Gatiin Doolaaraa bu'aa jiru bulchiinsa Tiraampiif miidhaa moo faayidaa qaba?

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images
Doonaald Tiraamp Erga ji'a Amajjii darbe masaraa Waayit Haawusitti deebi'anii waraanni daldalaa labsan yaaddoo hedduu uumaa jiraatulleen humni bittaa Doolaara US garuu gadi bu'aa jira.
Torbee kana keessa hammeentaan gadi bu'e sharafa akka Yuuroo, Yeenii Jaappaanii fi Paawondii Ingiliiz waliin yoo walbira qabamu waggoota sadi keessatti isa olaanaa yoo ta'u, sochiin indastiriiwwanii US ji'oota sadiif walitti fufiinsaan gadi bu'e.
Taateen kun ammoo Ameerikaa yookan biyyoota dinagdee isaanii Ameerikaa waliin walitti hidhata qabu qofa osoo hin taane dinagdeedhuma idil-addunyaa irrattuu dhiibbaa qaba.
Baankiiwwan investimantii akka Morgan Istaanley, JP Morganii fi Goldman Saks waraana daldalaa Tiraamp labsaniin walqabatee gatiin doolaaraa kanarra gadi bu'uu danda'a jechuun tilmaama isaanii ibsu.
Xinxalaan dinagdee Gabri'el Siler kan dhaabbata Meeksikoo keessa jiru keessa hojjetan tokko akkas jechuun BBCtti dubbatan, "Gatiin doolaaraa kan gadi bu'e sababa imaammata dinagdee Tiraamp labsaniini. Waan kunimmoo maqaa gaarii Ameerikaa kan miidhu" jedhu.
Akka Siler jedhutti, imaammanni dinagdee Tiraamp labsanii hojiirra oolchaa jiran kuni guddina Ameerikaa kan miidhu qofa osoo hin taane amantaa biyyootni sharafa Doolaara Ameerikaa irraa qabanillee gaaffii keessa galcha.
jijjiiramni ijoon humni doolaaraa gadi bu'uun fide Meeshaaleen Ameerikaatti omishamanii alatti ergaman gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta'uudha. Sababni ammoo namoota biyya alaatti omisha Ameerikaa bitaniif gatiin rakasa waan ta'uufi.
Gama kaaninimmoo omishaaleen biyyoota biraarraa gara Ameerikaa seenan sababa qaraxa irra kaa'ameetiin gatiin isaanii qaalii ta'a.

Madda suuraa, Getty Images
Hanga dhala baankii
Dhalli Baankii US keessatti gadi bu'uun Doolaarri gatiisaa akka dhabu taasisa. Kunimmoo inveestarootaa fi warra maallaqa isaanii baankii kaa'atan hawwachuurratti dhiibbaa qaba.
Kanaaf gatii doolaaraa dadhabsiisuun maallaqa ofeeggannoo Federaalaa US kan biyyoota kaanitti baankii giddugaleessaa jedhamuun beekamu dhala gadi aanaa kanaaf jecha rincica akka agarsiisu godha.
Gatii dhalaa olkaasuun toftaawwan ittiin qaala'iinsi gabaa to'atamu keessaa tokko. Sababni ammoo dhalli olka'aan namootni wayi bituu akka hir'isanii qusannaa jabeessan waan godhuufi.
Tiraamp Kuusaan maallaqaa Federaalaa dhala akka gadi buusu ajajan.
Amanamummaa gadi buusuu
Kallattii hedduudhaan yoo ilaalamu Ogeessonni dinagdee hedduun gatiin doolaaraa gadi bu'u kuni yaaddessaa akka ta'ee fi amanamummaa doolaara US gadi buusa jechuun yaadda'u.
"Amanamummaan hawaasni addunyaa Doolaara Ameerikaa irratti qabu kuni ifaajjii jaarraa walakkaa yookan isaa oliitiinii kan dhufe. Amanamummaan yeroo dheeraa fudhatee argame kuni garuu hamma libsuu ijaatti baduu mala" jedhu Yunvarsiitii Kaalifoorniyaatti ogeessa dinagdee kan ta'an Berii Icheengiriin.

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp maaliif Doolaara dadhabsiisuu barbaadan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota hedduuf Bulchiinsi US humni doolaaraa akka cimu jajjabeesaa turan.
Humni Doolaaraa dadhabuun baasii liqii Ameerikaan fudhattuu gadi buusa. Gama kaaniin biyyoota Ameerikaa waliin hariiroo gaarii hin qabne warra akka Iraan, Raashiyaa, fi Veenzuweelaa irratti dhiibbaa uumuun tumsa.
Yeroo Ameerikaa keessatti raafamni dinagdee jiruttelleen fedhiin biyyootni Doolaara USf qaban cimaadhuma. xinxaltoonni garuu bulchiinsi Tiraamp waan kana kallattii biraatiin ilaala jedhu.
Akka Ilaalcha Tiraampitti, humni Dolaaraa gadi bu'un Ameerikaa keessatti warraaqsa indastirii uumuun, yaada deeggartoonni isaanii Ameerikaaf "Bara warqee" fiduu jedhan milkeessuuf gargaara.
Sileer akka jedhutti Tiraamp humni Doolaaraa akka gadi bu'u kan barbaadaniif Humni doolaaraa cimaan Meeshaalee alaa gara Ameerikaa galan jajjabeessa kan jedhuuni.
Akka ilaalcha kanaatti humni doolaaraa dadhabsiifame maanufaakchariingii jajjabeessa, warshaale keessatti carraa hojii uuma, alergii guddisa, waliigalatti hanqina daldala alergii biyyattii mudateef furmaata ijoo fida.
Hanqina kuusaa maallaqa ofeeggannoo
Maallaqni ofeeggannoo maallaqa baankii giddugaleessaa yookaan angaa'ota biyyaatiin olkaa'amu yoo ta'u, kuusaa ofeeggannoo sharafa alaati. Maallaqni kuni sharafa idil addunyaa, inveestimantii fi maallaqa liqii kanfaluuf kan ooludha.
Gabaa Addunyaa irratti barbaadamummaan Doolaaraa, gatii doolaaraa olkaasa, meeshaaleen Ameerikaa keessatti omishamnais akka qaala'an godha.
Kuni ammoo Ameerikaa keessatti kanneen omishaniif hanqina gabaa uumuun, dhabbileen maanufaakchariingii ammaan dura gatii galteewwan omishaa fi mindaa hojjettootaa hir'isuuf Ameerikaan alatti omishaa turan akka dhaabanii Ameerikumatti omishaniif gargaara.
Akka yaadamaatti Pirezedaantiin Ameerikaa kamuu gatii Doolaaraa sharafa biyyoota biraa waliin qabaatu too'achuu hin danda'u jedhamee yaadama. Sababni ammoo sharafni gatii bilisaan socho'a jedhamee waan yaadamuufi.
Seera baastonni Waashingitan jiranis Doolaarri haa laafu yookan haa jabaatu jedhanii seera baasuu hin danda'an. Gatiin Doolaaraa kan murtaa'u gabaa sharafaa idil addunyaatiinii fi inveestaroonni gurguddoon Doolaara bitanii kan gurguran gatii nabaasa jedhaniini.
Garuu imaammanni dinagdee US gabaadhaaf mallattoo waan kennuuf gatii doolaaraa irratti jijjiiramni nimul'ata.
Amanamummaa hir'achuun Doolaaraa sababa kanaan hir'achuu danda'u garuu dhiibbaan inni fidu hagas mara hin ta'u. Akka xiinxaltoonni jedhanitti rakkoon akkasii waan yeroof mul'atu malee wan itti fufiinsa qabaatu hin ta'u.
"Ammatti qabeenyi yookan sharafni Yu'aanii Chaayinaas jettu, Bitkooyinii yookan Warqees ta'u hamma Doolaaraa fedhii hundaa guutu hin jiru. Ammatti Filannoon biraa hin jiru" jedhu Ogeessi Dinagdee Isteev Richito APtti wayita dubbatan.
Fayyadamtoonni US keessa jiran ammatti qaala'iinsa jireenyaatiin miidhamuu malu. Sababni ammoo sababa taarifa haaraa Tiraampiinii fi doolaarri dadhabuutiin meeshaalee alaa galan gatii guddaadhaan bitu.
Tiraampi yeroo duula nafiladhaa adeemsisaa turanitti qaala'insa jireenyaa nan hir'isa isa isan jedhanii waadaa galanis qalbiidhaa qabu.
Kanas ta'e sana ammatti dadhabuu Doolaaraatiif sababoota hedduutu eerame. Waraana Daldalaa Tiraamp labsan, wixinee bajataa fi taaksii kutuu kan amma Kaapitool Hiilitti irratti mari'atamaa jiru, qaala'iinsi jireenyaa, dhalli baankii fi kaan humna bittaa Doolaaraa irratti dhiibbaa fidaniiru.
Ammatti garuu deebii caalaa gaaffiitu heddummata. Wool istiriit garuu Doolaarri bakka ciminasaa duraatti deebi'uudhaaf amma bakka malee jira jechuun akeeka.












