Tiraampii fi Maask: Guyyoota 10 hariiroo isaan jidduu balleesse
Walitti dhufeenyi Doonaald Tiraamp fi Elon Maamaask, hogganaa biyya dureettii addunyaa fi nama dureessa addunyaa, walitti michoomunsaanii waahilummaa wal-gitu gaarii fakkaatee ture.
Haata'u malee, guyyoota 10n darban lamaan isaaniitu dhabiisan waliigaltee salphaa irraa gara aarii guddaa ta'etti ce'aniiru. Guyyoonni kunneenis yeroo hariiroon isaanii adda cituun isaa ifa itti baheedha.
Mee guyyoota kudhan darban keessa taateewwan aanga'oota kanneen jidduutti mudatan ijoo haa ilaallu.
Roobii Caamsaa 28
Maask af-gaaffii CBS News waliin taasisaniin, karoora wixinee haaraa gibiraa fi baasii Tiraamp komate. Innis, seerri karoorfame kun akka isa ''mufachiise'' hime.
Boodarra ammoo Tiraamp mataasaanii, ''gama ta'een'' wixinee kanatti akka hin gammanne gaazexessitoota duratti kan amanan yoo ta'u, yeroo walfakkaatutti ammoo gama tokkoon, gibira hir'isuu isaa irratti ''gammadeera,'' jedhanii ture.
Haa ta'u malee, kallatiidhaan dubbii Maask sana irratti yaada hin kennine ture.
Kamisa Caamsaa 29
Guyyaa Kamisaa Maask sababii yeroon yeroo hojjataan mootummaa addaa isaaf qabame xumura irra ga'een booda, bulchiinsa Tiraamp gadhiisuu isaa beeksise.
Inis ergama baasii hir'isuu kan Kutaa Gahumsa Mootummaa (Doge) jedhamuun beekamu hoogganaa ture.

Jimaataa Caamsaa 30
Tiraamp Maaskiin guyyaa dhumaasaa Waayit Haawusitti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin isa faarsaa turan.
Maask ''dhugumatti hin bahu'' jedhu pirezidaantichi, gara Waayit Haawusitti ''ni deddeebi'uu'' itti fufa jedhan.
Wiixata Waxabajjii 2
Gaafa Wiixata Waxabajjii 2, 2025tti ammoo, Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasaa Truth Social irratti barreesseen, ''wixinee guddaa fi bareedaa kan ibsi sobaa baayyeen irratti kennamaa jiru'' imaammata dinagdee isaa isa olaanaadha jechuun falmaniiru.
Kibxata Waxabajjii 3, 2025
Maask irra deebiin, wixinee seeraa Tiraamp karoorfate irratti fulleeffachuun barreeffama toora X irratti barreesseen, ''guddaa, aarii guddaa, foon booyyeetiin kan guutamee'' fi '' jibbisiisoodha'' jechuun waaman.
Siyaasa Ameerikaa keessatti "booyyee" jechuun baasii pirojektoota naannoo filannoo miseensoota mana maree baasan agarsiisa.
Yaadonni kunis yaada Maaskii miidiyaa hawaasaa irratti kennaman hammachuu jalqabuu agarsiisa.

Roobii Waxabajjii 4 akka biyyaatti sa'aatii 13:57tti
Maask labsiin baasii haaraa "kan hanqina [baajata mootummaa Ameerikaa] baay'inaan hin guddifnee fi daangaa liqaa hin daballe" akka bahuuf waamicha dhiyeesse.
Roobii Waxabajjii 4 sa'aatii 14:50tti
Maask hordoftoonni isaa akka bakka bu'oonni isaanii wixinee Tiraamp mormaniif waamicha akka taasisaniif gaafatan.

Kamisa Waxabajjii 5, sa'aa 11:20tti
Maask walitti aansuun barreeffamoota durii Tiraamp X irratti barreessan, kan bara 2012 fi 2013, kan Tiraamp ittiin baasii mootummaa qeeqan waabeeffachuun qoode.

Kamisa Waxabajjii 5, sa'aa 12:00tti
Tiraamp wayita Chaansailarii Jarman Firedriik Meerzii waliin Waajjira Ovaalii keessatti haasa'aniitti, innii fi Maask ''hariiroo cimaa'' qabu akka turan garuu ''kanaan booda yoo kan itti fufnu ta'u hin beeku'' jedhan.
Akkasumas Maaskiin sababii deeggarsi konkolaattota elektirikiidhaaf kennamu karoora kaffaltii isaa keessatti hir'atuuf, kun ammoo daldala Teslaa fi SpaceX biliyeenaraa kanaa irratti dhiibbaa waan geessisuuf ''mufate'' jedhan.
Kamiisa Waxabajjii 5, sa'aatii 12:19tti
Maask tamsaasa Waajjira Ovaal irraatii batalumaan deebii kenneen, dubbii Tiraamp kuffiseera.

Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 12:24tti
Tiraamp gara Waayit Hawuusitti deebii'uun, Maask ''kallattii seerichaa huna beeka'' jechuun gaazexessitootaatti kan himan yoo ta'u, ''Eloniitti baayyee aareera'' jedhan.
Kamiisa Waxabajjii 5 sa'aatii 12:25tti
Maask kun ''sobadha'' jechuun X irratti deebii kunne. ''Wixineen kun gonkumaa yeroo tokkoyyu natti hin argsiifamne. Osoo miseensi kongirasii tokkoyyuu hin dubbisiin saffiisaan halkan dukkanaatiin ragaasifame!'' jechuun barreesse.
Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 12:44tti
Maask maxxansa Tiraamp durii X irratti barreesse, yeroowwan pirezidaantichi hanqina baajata Ameerikaa qeeqan kan calaqqisiisu, irra deebi'eeqoode. "Gurbaan kun har'a eessa jira??" jechuun gaafate.
Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 12:46tti
Fayyadamaa X biraatiif deebii kenneen, Maask akkas jechuun barreesse: "Osoo ana hin jiraatiin Tiraamp silaa filannoo kana ni mo'ama ture." Itti fufees akkas jedha: "galata dhabuu akkasii."
Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 13:44tti
Maask X irratti ammas deemaa jira jechuun, "Labsii Guddaa Fokkisaan hanqina gara doolaara tiriliyoona 2.5tti DABALA" jechuun himate.

Kamisa Waxabajjii 5 sa'aa 13:49tti
Maask itti fufuudhaan, barreeffamoota durii Tiraamp X irratti waa'ee baasii mootummaa barressan eere.
Innis akkana jedhee gaafate: "Namni jechoota kana barreesse eessa jira? Qaama dachaatiin bakka bu'ee!?"
Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 13:57tti
"Ameerikaa keessatti paartii siyaasaa haaraa qabatamaadhaan gidduutti %80 bakka bu'u uumuun yeroon isaa amma?" Maask X irratti sagalee akka kennan hordooftoota gaafate.
Kamiisa Waxabajjii 5 sa'aatii 14:37tti
Tiraamp waltajjii miidiyaa saa Truth Social irratti maxxansuu kan jalqaban, Maask ''obsa waan dhabeef'' Waayit Haawus keessaa bahuuf akka isa gaafate himuu, Maask ''MARAATEERA'' jechuun himatan.
Maask kana "soba ifa ta'edha" jedhee waaman.
Tiraamp barreeffama biraatiin ammoo, "Malli salphaan ittiin Baajanni keenya ittiin qusatamu keessaa tokko, Kontiraata deeggarsa Mootummaa Eloniif taasisu addaan kutuudha" jedhan.

Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 15:10tti
Maask ragaa osoo hin dhiheessiin, Tiraamp "faayilota Epstiin" keessatti akka mul'atan himate. Sanadoota mana murtii fi ragaa qorattoonni yakkamaa saalqunnamtii daa'imanii kan ta'e Jeefrii Epstiin wal hidhata akka qaban eeruun.

Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 16:06tti
Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti maxxansuun, "Elon natti garagaluun" akka isaan hin yaaddeesine ibsuudhaan, wixinee seeraa isaanii ittisuu itti fufaniiru.

Kamisa Waxabajjii 5 sa'aatii 16:09tti
Yaada Tiraamp kontiraata mootummaan dhaabbilee Maaskii waliin qabu addaan kutuu danda'a jedhuun yaada kennaniif deebii kennaniin, Maaskiin xiyyaara hawaa Draagoon, xiyyaara gara Buufata Hawaa Idil-addunyaatti imaluuttu ''battalumatti'' hojiirraa akka dhaabu dubbatan.

Kamisa Waxabajjii 5 sa'aa 16:11tti
Maaskiin ogeessa shiraa caqasuudhaan waa'ee pirezidantichaa faayiloota Epstiin irratti himannaa isaa yoo qoodu, Tiraamp aangoo irraa kaafamuu kan deeggeru fakkaata.
Kamisa Waxabajjii 5 sa'aa 16:26tti
Maask imaammata Tiraamp mallatteessan kan biraa, taarifa daldalaa isaa, X irratti maxxansuudhaan kunniin ''walakkaa bara kanaa lammaffaa keessatti kufaatii diingadee fidu'' jechuun qeeqan.
Kamisa Waxabajjii 5 sa'aa 21:27tti
Maaskiin amma deebii kannanii waan of qabaa dhufan fakkaata. Akkasi jechuun toora X irratti "hin dogoggorre" jechuun deebii kennan. Deeggaraa biliyeenaraa Tiraamp kan biraa, Biil Akmaan, kan lamaan isaanii "faayidaa biyya keenya guddittiitiif jecha nagaa buusaa" jechuun gaafate.

Jimaata Waxabajjii 6, sa'aatii 08:05tti
Tiraamp gaaffii fi deebii ABC News waliin taasisaniin, Maaskiin ''nama sammuu isaa dhabedha'' jechuun ibsuun, isa waliin haasa'uuf fedhii ''akka hin qabne''himan.
Waayit Haawus BBC'tti akka himutti, erga booda bilbilaan akka mari'atan gabaafamee booda, Tiraamp har'a biliyeenara teeknooloojii kana waliin haasa'uuf akka hin yaadne himan.
Akkasumas, Michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS, Tiraamp konkolaataa isaa Teeslaa, kan yeroo Maaskiin dhaabbata isaa beeksisuuf gargaaruuf yaalaa ture bitate gurguruuf yaadaa akka jiru gabaaseera.















