatolikii keessatti. Namoonni heddu tarii safeeffatanii bataskaana hin lixan jechuun bataskaana Kaatoliitti baqatan. Garuu, gara laafina tokko malee bataskaana keessatti baangadhaan tokko ajjeefaman.

"Waldaa [bataskaana] keessa dhaabbatee baangadhaan na kute. Yeroo baangadhaan na muru sirbaa ture. Yeroo inni fuula koo baangadhaan kutu dhiigni narra lola'a ture.

"Garaan akkan ciisu na ajaje. Gaafan garaan ciisu eebodhaan dugda koo keessa na waraane, Hanga har'aa godaannisa yeroo sanaa baadhen deema."

"Eeboo buqqisuuf yaalee, waan dugda koo keessa fulla'ee lafatti maragame se'ee dhiisee na dhiisee deeme," jettee hammina irratti dalagame ittuma fuftee himti.

Kilaawudeet ajjeecharraa kan lubbuun hafte

Akkuma taatu taatee eeboo dugdashee keessaa buqqistee mana ollaasheetti fiigdee dhokachuu yaalte. Garuu Jiin Kilaawud Natambaaraa- miseensa poolisii ganna 26 wajjin walitti baate.

"Mana nama keessa dhokattee turte, abbaan manichaa nu waamee 'inyenzi' [ilbiisi] manasaa keessa akka jirtu nutti hime," naan jedhe Jiin Kilaawud Natambaaran.

Yeroo duguuggan sanyii warra Tuutsii irratti raawwatu piroppaagandaan jibbiinsaa isaanirratti gaggeeffamaa ture, warri Tuutsii 'inyenzi' ykn "cockroach"dha kan jedhuudha. Kana jechuun 'ilbiisa' akka jechuuti.

Warra Huutuu keessa finxaaleyyii kan ta'an reediyoo fa'aa fayyadamuun warra Tuutsii 'ilbiisota' (cockroach) jechuun jibbiinsa irratti gaggeessu turan.

"[Manicha gaafan seenu] dhiigni qaamshee hunda haguugee mammadooften arge. Akka isheen duutuf dhukaasen gateettiisherran rukute.

"Nama tokko [warra Tuutsii] akka lubbuun hin hambisne fixaa kan jedhu ajaji nuuf kennameera; ishee ajjeesera jedheen yaade," jedha namni miseensa poolisii ture kun.

Garuu isheen lubbuun haftee manicha keessa miliqxee erga baatee booda nama beektu wajjin wal-agarte, gargaarsa argatte.

Madaa qaamarraa daftee bayyanattus, namoota badii kana irraan gahan karaarratti gaafa argitu madaa keessoo, aarii qabdi turte. Kanarraa fayyuun yeroo dheeraa itti fudhate.

Madaa qaamaa- isa mul'atuufi madaa keessoo- isa hin mul'anne baatanii namoonni akkamitti waliin jiraachuu itti fufan?

Kilaawudeet Mukarumaanziifi Jiin Kilaawud Natambaaraa kanaaf fakkeenya gaaridha.

Kilaawudeet nama yakka irratti raawwate wajjin araaramtee

Isaan dubbisuuf garasaanitti gaafan imalu, lamaansaanituu waliin ta'anii kolfanii na simatan.

Miseensa poolisii duranii kan ta'e Jiin Kilaawud Natambaaraa nama meeqa akka ajjeese gaafan gaafadhu, akka hin beekne mataa raasee natti agarsiise.

Jiin Kilaawud himanni irratti banamee waggoota duguuggaa sanyii keessatti hirmaachuusaaf waggaa 10 itti murtaa'ee ture.

Adabbii itti murtaa'e mana hidhaatti dabarsuurra yakka hojjatetti gaabbuu agarsiisuf hojii hawaasaa hojjachuun adabbiisaa xumurate. Akkasumas dhiifama gaafate.

Garuu Kilaawudeet irraa dhiifama argachuun isaaf salphaa hin turre; si'a heddu itti marmaaree dhiifama gaafatee diddus marsaa torbaffaarratti dhiifama gootef.

Aleeksaandiroos Lordos Ruwaandatti ogeessa xiin-sammuuti. Madaa dhuunfarraa fayyauuf dursa waloon fayyuun murteessaa akka ta'e hima.

"Haleellan raawwate namoota walitti dhiyoo jiraniin kan raawwateedha. Ollaatu olaasaarratti badii raawwate, miseensonni maatii miseensota maatirratti haleellaa raawwatam. Kanaaf, miira kana booda eenyutu amanama jedhutu uumame," jechuun natti hime.

"Galmi badii darberraa fayyuu eenyurratti badiin raawwatameefi eenyutu raawwate kan jedhu dagachuudha," jedha.

Kilaawudeetid nama yakka gara jabinaa isheerratti raawwateef dhiifama gochuusheetin dhaloota dhufutti ba'aa dabarsuu akka hambiste himti.

"Osoon dhiifama isaaf hin godhin yoon du'e, ba'aansaa ijoollee koorratti darbuu mala. Ani du'ee jibbi itti fufeera osoo ta'ee, Ruwaandaan ijoollee koof hawwu ijaaruu hin dandeenyu turre. Ruwaandaa ani keessatti guddadhetu itti fufa ture, sana ijoollee koo dhaalchisuu hin barbaanne," jette.

Suura Viktooriyaan duguuggaa sanyii dura maatii waliin kaate

Madda suuraa, Victoria Uwonkunda

Ruwaandatti namoonni walitti dhufanii araarri gidduusaanitti akka bu'uuf inishetivoonni heddu hundaa'aniiru. Isaan keessaa tokko pirojektii Kiristaanaa namoonni yakki irratti raawwateefi yakkicha raawwatan walitti fiduun akka waliin dubbatan godhuudha.

Dhaabbati kun namoonni kun sa'a ykn loon waliin kunuunsaa walitti dhiyaatanii araarri dhugaan gidduusaanitti akka bu'u gargaara.

Ruwaandan dur sanyii irratti hundaa'un gargar qoodamtee turte, har'a biyya tokkummaanshee cime taatetti- biyyattii keessatti waa'ee sanyii haasa'uun seeran dhorkaadha.

Qeeqxonni garuu mootummaan Ruwaandaa carraa kanatti fayyadamee namoota isa qeeqan himannaa duguuggaa sanyii (genocide) irratti banee akka callisan taasisa jechuun komatu.

Rakkoo kanaan dura ture sana keessaa guutummaatti bahuuf deemsi hafe inuma jira - deemsa koo kanaan kanan hubadhe.

Ruwaandaan garaa namaa akka walitti fayyuun gochuun sadarkaa amma irra jirturra gahuuf waggoota 30 itti fudhateera.

Ani bakkan dhufe Landanitti deeb'uuf, Kilaawudeet Mukarumaanziifi Jiin Kilaawud Natambaaraa diinummaa sanarraa garaansaanii walitti fayyee ollummaa isaanii itti fufuuf nagaa walitti dhaamnee gargar baane.

Ruwaandan yoomiyyuu biyya koo ta'uu hin dandeessu jedhee kanan ture waggaa 30 booda deebi'ee argee anis garaan koo na fayye- madaan garaa koo naaf qoore.